“Omishni misooma jallisiirraa arganne hojii qonnaa ittaanuuf nu kakaaseera” -Horsiisee bultoota Godina Booranaa

Finfinnee: Horsiisee bultoonni godina Booranaa omishaaleen bara darbe misooma jallisii fayyadamuun argatan hojii qonnaa ittaanuuf akka isaan kakaase ibsan.

Horsiisee bultoonni kunneen tibba darbe Gaazeexaa Bariisaaf akka ibsanitti, kanaan dura beeyiladaafi bu’aalee beeyiladaarraa kan hafe muuxannoo hojii qonnaa hinqaban. Bara darbe garuu pirojektoota Finnaatti fayyadamuun misooma jallisiin omishaaleen argatan horsiisa beeyladaa cinatti hojii qonnaarratti akka fuulleffatan isaan kakaaseera. Hongee hamaan bara darbe godinichatti mul’ates falaasama jireenyaa haaraa kana akka hordofan isaan dirqisiiseera.

Mootummaan naannichaa sanyii filatamaafi guddistuu callaa isaaniif dhiyeessuun cinatti haala omishtummaan lafasaanii itti dabalanirratti hojjetaan misooma qonnaa deggersa ogummaa isaaniif taasisaa turuus yaadachiisaniiru.

Dargaggoo Kanee Soraa jiraataa aanaa Moyyaalee yommuu ta’u kanaan dura fooniifi aannan beeyladaa fayyadamuurraa kan hafe aadaan lafa qotanii midhaan oomishuu akka hin qabne dubbata. Bara darbe hongee mudateen beeyladootnisaanii  midhamuun  jireenyisaanii beeyiladaafi bu’aa beeyiladaa qofarratti hundaa’e daran hubamuu ibseera.

Ummatni sababa hongeen beelaaf saaxilame dirqamee bara darbe deeggarsa mootummaan taasiseen dirqamee misooma jallisiitti seenuun yeroo jalqabaaf boqqolloofi boloqqee omishuusaa yaadachiiseera.

Akka inni jedhutti, bara darbe namootni 200 ta’an waldaan gurmaa’anii lafa hektaara 23 jallisiin omishanirraa boqqolloo qofa gara kuntaala 210 ol argataniiru. Horsiisee bultoonni kanaan dura misooma jallisiirratti hirmaachuu lagachaa turan bu’aa argame kanaan maasakamanii waldichatti makamaa jiraachuun cinatti namootni misooma jallisii kanarra bu’aa argatanis hojii caaluuf of qopheessaa jiraachuu dubbateera.

Jiraataan biraa Obbo Kormaa Godaanaa akka jedhanitti, dhalatanii akkuma warrasaanii beeyilada horsiisuurraa kan hafe qonnarratti bobba’anii hin beekan. Hongeen bara darbee beeyiladasaanii akka malee waan miidheef beelaafi abdii kutannaa hamaaf isaaan saaxilee ture.

Mootummaan deeggarsa midhaan nyaataa taasisuufiin cinatti misooma jallisiirratti akka hirmaataniif deeggarsa isaaniif taasisus namuu fedhii dhabee dide. Boodarra dirqamni dhufnaan misooma jallisiirratti hirmaachuun bu’aa olaanaa argatan. Amma garuu bu’aan argatan jireenyasaanif wabii waan ta’eef hojii ittaanuuf isaan kakaaseera.

Jiraataan godinichaa Obbo Shamad Duubaa jedhaman gamasaaniin akka jedhanitti, pirojektii bishaanii mootummaan dhiyaateefii kun beeyladasaaniif wabii ta’uun cinatti bona darbe asheeta boqqolloo, raafuu, timaatimii, qullubbiifi kanneen biroo akka oomishatan  isaan dandeessiseera. Bishaan dhugaatii qofa osoo hin taane bishaan qulqullinasaanii ittiin eeggatan argataniiru.

Hongeen bara darbee kutaalee hawaasaa hunda hubus kan dubartootaa dachaadha kan jedhan ammoo Aadde Garoo Galgalooti, Akka isaan jedhanitti, dubartoonni fageenya kiilomeetira hedduu imaluun bishaan dhugatii dugdatti baatanii fiduun maatii jiraachisu. Amma sun hunduu seenaa ta’ee bishaan oomisha qonnaafuu itti fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 26 Bara 2016

Recommended For You