. Hubannoo hawaasni seera irratti qabu maal fakkaata?

Seera beekuufi beekuu dhabuun ittigaafatamummaa seeraa jalaa nama hinbaasu. Hubannoo hawaasni seera irratti qabu maal fakkaata? Hubannoo seeraa qabaachuun maaliif nama gargaara? Olaantummaan seeraa akkamitti kabajama? Hubannoo hawaasni seera irratti qabu gabbisuuf hojiilee gurguddoon raawwatamaa jiran maaliidha?
Dhimmoota kanneeniifi kannneen biroo ilaalchisuun, Mana Murtii Waliigalaaa Federaalaatti, Ittaanaan Daarikteera Qorannoo Seeraa Wixineessuufi Hubannoo Uumuu Obbo Indaalkaachoo Warquu ibsa Gaazexaa Bariisaaf addatti kennaniin akka jedhanitti, hubannoo hawaasni seera irratti qabu beekuuf qo’annoo adeemsisuu barbaachisa.

Seera beekuuf barachuun dirqama ta’uu baatus barachuun hubannoo hawaasni seera irratti qabu gabbisuu keessatti gahee ni qaba. Wantoota adeemsa hojii keessatti nu mudataniifi arginurraa ka’uun hubannoo hawaasni seera irratti qabu baay’ee gadaanaadha jechuu dandeenya.

Namootni seerri maal akka jedhu beekuu dhabuudhaan yakka raawwachuun utuu ittigaafatamanii argina kan jedhan Obbo Indaalkaachoon, seera beekuu dhabuun ammoo itti gaafatamummaa jalaa akka nama hinbaasne himu. Kun hubannoo hawaasni seera irratti qabu gadaanaa ta’uusaa nu hubachiisas jedhu.

Hubannoo hawaasni seera irratti qabu gabbisuun hojii guddaa kan gaafatu ta’uu himanii, kanaaf ammoo qaamoleen sadarkaa sadarkaan jiran itti gaafatamummaa isaan irraa eegamu bahachuu qabu. Manni murtii waliigalaafi qaamoleen haqaas hubannoo hawaasni seera irratti qabu gabbisuufi mirga namummaa kabajchiisuuf itti gaafatamummaa seeraan isaanitti kenname sirriitti bahachuu akka qaban yaadachiisu.

Caasaaleen mootummaa sadarkaa sadarkaan jiranis hubannoo hawaasni seera irratti qabu gabbisuufi seera akka kabaju taasisuurratti gahee isaan irraa eegamu bahachuu qabu kan jedhan Obbo Indaalkaachoon, hubannoo hawaasni seera irratti qabu gabbisuun gahee mootummaa qofa waan hintaaneef waldaaleen hawaasaa, abbootiin amantii, abbootiin Gadaafi miidiyaaleenis gahee isaan irraa eegamu bahachuu kan qaban ta’uu beeksisaniiru.

Manni murtichaas hubannoo hawaasni seera irratti qabu gabbisuudhaaf hojiilee adda addaa raawwachaa kan jiru ta’us hojiileen raawwataman gahaa akka hintaane himu. Manni murtichaa torbanitti al tokko Raadiyoo Faanaa waliin ta’uun hawaasni dhimmoota adda addaa irratti hubannoo seeraa akka qabaataniif hojjechaa jira. Waltajjiiwwan adda addaa irrattis hawaasa waliin wal arguun barumsa hubannoo gabbisuu kennaa jira. Miidiyaalee isaan affeeraman kamiyyuu waliin dhimmoota seeraan walqabatan irratti ibsa bal’aa kennaa kan jiran ta’uu himaniiru.

Akka Obbo Indaalkaachoon jedhanitti, hawaasni hubannoo seera qabu mirgaafi dirqamasaa adda baasee beeka. Namni mirgaafi dirqama isaa beeku ammoo olaantummaa seeraa kabajuufi kabajchiisuuf hojjeta. Mirga nama biraas ni eega; mirga isaas dabarsee hinkennu. Seerota Sirni Gadaas ta’e barsiisa amantii keessa jiran raawwachuun karaa kan biraa waan seerri ajaju raawwachuudha. Hawaasi seerota akka kabajaniifi olaantummaa seeraa akka mirkaneessaniif gorsi abbootii Gadaa, abbootii amantiifi jaarsoliin biyyaa gumaacha olaanaa gama kanaan isaan irraa eegamu bahachuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatti, Ittigaafatamaa Waajjira Deggersaafi Hubannoo Seeraa Obbo Amsaaluu Olaanii akka jedhanitti, hubannaa hawaasni seera irratti qabu ol ka’aadha jechuun nama rakkisa. Sababni isaa ogeessonni seeraa iyyuu waggaa shan erga baratanii booda tajaajila kennuu jalqabu waan ta’eefi. Hubannoo hawaasni seera irratti qabu gabbisuuf mana murtichaatti waajjirri hubannoofi deggersa seeraa akka hundaa’u ta’eera.
Waajjirichi tajaajilamtoota gara mana murteetti dhufaniif akkamittiin himannaa akka qopheeffatan, deebii himannaa akkamittiin akka qopheeffatan, akkamitti falmuu akka qabaniifi ol iyyannoo akkamitti akka dhiyeeffatan irratti hubannoo seeraa ni kenna.

Akkaataa ragaa sobaa saaxiluun seeratti dhiyeessuu danda’amu irrattis hubannoo ni kenna. Haqa barbaadamus malaammaltummaa malee akkamitti argachuun akka danda’amu irratti waajjirichi hubannoo seeraa ni kenna jedhu.
Manni murtichaa namoota harka qalleeyyiif himannaafi deebii qopheessee falmuufiin deggersa seeraa kennaa jira. Falmii baay’een kan geggeeffamu abbootii alangaatiin waan ta’eef haqni naannawaa sanatti akka hinjallanneef manni murtichaa harka qalleeyyiif abukaatoo qopheesseefii akka deggeraman taasisaa jira.

Hubannoo seeraa gahaa qabaachuun faayidaa guddaa kan qabu yoo ta’u, namni hubannoo seeraa qabu yakka tokko yoo raawwate adabbii isatti waan beekuuf yakka raawwachuu irraa of qusata. Namoota badii raawwachuuf deemanis akkaataa ittiin deebisu ni beeka jedhu. Namni hubannoo seeraa qabu akkaataa itti himatu, deebii kennu, falmatuufi ol iyyannoo itti dhiyeeffatu ni beeka. Namni hubannoo seeraa hinqabne ammoo akkaataa itti himata barreeffatu, deebii kennu, falmatuufi ol iyyannoo itti dhiyeeffatu akka hinbeekne ibsu.
Akka Obbo Amsaaluun jedhanitti, dubbiin jaarsummaadhaan xumuramu faayidaa hedduu qaba. Baasii irraa nama baraara. Nageenya walfalmitoota gidduutti fida. Mana murtii irratti hojiin akka hinbaay’anneefi namni hojii misoomaa isaa dhiisee gara mana murtii akka hindeemne isa taasisa.
Abukaatoofi Gorsaa Seeraa Obbo Wandimmuu Ibsaa akka jedhanitti, akka Gadaa Oromootti namni kamiyyuu seeraan daangeffamee bula. Seera yeroo jedhan bishaan yaa’ullee ni dhaabbata jedha Oromoon. Hoggantoonni durii baay’eensaanii seera kabajuudhaan hawaasaaf fakkeenya gaarii ta’u. Hoggantoonni yeroo ammaa garuu harki caalaan isaanii hannaafi soba akka qaaniitti hin ilaalani. Kun ammoo ilaacha hawaasni seera irratti qabu baay’ee akka gadi bu’u taasiseera jedhu.

Ummatni Oromoos ta’e Itoophiyaa dur seeraaf ilalacha guddaa akka qabaniifi mana murtiis akka kabajan kaasanii, yeroo ammaa garuu amantaa ummatni seera irrattis ta’e mana murtii irraa qabu daran gad bu’eera jedhu. Rakkoo gama kanaan mul’atu fuuruuf mootummaan nammoota hannaafi kijiba jibban gara hoggansaatti kan fidu yoo ta’eedha olaantummaan seeraa kabajamuu akka danda’u dubbatu.

Seerri waraqaa irratti malee qabatamaan hojiirra ooluu dhabuun hawaasni seera irratti amantaa akka hinqabaanne taasisuurra darbee mootummaayyuu mogolee buuseera kan jedhan Obbo Wandimmuun, manni murtiis ajaja kaabinootaafi kaadirootaan utuu hintaane bilissummaadhaan akka hojjetu taasisuun dhimma murteessaadha. Murtiin kennamus siyaasaan utuu hintaane haqaan ta’uu qaba jedhu.

Dhaabbata Pireesii Etoophiyaa

Natsaannat Taaddeasaatiin

Recommended For You

2 Comments to “. Hubannoo hawaasni seera irratti qabu maal fakkaata?”

  1. Pingback: Read Full Article

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *