Muudamoonni mana mareetiin ragga’an dubartoota gara aangoo olaanaatti fiduun alatti rakkoon kutattummaa kan cabsuudha

Bitootessa 7 bara 2010 erga Doktar Abiyyi Ahimad Ministira Mummee RFDI ta’anii muudamanirra eegale muudamonni Mana Marii bakka Bu’oota Ummataatiin raggasifaman ajaa’ibsisaafi hawwisisaa ta’aa dhufeera.

Aangoofi hojii mana marechaa keessaa tokko muudama aangawoota  raggaasisuudha. Aangoosaa kanaanis muudamtoota miseensota kaabinee sakatta’ee raggaasisera. Muudamoota manni marichaa raggaasise keessaa muudamni Pirezidaantii RFDI, Pirezidaantii Mana Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa  dubartoota gara aangoo olaanaatti fiduuf sochii taasifamaa jiruuf fakkeenya gaarii ta’a.

Dubartoota gara aangotti fiduuf Doktar Abiyyi Ahimad ittigafatamummaa mootummaafi dhaabasaanitti fayyadamuun gahee olaanaa bahataniiru; bahataas jiru. Kanaan dura dubartoota gara aangootti fiduuf adeemsi ture baay’ee harkifataadha. Kanas odeeffannoowwan hanga har’aatti turan ilaaluun ni danda’ama.

Fayyadamummaafi hirmaannaan walqixa ta’e dhabamuusaatiin dhiibbaafi miidhaan dubartootarra gahaa ture mootummaan RFDI yeroo ammaa rakkoo kanafuruun hirmaannaafi fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessaa jira.  Mirgi dubartootaa akka kabajamus taasisaa jira.  Mirga dubartootaa kabajchiisuufis hojiilee hedduun raawwatamaa jiru. Gama kanaan bu’aalee hedduun kan kalmaa’an ta’us hanga eegame miti. Jijjiramni harkifataa qaamolee seera raawwachiisaaniifi hiikan biratti mul’ate hanga tokko ilaaluun ni danda’ama.

Gama qaama seera baasuutiin manneen marii sadarkaatiin jiran keessumaa sadarkaa gadaanaarratti hirmaannaan dubartootaa kan dhiiraatiin walqixa akka ta’an gabaasawwan dhiyaatan kan mul’isan yoo ta’u, hangi hirmaannaa mana maree bakka bu’oota ummataa miseensota 547 keessaa gaheen dubartoota dhibbantaa 38 gaheera. Sadarkaa kanarra gahuuf waggoota 20 ol fudhateera. Mana maree jalqabaarratti lakkoofsi miseensota dubartootaa 13 turan ykn dhibbantaa lama, isa lammaffaarratti 42 ykn dhibbantaa torba, sadaffaarratti 117 ykn dhibbantaa 21, isa arfaffaarratti 152 ykn dhibbantaa 27, akkasumas isa shanaffaafi amma 212 ykn dhibbantaa 38rra gahuu danda’aniiru.

Kanas naannoolee shanii ilaaluun ni danda’ama. Naannoo Tigiraayirraa teessuma 38 keessaa dhibbantaa 37, Amaaraa teessuma 138 keessaa dhibbantaa 40, Oromiyaa teessuma 178 keessaa dhibbantaa 35, Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Kibbaa teesuma 123 keessaa dhibbantaa 40fi Somaalee teessuma 23 keessaa dhibbantaa 60 dubartootaan qabamaniiru.

Odeeffannowwan kunneen gama tokkoon harkifannaa jijjiramichaa kan mul’isu yoo ta’u, gama biroon ammo bakka kutannoon jiru jijjiramni galmaa’uu akka danda’u kan mul’isudha. Akka hundeeffamoota dhaabbilee naannooleetti, umriifi ejjennoo qabaniin wayita ilaalamu hojiin dubartoota gara aangootti fiduuf  raawwatame wal qixa hin adeemamne. Dhaabbilee umrii dheeraa qaban caalaa kan dhiyootti hundeeffaman gama kanaan hojii foyya’aa hojjetaniiru. Kan biraan kutannoo jirudha. Kunis fakkeenyaaf  naannoo Somaaleetti kanaan dura dubartiin tokkoyyuu hirmaattuu mana maree bakka bu’oota ummataa kan hin taane, mana maree shanaffaa kanatti hirmaannaansaanii dhibbantaa 60 qaqqabuu danda’eera. Kutannoofi ejjennoon yoo jiraate bu’aaleen gaarii galmeesisuun akka danda’amu hubachuun ni danda’ama.

Hirmaannaan dubartootaa gama abbaa alangummaafi raawwachisummaatiin jiru hir’ina akka qabu yeroo adda addaatti gamaagamama ture. Bakkawwan abbaa alangummaarratti qaawwa jiru sirreessuuf wagga darbe muudama abba alangawwan Mana Murtii Federaalaaf manni marichaa kaadhimatoota 123 muudeera. Baay’inni abbaa alangaa mana murtichaa  49 yoo ta’an, kunneen keessaa saddeet ykn dhibbantaan 16 akkasumas, abbaa alangaa mana murtii sadarkaa jalqabaa federaalaa 74 keessaa 16 ykn dhibbantaan 21 dubartootadha. Wayita muudamichaa kanatti baay’inni dubartootaa gadaanaa ture. Kanneen kanaan dura jiranis kan eeramaniin gadi turan.

Erga Doktar Abiyyi Ahimad gara aangootti dhufanii booda muudammoonni, ramaddiiwwaaniifi filannoowwan aja’ibsisoon hirmannaa dubartoota daran cimsan mul’achuu jiru. Keessumaa tarkaanfiwwan gama raawwachistootaatiin fudhatamaniin hirmaannaan dubartootaa kan dhiirootan qixa ykn dhibbantaa 50 ta’uu danda’eera. Kana malees waajjiraaleen gurguddoo yeroo jalqabaaf dubartootaan gaggeeffamuu eegalaniiru. Fakkeenyaaf Ministeeronni Ittisaa, Geejibaa, Daldalaafi Industitii, Nageenyaafi dubartootaan akka hoganaman ta’aniiru.

Muudamtoota miseensota kaabineewwaniin alatti Pirezdaantii RFDI ta’uun yeroo jalqabaaf kan muudamte dubartiidha. Muudamni kun itti fufuun Pirezdaantiin Mana Murtii Waliigala Federaalaas yeroo jalqabaaf dubartii taatetti. Walumaagalatti muudamoonni Mana Marii bakka Bu’oota Ummataatiin ragga’an dubartoota gara aangoo olaanaatti fiduun alatti rakkoon kutattummaa kan itti cabe ta’uusaa hubachuun ni danda’ama.

Hojii ittaanuutti dubartootni dame adda addaatiin ittigafatamummaa garagaraarratti muudaman hojii qabatamaafi kan biyyattii jijjiru hojjechuun gahummaasaanii ifatti mul’isuu qabuun dhaamsa keenya.

Dhaabbata Pireesii Etoophiyaa

 

 

 

 

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *