Buunyaa: Akaakuu ispoortii Itoophiyaatti xiyyeeffannaa fedhu

Finifinnee: Afrikaa Kibbaa, magaalaa Darbaanitti dorgommii yaadannoo pirezidaantii duraanii biyyattii, Maandeellaaf qophaa’erratti hirmaachuudhaan Kibxata darbe gara biyyaatti kan deebi’e jila Buunyaa Itoophiyaaf simannaan taasifameera.

Dorgommii Ebla 8 hanga 13 bara 2016tti adeemsifame kanarratti gareen Buunyaa Itoophiyaa meedaaliyaa jaha argateera.

Dorgommii korniyaawwan lamaaniinuu adeemsifame kanarratti dubaraan Beetaliheem Gazaahanyiifi Roomaan Asaffaa, dhiiraan ammoo Tamasgeen Mitikkuu meedaaliyaa meetii yoo argatan, Suraafeel Alaayyuufi Miiliyoon Caafoo dhiiraan, Beetel Walduu ammoo dubaraan meedaaliyaa nahaasaa argataniiru.

Ulfaatina kiiloo giraama 66 dubartootaatiin meedaaliyaa meetii kan argatte Beetel Walduu yaada Gaazexaa Bariisaatiif kenniteen dorgommichi daran cimaadha. Qilleensi magaalaa Darbaan ulfaataadha. Ta’us qabxiidhaan mo’ame lammaffaa ta’uun biyya tiyyaaf meedaaliyaa meetii fiduu kiyyatti gammadeera jetti.

“Taphawwan Guutuu Afrikaa barana Gaanaa, Akiraatti adeemsifametti Itoophiyaa bakka bu’uun hirmaadhee meedaaliyaa warqii fiduun kiyya kan yaadatamuudha. Yeroo gabaabaa keesatti dorgommii kanatti meedaaliyaa meetii argachuu kiyyatti hingaabbu” jetti.

Kaayyoon kiyya Olompikii Paariisirratti hirmaadhee meedaaliyaa argachuudha kan jettu Beetaliheem, miiniimaa Olompikii guuttachuuf dorgommii torban lama booda Taayilaanditti adeemsifamuf qophii akka taasistus addeessiteetti. Simannicharratti kan argaman Barreessaan Konfedereeshinii Buunyaa Afrikaa Obbo Bililliny Maqoyyaas gamasaaniin, Itoophiyaatti laafaa kan jiru ispoortiin Buunyaa iddoosaa duriitti akka deebi’uuf hunduu utubuu qaba jedhan.

Kanaan dura Taphawwan Guutuu Afrikaa, shaampiyoonaa buunyaa Afrikaafi shaampiyoonaa buunyaa kilaboota Afrikaarratti hirmaachuudhaan meedaaliyaa argachaa kan turan ispoorteessitoonni Itoophiyaa yeroo dhihoodhaa as dirree kanarraa fagaachuusaaniitti nigaabbina jedhan.

Konfedereeshiniin Buunyaa Afrikaa hanga humnisaa federeeshinicha maddii dhaabachuudhaan gargaarsa barbaachisu gochuuf qophaa’aa ta’uus muldhisaniiru.

Obbo Bililliny dhiyeenya kana filannoo miseensota koree hoji raawwachiiftuu Konfedereeshinii Buunyaa Afrikaa taasifameen Itoophiyaa bakka bu’uudhaan dorgomanii sagalee guutuudhaan barreessaa konfedereeshininchaa ta’anii filatamuunsaanii ni yaadatama.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 19 Bara 2016

Recommended For You