Dhugaatiiwwan shukkaarummaa qaban umurii malee du’aatii qaqqabsisa jedhame

Dhugaatiwwan shukkaarummaa qaban nama dhibeewwan akka onneefi gosoota kaansariif nama saaxiluun carra umurii malee du’uu namaa dabalaa jedha qorannoo haaraan.

Yunivarsiitii Harvaarditti manni barumsaa Pabliik Heelz T.H Chaaniin qo’annoon ji’a darbe maxxanfame dhiirota 37,000 fi dubartoota 80,000 irratti waggoota 30’f erga qoratee booda dhugaatiwwan shukkaarummaa qaban baay’isuun carraa umurii malee du’uu dabalaa jedhan.

”Ji’atti si’a tokko dhuguu wajjin wal bira qabamee yoo madaalamu, ji’atti tokkoo hanga afuuritti dhuguun carraa umurii malee du’uu dhibbantaa tokko dabala, torbanitti lamaa hanga jahaa dhuguun dhibbantaa jaha, guyyaatti tokko hanga lamaa dhuguun dhibbantaa 14, lamaa fi isaa ol dhuguun dhibbantaa 21 dabala” jedhu Yunivarsiitii Harvaarditti qorataa muummee Niiwtirishinii kan ta’an Vasaanti Maliik.

Bu’aan qorannoo kanaa fayyadamni dhugaatiiwwan lallaafaa dabalaa wayita jirutti ta’uun isaa dhimmicha yaaddessa taasiseera.

Dhugaatiiwwan lallaafaa daayitii garuu carraan balaa nama saaxiluu isaanii xiqqaa ta’uu qorannoon Harvaard kun addeeseera. dhugaatiiwwan kun gabaa dhugaatiiwwanii keessatti harka xiqqoo yoo ta’an lakkoofsi fayyadamtoota dhugaatiiwwan akkasii garuu xiqqaa dha.

Biyyootni kaan caala balaa kanaaf saaxilaman eenyufaadha?

Akka ragaan bara 2018 agarsiisutti biyyoonni akka addunyaatti dhugaatii lalaffaa fayyadaman armaan gaditti kaa’amaniiru. (Madda: Euromonitor International)
Chaayinaa 410.7
USA 356.8
Ispeen 267.5
Sawud Arabiyaa 258.4
Arjentiinaa 250.4
Naajeeriyaa 233
Japaan 185.8
UK 168.3
Turkey 160.6
Brazil 114.6

Dhugaatiiwwan lallaafaan gosa garaagaraatti kan qoodaman yommuu ta’u, bishaan qaruuraawwaniin qophaa’anis ni dabalata. Biyyoota yaaddoo keessa jiran keessa sadarkaa jalqabaarra kan argamtu Chaayinaan bishaan qaruurawwanin qophaa’an harka hedduu caala dhugaatiwwan gosa biroo fayyadamti.

”Bu’aan kun imaammatni dhugaatiiwwan akka kanaa daa’immaniifi gaheessotaaf gurguruu irratti daangeffamni akka jiraatu ni deeggara. Sababni isaas imaamtni amma jiru rakkoo dhugaaatiwwan kan dhuguun dhufu yaaliif baasii gaafatu ilaalcha keessa hin galchine” jedhu qo’ataan Yunivarsiitii Harvaard biroon Waalteer Wileet.

Yaaddoo guddaan ogeeyyii dhugaatiiwwan shukkaarummaa qaban daa’immaniifi dardaroota irraan gahaniidha.

lakkoofsi daa’immanii umurii 5-19 gidduu jiranii fi furdina akkaa olii keessa jiranii bar 1975 miiliyoona 11 ture bara 2016’tti miiliyoona 124 gaheera jedha gabaasni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa(WHO)

Maddi: BBC Afaan Oromoodha

Recommended For You

One Comment to “Dhugaatiiwwan shukkaarummaa qaban umurii malee du’aatii qaqqabsisa jedhame”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *