Haadha Ji’a tokko booda lakkuu deesse

Haati Bangilaadesh erga ilma tokko deessee ji’a tokko booda daa’imman lakkuu dahu doktarri ishee BBC’tti himeera.

Ariifaa Sulxaanaa, dubartii waggaa 20 yoo taatu, dhuma ji’a Gurandhalaa keessa daa’ima tokko deesse. Guyyoota 26 booda garuu garaa ishee keessatti dhukkubbiin itti dhagahamnaan gara mana yaalaa biraa deemte.

Doktaroonni gadameessa ishee lammaffaa keessatti daa’imman lakkuu biroo jiraachuu baranii yaala baqaqsanii wal’aanuu tasaa godhaniif.

Daa’imman lakkuu dhalatan gutummatti fayyaa qabeeyyii yoo ta’an rakkina tokko malee dhalatan.

Addee Sulxanaan, baadiyyaa kan jiraattu yoo taatu, daa’ima ishee jalqabaa hospitaala kolleejjii fayyaa Khulna kan aanaa Khulna keessatti argamutti deesse.

Guyyoota 26 booda, gaafa Bitoteessa 21 dhukkubbii garaa himachudhaan gara hospitaala Ad-din kan aanaa Jessore argamutti geffamte jechuun ispeeshaliistiin yaala gadameesssa kan yaala baqaqsanii yaalu tolchiteef doktar Sheila Poddar dubbatti.

“Yeroo isheen dhuftu erga ‘ultrasound’dhaan ilaalle booda akka lakkuu garaa keessa qabdu beekne,” jetti Dr. Sheila Poddar .

“Baay’ee rifanne, raajeeffannes. Asiin dura waan akkana argee hin beeku.”

Akka Dr. Poddar jettutti, Addee Sulxaanaa fi abbaan warraa ishee “harka qalleeyyii” waan ta’aniif “asiin dura ‘ultrasound’dhaan ilaalamte hin beektu.”

“Akka lakkuu biraa gadameessa keessaa qabdu hin beektu ture,” jedhu Dr Poddar. “Yaala baqaqsanii wal’aanuu gooneefi lakkuu, intala tokko fi dhiira tokko deesse.” Jedhu.

Haati waggaa 20 fi daa’imman ishee turtii guyyoota afur booda gaafa Bitoteessa 25 hospitaala bahan.

“Daa’immaniifi isheenis naguma isaaniti. Wanni hundi haala gaariin xumuramu isaatiin baay’ee gammade” jedhu Dr. Poddar.

Ispeshaliistiin yaala gadameesssa Singapoor tokko akka jedhanitti haalli kun ‘Uterus Didelphys’ jedhama – gadmeessa lama qabaachu – kunis “akka namoonni yaadan waan hin jirre miti”.

“Killeen sanyii sadii al tokkotti akka isheen daa’immaan godhachuu dandeettutti uumamee akka isheen daa’imman sadii qabaattu tasisee jira.”

Maddi: BBC Afaan Oromoodha

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *