Oyiruu hektaara miliyoona 2.5 irraa midhaan sassaabame

Finfinnee: Oromiyaatti oyiruu hektaara miliyoona 5.9 midhaaniin uwwifame keessaa hektaara miliyoona 2.5 irraa midhaan sassaabamuu Biiroon Qonnaa Naannichaa beeksise.

Daarektarri Misoomaafi Eegumsa Biqiltuu biirichaa Obbo Dajanee Hirphaa ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, naannichatti oyiruu akaakuuwwan midhaanii adda addaa irra ture keessaa kan walakkaatti siqu sassaabameera. Kana keessaas midhaan kuntaalli miliyoonni torba calleeffamee galeera.

Sassaabbiin midhaanii kun keessumaa godinaalee Baalee, Arsii, Shawaa Bahaafi Shawaa Kibba Lixaatti kombaayinara (maashiniidhaan) deggaramee kan geggeeffame ta’uus beeksisaniiru. Kombaayinarichi kallattummaan haamee calleessuun gootaraatti kan galchu ta’uus himanii, midhaan haala aadaatiin sassaabames dhahuufis torban tokko caalaa tursiisuun kan hinbarbaachisne ta’uu eeraniiru.

Qonnaan bulaan omishasaa dafee rooba jalaa akka sassaabuuf  barattootaafi qaamolee nageenyaa hirmaachisuun hojjetamaa jiraachuus himanii, gareen ogeessotarraa hundaa’eefi dhimma kana hordofus godinaalee 20 naannichaatti jiddugalarraa bobba’uusaa addeessaniiru.

Milkaa’ina sabsiitiif mirkanaa’uun nageenyaa murteessaadha kan jedhan Obbo Dajaneen, rakkooleen nageenyaa naannawawwan Oromiyaa tokko tokkotti mul’atan midhaan gahe roobaan akka hinmancaaneef dafanii sassaabuurratti dhiibbaa kan uume ta’uu himaniiru.

Tilmaamni sabsii duraas qindaa’aa jiraachuu Obbo Dajaneen eeranii, kan baranaa kan bardheengaddaa caaluu akka danda’u ibsaniiru.  Omishtummaa dabaluuf dhiyeessiin guddistuu callaa keessumaa hanqinni xaa’oo yuriyaafi sanyii filatamaa mudachuusaas beeksisaniiru.

Roobni arfaasaa bardheengaddaa keessumaa godinaalee Oromiyaa Kibbaa, Gujiifi Booranatti gaarii ta’ullee akka waliigalaatti kan gannaa turee seenuufi ciccitaa ta’uun omishtummaarratti dhiibbaa kan uume ta’uu eeraniiru.

Ta’us omishni baranaa kan bardheengaddaa wajjin walbira qabamee oggaa madaalamu caalmaa qabaachuu mala jedhanii, kunis xiinxallii dirree booda ifatti kan ibsamu ta’uu dubbataniiru

Charinnat Hundeessaattiin

Recommended For You

One Comment to “Oyiruu hektaara miliyoona 2.5 irraa midhaan sassaabame”

  1. Pingback: blote tieten

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *