Walitti hidhaminsaa Indastiriifi kanneen omisha barbaadan jidduu jiru cimsuun misooma si’eessuun barbaachisaadha

Walitti hidhamissaa Indastiriifi kanneen oomisha barbaadan jidduu jiru cimsuun misooma ariifachiisuun barbaachisaa ta’uu Ministira Muummee Ittaanaa RFDI Obbo Tamasgeen Xurunaa himan.

Jilli isaaniin durfamu magaalaa Bahaar Daaritti sosochii hojii misooma jiru daawwateera.

Obbo Tamsgeen wayita kana akka himanitti magaalaa Bahaar Daaritti indastirii, bu’uura misoomaa fi sagantaa maaddii guutuun hojiin hawaasa fayyadamaa taasisu hojjetama jiru.

Warshaan nyaata beelladaa oomishu kan magaalichatti argamu beellada furdisuuf, saawwan aannaniif, lukkuuf, gaalaafi nyaata beelladoota biroof oolu oomishaa jiraachuu daawwachuu himaniiru.

Kunis gaaffii dhiheesii nyaata beellada naannolee birootti sagantaa maaddii guutuu fi horsiisa beelladaa irratti kanneen bobba’an dhiheessan kan furudha jedhaniiru.

Rakkoo dhiheesiifi fedhii jiru walsimsiisuurratti mul’atu guutuuf walitti hidhamsa uumuun lammileen damee kana irratti bobba’an warshicharraa nyaata beelladaa haalli argatan mijachuu qaba jedhaniiru.

Karaa ammayyaan ijaarama kan jiru riqichi guddan Abbayyaarratti ijaarama jiru yeroo dhihootti yoo xumuramu guddina saffisaa magaalichaaf gahee olaanaa qaba jedhaniiru jechuun TOIn gabaaseera.

BARIISAA SANBATAA Ebla 26 Bara 2016

Recommended For You