Miseensonni Shanee harka kennachuu ittifufan

Godina Boorana Bahaatti miseensonni ABO Shanee 107 ta’an waamicha karaa nagaa mootummaan taasiseef fudhachuun harka kennatan.

Godinichatti tarkaanfii olaantummaa seeraa mirkaneessuu qindoomina qaamolee nageenyaatiin fudhatamaa jiruun miseensota garee ABO Shanee rukutamaa jiru.

Tarkaanfii olaantummaa seeraa mirkaneessuu garicha irratti fudhatamaa jiruun yeroo ammaa miseensota ABO Shanee 200 ol ta’an barbadaa’uu Ittigaafatamaan Waajjira Bulchiinsaafi Nageenya Godina Boorana Bahaa Obbo Mallicha Galmaa himaniiru.

Miseensonni garichaa 107 ammoo waamicha karaa nagaa mootummaan taasiseefi badii garichi uummatarraan gahaa jiru jibbuun karaa nagaan harka kan kennatan yoo ta’u 16 ammoo booji’amaniiru.

Godinicha keessatti oppireeshinii cimaa qindomina qaamolee nageenyaatiin gaggeeffamaa jiruun yeroo ammaa kana diinni rukutamaa jira.

Raayyaa Ittisa Biyyaa Izzii Kibbaatti Ajajaa Ittaanaan Kutaa Waraana 41ffaa Koloneel Naasir Mohaammad tarkaanfiin gama kanaan eegalame cimee kan itti fufu ta’uu himaniiru.

Oduudhuma walfakkaatuun Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Arjootti Raayyaa Ittisa Biyyaatti Kutaan Waraanaa Giddugaleessaa ABO Shaneerratti karaa qindaa’een tarkaanfii fudhateera.

Garichi yaalii inni RIB irratti fudhachuuf taasise qolachuu bira darbee bakka seenee akka hin baane gochuun guutumaan guutuutti akka rukutamu taasifamuun Ajajaan Ittaanaan Kutaa Waraanichaa Koloneel Tagany Alii ibsaniiru.

Raayyaan Ittisa Biyyaa Aanaa Arjootti hawaasa naannoofi qaamolee nageenyaa waliin qindoomuun Gandoota hedduu humna diinaarraa bilisa taasiseera.

Gariichi meeshaa badiidhaaf itti fayyadamaa ture kilaashii 04, rasaasa, kaartaa kilaashii 14fi qabeenya meeshaalee waraanaa yoo booji’aman Aanaa Arjoo Ganda Guddinaa jedhamutti waraana taasifameen miseensonni garee shororkeessaa Shanee hedduu barbaada’aniiru.

Haaluma wal fakkaatuun Ajaja Kutaa Waraanaa Lixaa Wallagga Bahaa Aanaa Gudayyaa Biilaatti garee shoroorkeessaa kanarratti tarkaanfii fudhatameen gaaga’ama hawaasummaafi qabeenyaa kan irratti qaqqabe ta’uu Ajajaan Waraanaa Kutaa Waraanichaa Leetenaal Koloneel Kalifaa Ittaanaa ibsaniiru.

Aanicha keessatti Ganda Abbaay Daallee jedhamuutti garee shororkeessaa kanarratti tarkaanfii fudhatameen miseensota garichaa 27 irratti tarkaanfiin yoo fudhatamu miseensonni 9 booji’amaniiru. Dabalataanis Kilaashiin 03, meeshaa waraanaa duubatti hafaa 16, shigguxii 02, kaartaa kilaashii 12fi hidhanni mudhii tokko booji’amuu ibsameera.

BARIISAA SANBATAA Ebla 26 Bara 2016

Recommended For You