Inistitiyuutichi odeeffannoo haalaafi amala qilleensaa waggaa 127 olii kuufachuu ibse

Finfinnee: Odeeffannoo haalaafi amala qilleensaa waggoota 127 ol ta’u kuufatee qabaachuu Institiyuutiin Meetirooloojii Itoophiyaa ibse. Ce’umasa teknolojii mirkaneessuuf piroojektiin yuuroo miliyoona 13n hojiirra oolaa jiraachuus ibsameera.

Daarektarri ittaanaan inistitiyuutichaa Obbo Kiflee Hayilamaariyaam Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf Wiixata darbe akka ibsanitti, inistitiyuutichi odeeffannoo haala qilleensaa raaguuf isa dandeessisu odeeffannoo haalaafi amala qilleensaa ibsan waggaa 127 olii kuufatee qaba. Odeeffannoo kana dhaloota ittaanutti dabarsuuf hojiin sirna qabiinsa, sassaabbii, xiinxaluufi tamsaasa odeeffannoo ammayyeessuu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, inistitiyuutichi odeeffannoo meetiroolojii bara dheeraa kuufateefi odeeffannoowwan sadarkaa addunyaatti jiran bu’uura godhachuun hojii odeeffannoo haala qilleensaa sassaabuu, xiinxaluufi tamsaasuu hojjechaa jira.

Kanaafis, sirna qabiinsa odeeffannoo ammayyeessuu gargaarsa Fiinlaadirraa argame yuuroo miliyoona 13n pirojektiin bocamee hojii bal’aan hojjetamaa jira.

Pirojektichi haalaafi amala qilleensaa saatalaayitii, moodaaliiwwaniifi raadaariirraa dhufan waajjira muummeefi giddugaloota tajaajila inistitiyuutichaa sirna ammayyaa’aan akka walargan taasisa.

Raadaarii raadiyeesii kiiloomeetira 250 irratti haala roobaa, duumessaafi cabbii to’atu sadii, buufataalee hordoffii bakakkaa afuriifi jijjiirama qilleensa baramaa hordofan 10 qaama pirojektii ijaaramaa jiruuti. Leenjiin teknolojicha waliin deemu gaggeeffamaa jiraachuus ibsaniiru.

Odeeffannoo haalaafi amala qilleensaa sirna ammayyaa’een funaaname bu’uura godhachuun bakkeewwan rooba olaanaa argatan hordofee balaa lolaa qaqqabu, balaa bakakkaa, jijjiirama qilleensa baramaa adda baasuun xiinxala haalaafi amala qilleensa gara fuulduraa qulqullinaan qabu raaguuf gumaacha olaanaa qaba jedhan.

Yaada ka’umsaa Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad dhiyeessan bu’uura godhachuun teknolojii rooba namtolchee roobsu waggoota lama dura eegalame milkeessuuf piroojektichi shoora olaanaa qaba jedhaniiru.

Saayinsii meetiroolojii qilleensi baramaan hangam akka jijjiirame adda baasuuf odeeffannoo haalaafi amala qilleensaa waggoota 30 akka ka’umsaatti fudhatamuu himanii; Itoophiyaan odeeffannoo haalaafi amala qilleensaa waggoota 127 olii kuufattee qabaachuun ragaa haala qilleensaa qulqullina qabu raaguuf carraa gaariidha jedhan.

Kanaafis, odeeffannicha osoo balaan irra hinga’iin dhalootatti dabarsuuf hojii dijitaalaayzeeshinii marsaa jalqabaa bara darbe xumuramee kan hafes yeroo hafe keessatti xumurama jedhan. Ce’umsa teknolojii eegalame milkeessuuf ijaarsi gamoo inistitiyuutichaa tajaajila bulchiinsaa, tekinikii, qorannoofi leenjii ijaaramaa jiraachuus eeraniiru.

Qaamoleen odeeffannoo inistitiyuutichaa fayyadaman akka hubatan akkasumas qindoominaan waliin akka hojjatan taasisuun tajaajila fooyya’aa kennuuf shoora olaanaa qaba. Dhiibbaa haala qilleensaa Itoophiyaa bu’uura godhachudhaan seektaroota qonnaa, fayyaa, inveastimantii, hoggansa ittisa balaa, bishaaniifi inarjii eegumsa biyyeefi bishaanii adda ba’uun inistitiyuuticha waliin qindoominaan hojjetaa jiraachuu ibsaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 28  / 2016

Recommended For You