“Nuti, Itoophiyaanonni yoo ida’amne akkuma damaraa cimneefi ifnee mul’anna”-Doktar Abiyyi Ahmad

Finfinnee: Ministirri Muummee RFDI Doktar Abiyyi Ahmad ergaa Ayyaana Masqalaa sababeeffachuun dheengadda dabarsaniin “Ijoollee keenyatti hiika amantaafi aadaa damaraa agarsiisuutti  dabalee, nuti Itoophiyaanonni yoo ida’amne akka damaraa cimneefi ifnee mul’anna” jedhan. Damaraan... Read more »

 Ayyaanni Masqalaa ayyaana nagaa, jaalalaafi tokkummaan itticalaqqisiifamuudha

Finfinnee: Ayyaanni Masqalaa ayyaana nagaa, jaalalaafi tokkummaa agarsiisuun ayyaaneeffamu ta’uu Paatiriyaarkiin Batasakaana Ortodoksii Itoophiyaa Abuna Maatiyaas ibsan. Ayyaana Damaraa Masqalaa Kamisa darbe Finfinnee, Addababa’ii Masqalaatti kabajamerratti ergaa baga ittiin isin ga’ee dabarsaniiru.... Read more »

 Naannoo Oromiyaatti Horsiise bultoonni fayyadamtoota Inshuraansii Beelladaa akka ta’an hojjetama jira

Finfinnee: Naannoo Oromiyaatti horsiise bultoonni fayyadamtoota inshuraansii beelladaa akka ta’an hojjetama jiraachuu Biiroon Misooma Jallisiifi Horsiise Bulaa Naannichaa beeksise. Hogganaa ittaanaan biirichaa Obbo Roobaa Turcee akka himanitti, horsiisee bulaan naannichaa rakkoo sababa... Read more »

 Ayyaana Irreecha mallattoo waloominaafi tokkummaa taasisuuf hojjetamaa jira

Finfinnee: Ayyaana Irreechaa mallattoo waloominaafi tokkummaa taasisuuf Agarsiisaafi Baazaarii Irreechaa bara 2017 (Irreechaa Expo) qophaa’uu Biiroon Aadaafi Turiizimii Oromiyaa beeksise. Irreecha baranaatti namootni miliyoona 10 ol ni hirmaatu jedhamee akka eegamus ibsameera.... Read more »

 Naannoolee Affaariifi Sumaaleetti calallii ajandaaf leenjiin haala mijeessitootaa kennamaa jira

Naannolee Affaariifi Sumaaleetti calallii ajandaa marii biyyaalessaa gaggeessuuf leenjiin haala mijeessitoota (moderates) Fulbaana 8 bara 2017 eegalee kennamaa jiraachuu Komishiniin Marii Biyyaalessaa beeksise. Komishinara Olaanaan Komishinichaa Pirofeesar Masfin Arayaa Kibxata darbe Gaazexaa... Read more »

 Omishni oyiruurraa haala gaariirra jiraachuu Oromiyaafi Sidaamaan ibsan

Finfinnee: Omishi bara 2016/17 oyiruurra jiru haala gaariirra jiraachuu Biiroleen Qonnaa Naannolee Oromiyaafi Sidaamaa ibsan. Naannolee lamaanitti callaa kuntaalli miliyoona 349.5 akka eegamu ibsameera. Biiroo Qonnaa Oromiyaatti Daarektarri Misooma Midhaanii Obbo Muusxafaa... Read more »

 Ijaarsi waajjiraalee gandoota Oromiyaa hundi ji’a kana eegalama

Finfinnee: Ijaarsi waajjiraalee gandoota Oromiyaa hundi Fulbaana kana keessa kan eegalu ta’uu Biiroon Paablik Sarviisiifi Misooma Qabeenya Humna Namaa naannichaa beeksise. Ittaanaan Hogganaa biirichaa Obbo Daamxoo Gammachuu Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaaf akka... Read more »

 Godinaalee Guraageetti qophiin ayyaana Masqalaa xumurame

Finfinnee: Godinoota Guraageetti qophiin ayyaana Masqalaa xumuramuu Qajeelchi Adaafi Tuurizmii Godina Guraageefi Guraagee Bahaa ibsan. Ittigaafatamtuun Qajeelacha Aadaafi Tuurizmii Godina Guraagee Aadde Masarat Amargaa ibsa Kaleessa Gaazexaa Bariisaaf kennaniin, godinichatti ayyaana Masqalaa... Read more »

Barattoota qaxalee egeree Oromiyaaf abdataman

Finfinnee: Akka biyyaatti qulqullina barnootaa mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiran keessaa fooyya’iinsi sirna qormaataa isa tokko. Kana dura barataan hatees haa ta’u hojjetee wanti eegamu darbuusaati. Jijjiiramaan booda garuu barataa cimee qormaata hojjete... Read more »

Torbeen Turizimii Fulbaana 21-23/2017 Adeemsifama

Finfinnee: Mootummaan Naannoo Oromiyaa dinagdee damdaneessaa uumuun galma imala badhaadhinaa saffisiisuuf qabeenya uumamaa qabu hundaa adda baasee humna namaa gurmeessuun kallattii hundaan hojjechaa kan jiru yoo ta’u, damee tuurizimii biyyaarraas qixa barbaadamuun... Read more »