Tarkaanfiin hattootarratti fudhatamaa jiru itti fufuu qaba

Finfinnee: Addi Bilisummaa Oromoo ‘ABO’ tarkaanfii hattoota biyya saamanirratti fudhatamaa jiru akka deeggaruufi cimee itti fufu akka qabu Dubbii Himaan dhaabbichaa ibsan.

Dubbii Himaan ABO Obbo Toleeraa Adabaa ibsa Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaaf addatti kennaniin tarkaanfii hattootaafi humnoota sarbama mirga namoomaa raawwatan seeratti dhiheessuuf mootummaan fudhachaa jiru jajjabeessaa ta’uu dubbataniiru.

Shakkamtoonni hattummaan qabaman kunneen  waggoota 26 oliif  aangoo dahoo godhachuun qabeenya ummata Itoophiyaa saamuun biyyarratti deega labsaa turuusaanii kaasanii, tarkaanfiin qaamota kanarratti fudhatamu isaan biroof barnoota ta’a jedhaniiru.

Maqaan hattummaa moggaafameef itti xiqqaata kan jedhan Obbo Toleeraan, qabeenyi saamameefi biyyaa miliqfame osoo biyyaaf galii ta’eera ta’e rakkoo hojidhabdummaa dargaggootarratti hammaate kanaaf furmaata akka ta’u himaniiru.

Haa ta’uutii dhibaahonni lammiif hin yaanne aangoo dahoo godhachuun kaaznaa mataasaanii guuttachaa ilmaansaanii jireenya basha’aa akka jiraatan yoo taasisan ilmaan qabeenyi maatiisaa jalaa saamamemmoo mana hidhaatti guuruun dararaa hamaaf saaxilaa akka turan dubbtaniiru.

Saamichi waggoota 26f karaa beekamuufii hinbeekamneen qabeenya lammiilee biyyittiirratti raawwate dinagdee biyyittiillee booddeetti harkiseera kan jedhan Obbo Toleeraan qaamonni gochaa suukanneessaafi saalfachiisaa akkasii raawwatan seeraan gaafatumuun itti fufuu qaba jedhaniiru.

ABO yeroo mootummaa cehumsaa biyyaa akka baafamu kan godhameefis ilaalcha hattootaa kana mormuusaatiin ta’uu ibsanii, saamichiifi ajjeechaan waggoota 26f qaqqabaa ture kun kanaa booda dhaabbachuu akka qabuuf aantummaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Dargaggeesi humna omishaa ta’e hedduun sarbama mirgaa qaqqabaa jiruufi saamicha raawwataa jiru kana mormuusaatiin akka ajjeefamaniifi qaamnisaan hir’atu ta’uusaanii addeessaniiru.

Tarkaanfiin yakkamtoota kanarratti amma fudhatamaa jiru kun ummata bal’aa garaa ciibsaa jira kan jedhan Obbo Toleeraan, sochiin eegalame kun booddeetti akka hindeebineef lammiileen hundi mootummaa faana hiriiruu akka qabanis dhaamaniiru.

Sochiin hattoota seeratti dhiheessuuf taaasifamaa jiru kun mootummoota naannooleenis ta’e Paartiilee morkattootaan deggaramuu akka qabuufi  murtee madaalawaa ta’e akka argataniifis hojjechuu akka barbaachisu dhaamaniiru.

Akka ibsa Dubbii Himaa kanaatti, hattuun sanyii ykn lammii kan hinqabne ta’uus akka dhiibbaan sanyummaa qaqqabaa jiruutti dubbii haqaaqanii dhugaa ummataa dabsuuf yaaluun sirrii akka hintaane himaniiru.

“Harki hanna bare dooluutu warraaqa” akkuma jedhamu humnoonni kaleessa saamicha baran har’a faayidaansaanii jalaa wayita ugguramu sosocho’uunsaanii akka hinoole kaasanii,  gama kanaan tarkaanfiin barsiisaa fudhatamu cimuu akka qabu himaniiru.

Hattootni maal na dhibdeen qabeenya ummataa akkasumas, lubbuu lammiilee ukkaamsaa turan saba mara keessa jiru kan jedhan Obbo Toleeraan hundisaani murtoo seeraaf akka dhihaataniif dhaabisaanii kan tumsu ta’uu addeessaniiru.

Waasihun Takileettiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *