“Amboo daandii tokkorraa gara daandiiwwan hedduu horachuutti ceeteerti.” Obbo Haacaaluu Gammachuu

Finfinnee: Amboo daandii tokko qofaan beekamaa turte jijjiiramaa as daandiiwwan hedduu horachaa jiraachuu kantiibaan magaalattii Obbo Haacaaluu Gammachuu ibsan.

Obbo Haacaaluun Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, Ambo baroota dheeraaf daandii asfaaltii tokko qofaan beekamti. Sochii sirna cunqursaa buqqisuuf taasisaa turteenis quuqqaafi tokkummaanshee “Amboo karaa tokkoo, Amboo garaa tokkoo” jedhamuun ibsamaa turte.

Amboo garaa tokkoo kan jedhu ammas kan jiruufi yoomiyyuu kan hinjijjiiramne ta’us Amboo karaa tokkoo kan jedhu jijjiiramuuf garuu daandiiwwan keessoo hedduun hojjetamaa jiraachuu himanii; daandii asfaaltii keessoo kallattii tokko qofaan ture seenaa ta’uun jijjiirama as garuu daandiiwwann keessoo Hora Ayeetuu, daandiiwwann keessoo Torban Kuttaayeefi Ganda Yaa’ii Gadaa hojjetamuu ibsaniiru. Kana malees, daandiin cirrachaa Ganda Goljaarraa gara Goromtii geessu Kisoosee, Faarisiifi Awwaaroo walqunnamsiisus hojjetamuu dubbataniiru.

Kanaan dura magaalattiitti daandii asfaaltii qaxxamuree darbuun ala kan cirrachaallee sadarkaasaa eeggate waan hinturreefi yeroo roobaa garmalee dhoqqaa’uuf namni yeroo manaa bahu kophee tokko godhatee kaan ammoo harkatti qabatee manaa ba’aa turuus yaadachiisaniiru.

Xiyyeeffannaa mootummaa jijjiirramaatiin magaalattitti daandii asfaaltii keessoo qofti kiiloomeetira 15 hojjechuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti daandiin kiiloomeetira 9.6 hojjetamuu dubbatanii; daandii qofa osoo hintaane misooma rogawwan maraan Amboo daandii jijjiiramaarra jiraachuu eeraniiru. Dargaggootni magaalattiis ammaan tana waldaadhaan gurmaa’uun jiruufi jireenyasaanii akkasumas biyyasaanii jijjiiruurratti akka argamanis ibsaniiru.

Haala mijataa mootummaa jijjiirramaatiin uumametti fayyadamuun barana pirojektota kanaan dura jalqabaman xumursiisuufi fedhii ummataa giddugaleessa godhatanii pirojektota haaraa jalqabsiisuun hojiileen misoomaa hojjetamaa jiru kan jedhan Obbo Haacaaluun; magalattii bareechuufis muuxannoo magaalota Shaggariifi Jimmaa fudhachuun hojiin misooma lagaa keessattuu kan laga Hulluuqaa hojjechuuf dizaayiniinsaa xumuramee hojiitti galuuf qophiin xumuramuu eeraniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 28  / 2016

 

Recommended For You