Misooma koriidariifi eegumsa hambaalee walsimsiisuun hojjetamaa jira

Finfinne: Misooma Koriidariifi eegumsa hambaalee magaalaa Fifinnee bifa walsimuun hojjetamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Eegumsaafi Qo’annaa Hambaalee beeksise.

Daarektarri Olaanaan Abbaa taayitichaa Pirofeesara Gargaaraan Ababaawu Ayyaaloo Roobii darbe ibsa miidiyaaleef kennaniin akka jedhanitti, magaala Finfinnee keessatti hambaaleen seenaa garaagaraa mul’isan baay’inaan argamu. Haa ta’u malee, kanaan dura ijaarsawwan garaagaraa osoo ulaagaalee hambaa ta’uu hin guutin hambaatti galma’aniiru.

Kutaa Magaalaa Araadaa qofatti waliigalaan ijaarsawwan ulaagaalee hambaa ta’uu guutaniifi hin guunne 147 galma’aniiru. Ta’us abbaan taayitichaa ijaarsawwan hambaa ta’uu danda’anifi hin dandeenye adda baasee galmeessuuf haala qabatamaa biyyattiin dabalata muuxannoowwan biyyoota siwizarlaandii, Jaappaaniifi Kanaadaa fudhachuudhaan hojjechuurratti argama.

Akka isaan jedhanitti, umrii ijaarsichaa, seenaa ijaarsichaa, ragaalee ijaarsichaan wal qabatan, akkaataa ijaarsichi itti ijaarame, ijaarsicha keessatti taatewwan raawwatamaa turan, yaadannoon ijaarsichaan wal qabatee jirufi ijaarsichi osoo hin jijjiirramin turuusaafaa ijaarsi tokko hambaa jedhamuuf dhimmoota murteessaniidha.

Ulaagalee hambaa ta’uufi ta’uu dhiisuu dhabuurraa kan ka’e Finfinnee keessatti hojii koridarii misoomaan wal qabatee waci tokko tokko dhaga’amaa jira kan jedhan Daarektarri Olaanaan kun; maddi iyya kanaa ijaarsa (mana) hambaa ta’uu hin dandeenye hambaadha jedhanii yaaduurraa kan madde ta’uu ibsaniiru.

Keessattuu Kutaa Magaalaa Araadaa naannawaa Birbirsa Gooroo (Piyaasaatti) manneen jiran manneen umrii dheeraa lakkoofsan ta’uusaaniin akka hambaatti namootni ilaalan hedduutu jira. Haa ta’u malee, manneen naannawaa sanatti argaman namootni yeroo adda addaatti daldalaaf akka isaaniif mijatan gochuudhaan jijjiiraa turaniiru. Manni ijaarsisaa sababuma kamiinuu jijjiirame ammoo hambaa ta’uu hindanda’u jedhan.

Misooma magaalaafi eegumsa hambaa walhunachiisanii hojjechuun ni danda’ama jedhanii; manni tokko waggaa dhibba ture jedhamee sababa manichaatiin misoomni nama kuma 200 fayyadamaa taasisu gufachuun sirrii akka hin taane hubachiisaniiru.

Gatiin kaffalamuu qabu kaffalamee hawaasni magaalattis guutuunis ta’ee kan naannawaa Birbirsa Gooroo (Piyaasaa) akkuma heera mkeewwata 92rratti barreeffame mirga naannawaa qulqulluu keessa jiraachuusaanis mirkanaa’uun dirqama akka ta’e yaadachiisaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 28  / 2016

 

Recommended For You