“Dargaggoo Roonaaldoo faarsu miti Roonaldoo caalu horachuuf hojjechuu qabna” – Obbo Tijjaanii Naasir

Jimma: Waa’een kubbaa miilaa biyya alaa gafa ka’u dhiirri, dubartiin kara deemaan seenaa kilabiisaanii, seenaa taphattootaa, akkaataa taphasaanii gola jireenyasaanii xiinxalee balballoomsu kumaaf kitiladha.

Jarri waa’ee taphattoota kanneenii haasa’an waa’ee taphattoota kanaa koorsii addatti fudhatan hinqabani haata’u garuu turtii yeroon hordoffii fedhiirratti hunda’een waa’ee taphattoota garaa garaa beekuun, xiinxaluun dargaggoota baay’ee biratti baratamaadha.

Haata’u garuu dargaggoonni keenya ispoortessitoota alaa balballoomsan kunniin ofii ispoortiin gahumsa horatanii akka bahaniif osoo hojjenne jijjiirama fiduun ni danda’ama jedhu Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir.

Bulchaan Godinichaa tapha guutuu Oromiyaa tibbana Jimmaatti gaggeeffamaa ture wayita goolabamu haasaa taasisaniin dargaggoonni keenya taphattoota qaalii Awuurooppaa kan faarsan qofa osoo hintaane caalanii kan argaman akka ta’aniif kan daangessu hinjiru jedhu.

Dargagggoonni keenya atileetiksiin maqaa biyyaa waamsisan kunniin baadiyyaa Oromiyaa keessaa kanneen babahanidha, gama ispoortii biroonis caalanii argamuuf kan daangessu akka hinjirredha kan dubbatan.

Oromiyaan burqaa ispoortessitootaa hedduu taatee osoo jirtuu ofii hojjennee caallee maqaa keenya waamsisuu osoo dandeenyuu taphattoota kilabii Awuurooppaa faarsuu qofti misooma ispoortii keenya hinguddisu jedhu.

Kun waan ta’eef dhaloota ispoortiin of gahee ofirra darbee maqaa biyyasaa sadarkaaa addunyaatti waamsisuu danda’u horachuuf irratti hojjechuun barbaachisaa ta’uu kaasu.

Sochiin kun misooma wiirtuulee ispoortii keenyaa ammayyeessuu gaafata jedhanii deeggarsa mootummaaan taasisaa jiru cinatti gama dandahamuun tattaaffii barbachisu taasisuun dhaloota ispoortiin ijaarame horachuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Taphattoonni Awuurooppaa beekamoon hedduunsaanii baadiyyaa keessaa bahanii seenaa mataasaaniifi kan biyyasaanii jijjiiruu akka danda’an dargaggoonni keenyas deeggarsa mootummaan taasisu cinatti cimanii yoo hojjetan Roonaaldoo haaraa ta’uurra darbanii caalanii akka argaman dagatamuu hinqabu jedhaniiru.

Misoomni ispoortii keenya dhaloota naamusa ispoortiin ijaarameefi gahumsaan of gahee maqaa biyyasaa waamsisu horachuu waan ta’eef humna guutuun hojjennee jjjiirama fidna kan jedhan ammoo Hogganaa Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa Obbo Maatiwoos Sabbooqaati.

Ispoortiin guutuu Oromiyaa 26ffaa bara kanaa naamusaa gaariin xumuramuunsaa ga’umsi ispoortii horatamaa jiru olaanaa ta’uu agarsiistuu guddaadha. Ga’umsi ispoorteessitoota keenyaa dachaan akka dabaluuf kanamalees sadarkaa addunyaatti bu’aan akka buusuf sochiifi deeggarsi misooma ispoortiif taasifamu kan cimu ta’uus hubachiisaniiru.

Wiirtuuleen ispoortii keenya sadarkaasaanii kan eeggatan ta’uu baatanis fedhiifi kaka’umsi jiraannaan lafa yaadan gahuun kan danda’amu ta’uu yaadachiisaniiru.

Dirreefi haala mijataa hintaane keessatti atileetota sadarkaa addunyaatti maqaa biyyaa waamsisan horachuun erga danda’ameetii haalli mijataa muraasallee osoo uumame kanaa olitti gosa ispoortii garaa garaan maqaa biyyaa waamsisuun akka danda’amu agarsiistuu guddaadha jedhu.

Dhaloonni duuba jiru kun abdii egeree biyya keenya waan ta’eef misooma ispoortii eegalame kana keessatti hirmaannaa taasisuun Oromiyaarra darbee biyyasaaf bu’aa buusuuf hojjechuu akka qabu dhaamaniiru.

Misoomni ispoortii gahee mootummaa qofa waaan hintaaneef dhaabbileen gara garaas hirmaannaa taasisuun dhaloota qaamaan cime, naamusaan ijaarame kanamalees ga’umsa ispoortiin biyyaaf bu’aa buusu horachuuf deeggarsaafi aantummaa qaban agarsiisuu akka malan yaadachiisaniiru.

Dargaggoonni keenya ispoortessitoota kan faarsan qofa ta’uu keessaa bahanii ofii ta’anii kanamalees caalanii akka argamaniif qophaa’ummaafi kutannaan jiraachuu malas jedhameera.

Ispoortii guutuu Oromiyaa 26ffaa tibbana Jimmaatti gaggeffamaa ture kun ispoortessitoota kuma shan, gosa ispoortii 21n kan hirmaachise yoo ta’u, hirmaattotaaf badhaasaafi beekamtii kennuun marsaa 27ffaa Magaalaa Shaggaritti gaggeeffamuuf immoo gamanumaa qophiin taasifamuu akka qabu dhaamuun nagaan goolabameera.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 26 Bara 2016

Recommended For You