Kilaboonni Tigraay gara liigii piriimeeritti deebi’an

  • Baankiin Daldalaa Itoophiyaa liigicha dursaa jira

Finfinnee: Sababa rakkoo nageenyaatiin waggoota muraasaaf liigii piriimeerii Itoophiyaarraa gargar bahanii kan turan kilaboonni Naannoo Tigraay gara liigichaatti akka deebi’aniif Koreen Raawwachiiftuu Hojii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa murteesse.

Walitti bu’insa dura Naannoo Tigraay bakka bu’uun shaampiyoonaa liigii piriimeerii Itoophiyaa keessatti hirmaachaa kan turan kilaboonni Tigraay, Bulchiinsa magaalaa Maqalee, Sii’huul Shiree Indasillaaseefi Walwaalloo Addigiraat bara 2017 irraa kaasee gara liigichaatti akka deebi’aniif federeeshinichi murteesseera. Murteen kun gaaffii Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Naannoo Tigraay dhiheesserraa ka’uun kan kenname ta’uunis ibsameera.

Murtee kanaan kilaboonni Naannoo Tigraay sadan bara 2017 irraa kaasee liigii piriimeerii Itoophiyaatti kan makaman ta’a. Murteen kun kilaboota liigii biyyaaleessaa keessa jiranis kan ilaallatu ta’uu federeeshinichi ibseera.

Gama biraan walmorkii kubbaa miilaa kilaboota liigii piriimeerii Itoophiyaa kan marsaa lammaffaa torban 22ffaa kilabni Baankii Daldalaa Itoophiyaa dursaa jira.

Barana liigii piriimeerii Itoophiyaatti kan makame kilabni Baankii Daldalaa Itoophiyaa taphawwan hanga ammaatti adeemsifameen qabxii 46n liigicha dursaa jira.

Shaampiyoonichi xumuramuuf taphiwwan saddeet kan hafan yoo t’u, kilaboonni Shashamannee qabxii 13n, Hambarichoo Duraamee ammoo qabxii saddeetiin sadarkaa walduraa duubaan sadarkaa 15ffaafi 16ffaarratti argamu. Carraan liigicha keessatti hafuu kilaboota lamaaniis dhiphachaa dhufeera.

Kilabni Machaal qabxii 41n Baankii Daldalaatti aanee lammaffaa, Qiddus Giyoorgis ammoo qabxii 39n sadarkaa sadaffaarratti argamu.

Kilabni Baahir Daar qabxii 37n sadarkaa afuraffaa, Bunni Itoophiyaafi Adaamaan garaagarummaa galchiin walcaalanii qabxii 34n, Bulchiinsi Magaalaa Faasiiliifi Dirree Dhawaas galchiin wal caalanii qabxii 33n sadarkaa shanaffaa hanga saddeettaffaarratti argamu.

Kilabni Hadiyyaa Hosaa’inaa qabxii 31n, Hawaasaan qabxii 29n, Walaayittaa Diichaan qabxii 28n, Bunni Sidaamaa qabxii 27n, Inshuraansiin qabxii 22n, Walqixxeen qabxii 16n sadarkaa saglaffaa hanga14ffaarratti argamu.

Walmorkiin marsaa lammaffaa torban 23ffaa ammoo Istaadiyoomii Yunivarsitii Hawaasaatti tapha kilaboota Oromiyaa magaalaa Adaamaafi Shaashamannee, akkasumas bulchiinsa Magaalaa Baahir Daariifi Dirre Dhawaa gidduutti adeemsifamaa jira. Walmorkichi Ebla 24-27 bara 2016tti kan turu ta’uunis beekameera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 26 Bara 2016

Recommended For You