Sagantaa ashaaraa magariisaaf naannoleen qophii taasisaa jiru

Finfinnee: Naannoleen sagantaa ashaaraa magariisaa bara 2016n biqiltuu biliyoonaan dhaabuuf qophii taasisaa jiraachuu ibsan.

Hogganaa Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, misooma ashaaraa magariisaa baranaatti biqiltuu biliyoona 5.5 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Misoomni ashaaraa magariisaa gaggeeffamus misooma sululaan walqabatee hojjetama.

Akka ibsa isaaniitti, misoomni sulula baranaa lafa kiloomeetira miliyoona 1.2 dheeratu irratti hojiin istiraakichara fiizikaalaa ni hojjetama. Yeroo ammaa kanas hojii misooma sululaa % 90 xumuramuu eeranii; misooma arfaasaafi gannaa cinatti sagantaan ashaaraa magariisaa kan ittifufu ta’a jedhaniiru.

Hojii misooma sululaa duraan hojjetames dargaggoota naannawaatiif, bakka horsiisa kanniisaafii beeyiladaa akkasumas bakkeewwan maddeen lageenii itti migisanitti misoomni qamadii bonaa adeemsifamaa jiru bu’aan misooma ashaaraa magariisaa ta’uu ibsaniiru.

Sadarkaa Pirezdaantii Ittaanaatti Qindeessaan Kilaastara Misooma Baadiyyaafi Hogganaan Biiroo Qonnaa Naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaa Obbo Usumaan Suruur, naannichatti misooma ashaaraa magariisaan baranaan biqiltuu nyaataaf oolan miliyoona 390 ol dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Biqiltuwwan kunneen misooma sulula laggeen ijoo kuma tokkoofi 300 hordofuun lafa heektaara kuma 147 irra kan dhaabbatan ta’uus yaadachiisaniiru.

Hojii misooma sululaa hanga ammaatti hojjetameenis lafti hekitaarri kuma 80 ol ta’u misoomuu eeranii; misooma sululaan walqabatee misooma ashaaraa magariisaa hojjetamerraa bu’aan argamaa jira. Gaarreen qullaatti hafan biqilaan uwwifamuun,horsiisa kanniisaan galii guddifachuun danda’ameera. Haroowwaniifi Laggeen timaan guutamuurraa baraaramuun gabbinni biyyee dabalaa akka jirus dubbataniiru.

Hogganaan Biiroo Qonna Naannoo Beenishaangul Gumuzi Obbo Babekir Haliifaa akka jedhanitti, misooma ashaaraa magariisaa bara kanaaf biqiltuwwan miliyoona 67 fi 575 dhaabuuf hojii hojjetameen hanaga ammaatti biqiltuwwan miliyoonni 10 qophaa’aniiru.

Akka ibsa isaaniitti, ashaaraan magariisaa misooma sululaan walqabatee waan deemuuf hojiin misooma sululaa hektaara kuma 29 fi 075 misoomsuuf karoorfamuu eeranii; hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 9 fi 537 misoomeera. Misooma sululaa duraan hojjetameenis gabbina biyyee naannichaa daran dabaleera.

Kanaan walqabatee waldaaleen misooma yaa’aa lageeniirratti ijaaraman jal’isiifi nyaata beeyiladaa, citaa mana ittiin ijaaratan argachuun fayydamoo taa’aa jiru jedhanii; ummatnis milkaa’ina misooma ashaaraa magariisaa bara kanaaf tumsa barbaachisu akka taasisu dhaamaniiru.

Gammachuu Kadirin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 14 Bara 2016

 

Recommended For You