Komishinichi daawwata tuurizimiirraa galii qarshii biliyoona 25 argate

Finfinnee: Daawwata tuurizimiirraa galii qarshii biliyoonni 25 argamsiisuu Komishiniin Tuurizimii Oromiyaa ibse.

Komishinara Ittaanaa Komishinichaa Naggaa Wadaajoo Kamisa darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, komishinichi misooma tuurizmii naannichatti raawwaterra qarshii biliyoona 25 argamsiisuun danda’ameera.

Tuurizimii naannichaa daran cimsuuf hojiiwwan dijitaalayizeeshinii, leeccalloo tuurizimii barbaaduu, haawwataa tuurizimiitti sona dabaluufi hubannoo investimantii tuurizimii umuu bal’inaan hojjetameera.

Komishinichi iddoo hawwata tuurizimii naannichaa tuuristoota miliyoona 8.5 akka daawwaatamuuf karoorfamuu himanii; daawwaattoota biyya keessaa miliyoona 8.1n iddoon hawwata tuurizimii daawwatamuu ibsaniiru. Tuuristoota dhimma garagaraaf naannicha keessa socho’an dabalatee tuuristoota biyya alaa kuma 150 daawwachiisuuf karoorfame keessaa tuuristootin kuma 139 daawwachiisuun danda’ameera.

Tuuristoota biyyya keessaafi alaa iddoo hawwata tuurizimii naannichaa daawwatanirraa qarshii biliyoona 25 ol argamuu himanii; Ireecha Hora Finfinneefi Bishooftuu, taajaajila hoteelaafi ristoorantiiwwan gargaraa, malkaawwan ulfoo, haroowwan, holqawwan iddoowwan hawwata tuurizimii naannichaa muraasa akka fakkeenya kaasaniiru.

Akka ibsa isaaniitti, iddoowwan hawwata tuurizimii Oromiyaa misoomsuuf hojii dijitaalaayizeshiniifi leeccalloo tuurizimii barbaaduu bal’aan hojjetameera. Midiyaalee biyya keessaafi alaa, maxxansaalee qabeenya haawwata tuurizimii naannichaa ibsan koppii kuma 20fi rogeeyyii miidiyaa fayyadamuun hojii qabeenya tuurizimii Oromiyaa beeksisuu bal’aan hijjetamuu ibsaniiru. Namoota bebbeekamoo garagaraa fayyadamuun, taateewwan biyya keessaafi alaarratti argamuun hojii beeksisuu bala’aan hojjetameera.

Dabalataanis, iddoowwan hawwata tuurizimii jiranitti taajijalawwan hawwata tuurizimiif oola akka eegaluuf iddoowwan haawwata tuurizimii lamarratti hojiin sona dabaluu karoorfamee hojjetamaa jira. Turizimii hawaasaa jajjabeesuuf waldaalee tuurizimii 61 hundaa’uu himanii; waldaa daawwachiistotaa, dhiyeessitoota meeshaalee tuurizimii, geejjibaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Komishinichi dhaabbilee michoomina guddina tuurizimiif galtee ta’an waliin michoomina uumee hojjeteen qarshii miliyoona 64tti shallagamu oolchuun danda’eera. Namootni qabeenya qaban investimantii tuurizimiirrattai akka hirmaataniif invastimantii tuurizimii 124 irratti hojiin hubannoo umuu kennameera.

Dijitaalayizeeshinii babal’isuun walqabatee dijitaalayizeeshiniin magaalaa bishooftuu xumuramuu himanii; dijitaalayizeeshiniin namootni naannawaasaanii akka hubatan taasisuurra darbee naannolee ollaa jiranis wal akka hubatan taasisuun hanga muuxannoo naannicharraa hirachuutti shoora guddaa taphataeera.

Qabeenya tuurizimii naannichaa gabaatti geeddaruun rakkoo ta’us garafulduratati turizimii naannichaa milkeessuuf abbootiin qabeenya investimantii tuurizimiifi akka hirmaataniif waamicha dhiyeessaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 28  / 2016

Recommended For You