“Misoomni koriidarii dandeettiin raawwachuufi raawwachiisuu biyyattii kan  mul’iseedha” -Ministira Muummee Abiyyi Ahmad( PhD)

Finfinnee: Misoomni koriidarii Finfinnee dandeettiin raawwachuufi raawwachisuu biyyattii kan ittimul’ate ta’uu Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad ibsan.

Doktar Abiyyi qaamolee raawwachiiftuu misooma koriidarii Finfinnee waliin Kibxata darbe wayita mari’atanitti  misoomichi dandeettii raawwachuufi raawwachiisuu, dheebuu misoomaaf deggersi ummataa, humnaafi qabeenya keessoon waan guddaa hojjechuun akka danda’amu kan itti hubatame ta’uu eeraniiru.

Misoomni kun lafa kiiloomeetira 48.7 kan uwwisu yoo ta’u, kallattiiwwan filatamoo shanirratti adeemsifamaa jira. Hojiinsaa yeroo baatiilee ja’a hincaalle keessatti kan xumuramuufi namoota hedduuf carraa hojii uumuu danda’eera. Muuxannoon kun magaalota naannootti illee akka gad bu’u Doktar Abiyyi hubachiisaniiru.

Kaayyoon misoomichaa danaa magaalaa jijjiiruu, jireenya harkaqal’eeyyii fooyyessuu, waliigalaan biyyaafi magaalaa mijattuu dhaloota dhaalchisuu ta’uu eeranii; ta’us namootni maqaballeessiif hojii biyyaafi dhalootaa akkasii cilee dibaa jiran jiraachuu ibsaniiru. Hojii ashaaraa biyyaafi dhalootaa lafa kaa’uu gara jalqabaatti qormaata ta’us turee waan hubatamuuf hojiin eegalame cimee akka ittifufus hubachiisaniiru.

Namootni biyya keessaas ta’e biyya alaa taa’anii ceephoo hojiisaanii taasifatan wayita ijaarsi paarkiiwwan tokkummaafi Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaafaa xumuraman rifaatu guddaa keessa galuu yaadachiisanii;  ummatni magaalattii olola oofamaa jiru jalaa kan calliseef waan hinmiidhamnee osoo hinta’in hawwii egeree bareeda arguu waan qabuuf jedhaniiru.

Abbootii qabeenyaa, ummata magaalattiifi qaamolee xumura misoomicha tumsaa jiran galateeffatanii; gama biraatiin hojii misoomaa kana lafarra harkisuuf malaammaltummaan kanneen pilaaniisaa ofirraa maqsuuf carraaqan jiraachuu ibsaniiru.

Manni fincaanii sadarkaasaa eeggate fageenya meetira 100 irratti ijaaramuu akka qabu, bakka balfi gogaan itti gatamu, bakkeen magariisaafi raabsaa boba’aa ilaalcha keessa akka galus qaamolee raawwachiisaniif ergaa dabarsuun, hojiin kun saffisaan akka xumuramuuf kallattii kaa’aniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 26 Bara 2016

Recommended For You