Wallagga Lixaatti duula Shaneerratti taasifamaa jiru keessatti qoodni milishaa olaanaadha

Finfinnee: Godina Wallagga Lixaatti duula Shanee dhabamsiisuuf taasifamaa jiru keessatti qoodni milishaa olaanaa ta’uu Bulchiinsi Godinichaa beeksise.

Bulchaan godinichaa Obbo Solomoon Taammiruu Wiixata darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, dirree dimokraasii babal’isuuf jecha mootummaan jijjiirramaa akkuma gara aangootti dhufeen Adda Bilisummaa Oromoo loltootasaa waliin gara biyyaatti deebi’ee qabsoo karaa nagaa akka gaggeessuuf waamichi taasiseen biyya galeera. Ta’us qaamni ergama badii qabate Shaneen gara bosonaatti maquusaan rakkoo nageenyaa biyyattiif ka’umsa ta’eera.

Humni kun maqaa qabsoon ummata dararuu, ajjeesuu, shororkeessuu, nama lubbuun jiru qabee humnaan galaanaafi qileetti gatuu, namni osoo lubbuun jiruu ibiddaan gubuu, namoota nagayaa jumlaan ajjeesuu, qabeenya nama dhuunfaafi mootummaarratti saamicha gaggeessuu, qabeenya gubuu, nama ugguree qabeenya miliyoonaan lakkaa’amu gaafachuu hojiisaa idilee godhatee waggoota afran darbanifi socho’aa ture.

Miidhaa murni kun raawwataa tureen ummatni Oromiyaa lixaa adda durummaan midhamoodha kan jedhan Obbo Solomoon waggoota darbanitti humna kanaan Godina Wallagga Lixaa qofatti waajjiraaleen mootummaa 880, dhaabbileen barnootaa 200, kellaawwan fayyaa 170, giddugalli leenjii qonnaan bulaa 150fi manneen nama dhuunfaa kumaatamaan lakkaa’aman gubataniiru jedhan.

Murnichi kallattiidhaan dhaabatee kan lolu ta’uu dhabuun haalli argamaafi bosona godinichaa humnichaaf mijataa waan ta’eef umriin humna kanaa dheerachuu danda’eera jedhanii, yeroo ammaa walnyaatinsa gidduusaatti uumameefi oppireeshinii qindaa’aa taasifamaa jiruun baay’inaan harka kennachaa jiraachuu eeraniiru.

Ji’a tokko dura godinichatti miseensotni murna badii kanaan namootni 130, ji’a kana keessa namootni 80 mootummaatti harka kennatanii badii ummatarratti dalaganiif dhiifama gaafataniiru. Haa ta’umalee, ammaan tana sochiin murnichaa daran dadhabaa dhufus nama ugguranii qarshii gaafachuun bakka tokko tokkotti ni mul’ata jedhan.

Haala qabatamaa amma jiruun Raayyaan Ittisa Biyyaa qe’ee namaarra deemee murnicha funaanuuf ergaa biraa waan qabuuf hojiin humna milishaa deebisaanii gurmeessuu bu’uura labsii caffeen baaseen hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Yeroo ammaa milishaan ijaaramee poolisii idilee waliin Shanee funaanaa jiraachuus ibsaniiru.

Rippoortara Gaazexichaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 26 Bara 2016

Recommended For You