Gumichi milkaa’ina marii biyyaalessaatiif qoodasaa bahachaa jira

Finfinnee: Gumiin Dhaabbilee Amantii Itoophiyaa mariin biyyaalessaa adeemsifamuuf jedhiru akka milkaa’uuf deggarsa gamasaa taasisaa jiraachuu ibse.

Barreessaa Olaanaan gumichaa Luba Taagaay Taaddalaa gaafdeebii torban darbe Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin akka jedhanitti, gumiinsaanii milkaa’ina hojii Komishinii Marii Biyyaalessaatiin deggarsa irraa eegamu taasisaa jira. Mootummaanis akka mootummaatti olaantummaa seeraa kabachiisuu qaba.

Gumiin keenyas akka olaantummaan seeraa kabajamuuf deggarsa nurraa eegamu taasisuu qabna jedhanii, walittibu’iinsota darbanii darbanii mudatan keessaa ba’uufi nageenya biyyattii mirkaneessuuf hunduu qindoominaan hojjechuufi mariif dursa kennuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Gumichi ijaarsa nageenyaa, duudhaa nagaafi jaalalaan waliin jireenya ummataa gabbisuu, walitti bu’iinsotni karaa nagaafi mariitiin akka furamaniif haala mijeessuirratti  xiyyeeffatee hojjetaa jiraachuu beeksisaniiru.

Gumichi rakkooleen dhaabbilee amantii gidduutti akkasumas dhaabbilee amantiifi dhaabbilee mootummaa gidduutti mudatan mariidhaan akka furamaniif waltajjii marii qopheessuun haala kan mijeessu ta’uus barreessichi himaniiru.

“Gumich waamicha nagaa ni taasisa, labsii nagaa ni labsa, qaamolee nageenya booressaniifi gocha farra nageenyaa  raawwatan ammoo ni balaaleffata. Ummata gidduutti argamuudhaan waltajjii qaamoleen walitti bu’anirratti walarganii rakkoosaanii mariidhaan furachuun araaraman ni qopheessa. Gumichi hojii kana jaarsolii biyyaa, abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee, abbootii amantiifi namoota dhiibbaa uumuu danda’an waliin hojjeta” jedhaniiru.

Biyyattiitti nageenyi akka mirkanaa’u taasisuun, duudhaa nagaafi jaalalaan waliin jireenyaa ummataa dagaagsuufi walitti bu’iinsota furuun araara buusuun hojiilee ijoo gumichi irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiruudha. Gumichi hojiilee kunneen siyaasarraa bilisa ta’ee hojjechaa jira jechuunis ibsaniiru.

Itoophiyaatti akka nageenyi wsaraan bu’uuf qaamni abbootii amantii Gumii Dhaabbilee Amantii Itoophiyaa caalaa carraaquufi dhama’u hinjiru. Kun dhugaa qabatamaan mul’atuufi mootummaanis beekuudha. Sagaleen abbootii amantii akka dhaga’amuuf mootummaanis gargaaruu qaba. Ummannis sagalee abbootii amantii dhaggeeffachuu qaba. Gumichi siyaasarraa bilisa waan ta’eef mootummaafi ummata gidduu ta’ee  qaama dogoggore gorsee deebisa jedhan Luba Taagaay.

Dhaabbileen amantii Itoophiyaa ummata biyyattii %99 ta’u barsiisa amantiitiin qabuudhaan ijaarsa nageenyaarratti hojii bal’aa hojjechaa jiru. Gumichis abbootii amantiifi amantoota waliin ta’uun walittibu’iinsota amantiifi saba dahoo godhachuun bakkeewwan gara garaatti uumaman ittisuuf hojjechaa jira jedhan.

Guutummaa ibsasaanii Fuula Mijuurraa argattu

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 26 Bara 2016

Recommended For You