Qophii nageenyaa Ayyaana Faasikaa ilaalchisee ibsa Komishiinii Poolisii Oromiyaarraa kenname

Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa hundaaf baga Ayyaana Faasikaa (Sooma Hiikaa) bara 2016n isin gahe jechaa, Komishiiniin Poolisii Oromiyaa ergamasaa gama hundaan hojiirra olchuuf hirmaannaa ummataatiin hojjachaa tureera, ammas hojjachuurratti argama.

Ergamnisaa guguddoon nageenya naannoo mirkaneesuufi olaantummaa seeraa kabachiisuuf dandeettii raawwaachisummaa cimsachaa ayyaanotni ummataa guguddoon yaaddoofi rakkoo nageenyaa malee akka kabajamaniif yoomiyyuu caalaa qophii gahaa gochuudhaan hojjachaa jira.

Ayyaanni Faasikaa hordoftoota amantaa Kiristaanaa kan bara 2016 rakkoo nageenyaa malee akka kabajamuuf qophii hunda xumuree hojii keessa galeera.

Ayyaanichi ayyaana guddaa hordoftoota amantichaa biratti iddoo olaanaa qabuufi sirna ho’aadhaan kabajamu waan ta’eef kan baranaas nagaan akka kabajamuuf xiyyeeffannoon addaa kennameefiira.

Komishiiniin Poolisii Oromiyaa akkuma kanaan duraa ayyaanota ummataaf xiyyeeffannoo addaa kennuudhaan, humna poolisii qabuufi qaamolee nageenyaa biroo qindeessuudhaan, milkaa’ina ayyaana kanaaf komishiiniirraa hanga gadiitti hojii farreen nageenyaa iddoowwan adda addaatti sochii godhaniin nageenyi akka hinboorofneefi ummatni tasgabbaa’ee ayyaanasaa karaa nagaan akka hinkabajanneef sochii gufachiisaa godhamu kamuu fashaleessuuf hawaasni odeeffannoo wayitawaa ta’e qaamolee nageenyaaf kennuufi iddoo jirutti gurmaa’ee nageenyasaa akka eeggatu waamicha dabarsa.

Dhimmoota bittaafi gurgurtaa gabaa ayyaanaatiin walqabatee hannaafi gowwoomsaa adda addaarraa akka of eeguufi sochii tiraafikaafi balaa abiddaatiinis walqabatee ummatni of eeggannoo cimaa gochuu akka qabu, dabalataanis ummatni wantootni addaa yeroo isa mudate qaamolee dhimmi ilaalu waliin walqunnamuun furmaata akka argatuuf tumsuu qabuu kan jedhu dhaamsa Komishiinii Poolisii Oromiyaati.

Ayyaana gaarii!

Komishiinii Poolisii Oromiyaa

BARIISAA SANBATAA Ebla 26 Bara 2016

Recommended For You