Itoophiyaan buna toonii kuma 175 alatti erguun doolaara miliyoona 836 argatte

Finfinnee: Ji’oota saglan darbanitti Itoophiyaan buna toonii kuma 175 gabaa alaatti erguun doolaara Ameerikaa miliyoona 836 kan argatte ta’uu, Abbaan Taayitaa Bunaafi Shaayii beeksise.

Abbaa taayitichaatti raawwachiisaan hojii Qunnamtii Ummataafi Kominikeeshinii Obbo Saayilamaariyaam Gabramadin turtii ibsa Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, Itoophiyaan abbaa buna dhandhamasaatiin adda ta’eefi Arabikaa jedhamuuti. Addunyaarraa buna omishuun sadarkaa shanaffaarratti, erguun immoo sadarkaa saglaffaarratti argamti.

Haata’u malee, baroota dheeraaf sababootawwan ijoo akka buna dheedhiirratti sona dabaluu dhabuufi funcaan gabaa bunaa dheerachuun walqabatee biyyattiis ta’e, omishtootni bunaa faayidaa maluuf argachaa hinturre jedhan.

Waggoota muraasa rakkoo sona dabaluu dhabuufi funcaa gabaa faana walqabatu hambisuuf hojjetamaa jiraachuu eeranii, omishtootni bunaa kallattiidhaan omishasaanii kalattiin gabaaf akka dhiyeessan gochuuf hojii hojjetameen qonnaan bultootni 500 ol buna alatti erguu jalqabuu ibsaniiru.

Kanaan dura qonnaan bultootni buna omishan gatii faddaltootniifi daldaltootni ‘shallaganiif fudhachuu malee gatiisaa murteessuu hindanda’an ture. Kana hambisuufis qonnaan bultootaafi omishasaa gabaa addunyaatiin hojiin walbarsiisuu tarsiimoodhaan hojjetamaa jira jedhan.

Qonnaan bulaan buna qulqullina qabu omishu dorgommiif dhiyeessuun gatii fooyyee qabutti akka gurguratu gochuufis sagantaa kaap of ekselansii jedhamu bara 2012rraa eegalee qopheessuun hojii hojjetameen qonnaan bultoota buna qulqullina qabu omishan fayyadamaa taasisuun danda’amuus Obbo Saayilamaariyaam eeraniiru.

Dorgommii bara 2015 adeemsifameen qonnaaan bulaan bunnisaa qulqullinaan tokkoffaa ba’e buna kiiloograamaa tokko hanga qarshii kuma 47tti kan gurgurate ta’uus yaadachiisaniiru.

Ji’oota saglan darbanitti buna toonii kuma 240 erguun galii doolaara Ameerikaa biliyoona 1.2 argachuuf karoorfamee toonii kuma 175 erguun doolaara miliyoona 836 argachuun danda’amuufi gabaa addunyaatti gadideebi’uun gatii bunaa, rakkoo nageenyaa naannawa galaanaa diimaatti mudatefaan hudhaalee alergii bunaa ta’uu ibsaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 26 Bara 2016

Recommended For You