Sagantaa Inisheetivii Itoophiyaan haa omishtuutiin Oromiyaatti bu’aalee guguddoon galmaa’aa jiru

Adaamaa: Sagantaan sosochii Industirii Manifaakchariingii mata duree ‘Itoophiyaan haa omishtu nutis haa binnu’ jedhuun Kibxata darbe Adaamaa, Galma Abbaa Gadaatti adeemsifameera.

Waltajjicharratti hoggantoonni sektaroota invastimantiifi industirii mootummaa naannoo Oromiyaafi federaalaa akkasumas qooda fudhattoonni gara garaa argamaniiru.

Hogganaan Biiroo Invastimantiifi Industirii Oromiyaa Obbo Ahmad Idiris saganticharratti akka jedhanitti, industiriin manifaakchariingii galii sharafa alaa argamsiisuun, omishaalee biyya alaatii galan kan biyya keessaatiin bakka buusuun akkasumas kalaqaafi teknolojii babal’isuufi carraa hojii uumuun guddina dinagdee biyyaa si’eessuu keessatti gahee olaanaa qaba. Sagantaan sosochii Industirii Manifaakchariingii mataduree “Itoophiyaan haa omishtu nutis haa binnu” jedhuun adeemsifamaa jirus rakkoolee damicha mudatan furuun omishaafi omishtummaa guddisuu furuurratti kan xiyyeeffatu ta’uu himaniiru.

Naannoon Oromiyaa albuudawwan industirii manifaakchariingii ijaarsaaf oolan kanneen akka simintoo, sibiilaafi maarbilii akkasumas lafa bal’aa industiriin manifaakchariingii itti omishamu qabdi kan jedhan Obbo Ahmad, barana industiriin manifaakchariingii naannichaarraa galii sharafa alaa doolaara miliyoona 183 argamsiisuus eeraniiru.

Erga sagantichi jalqabamee Oromiyaatti inidustiriiwwan kuma tokkoofi 500 qabatamaan hojiitti galuu himanii, rakkoolee damicha mudatan furuuf sektaroota garagaraa waliin hojjechaa jiraachuus himaniiru.

Mootummaan rakkoolee faayinaansiifi bu’uraalee misoomaatiin walqabatanii industirii manifaakchariingii mudatan furuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu himanii, abbootiin qabeenyaas rakkoolee gama isaaniin mul’atan furuurratti xiyyeeffatanii hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Ministir De’eetaan Ministeera Industirii Obbo Taarraqany Bulultaa akka jedhanitti, imala guddina dinagdee biyyaatti milkeessuuf sektaroota mootummaan irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiru keessaa tokko industirii manifaakchariingiiti. Omishaalee biyya alaatii galan kan biyya keessaatiin bakka buusuun, omishni industirii guddina dinagdee biyyaa keessatti qabu akka bahatu gochuuf omishaafi omishtummaa industirii biyyattii guddisuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.

Gahee omishni industirii guddina dinagdee biyyaa keessatti qabu %7 ta’uu himanii, kanaafuu industirii babal’isuufi omishaafi omishtummaasaa dabaluun ammayyuu hojii xiyyeeffannaa guddaa barbaaduudha. Industiriin omishaa galii sharafa alaa argamsiisuufi carraa hojii bal’aa uumuu keessattis gahee olaanaa kan qabu ta’uus eeraniiru.

Humni omishtummaa biyyattii %50 kan hincaalle ta’uu himanii, omishtummaa industirii biyyattii guddisuuf rakkoolee damicha mudatan furuuf bara 2014 irraa eegalee inisheetiviin Itoophiyaan haa omishtu hojiirra oolaa jira. Rakkoolee damee industirii furuun ce’umsa industirii barbaannu si’eessuuf sektaroonni garagaraa qindoominaan irratti hojjechaa jiraachuus eeraniiru.

Mootummaan dhiyeessa faayinaansii, lafaa, bu’uraalee misoomaa fooyyessuufi rakkoo hoggansaan walqabatanii damicharratti mul’atan furuuf xiyyeeffannaa guddaan hojjechaa jiraachuu himanii, humnaa gad omishuun, lafa invastimantiif fudhatanii utuu hinmisoomsin tursiisuun rakkoolee abbootiin qabeenyaa industirii furuu qaban ta’uus ibsaniiru.

Industiriiwwan sababa waraanaatiin hojii addaan kutanii turan 390 yeroo ammaa gara hojiitti deebi’uu himanii, sadarkaa biyyaatti koreen rakkoolee industiriiwwanii furuufi raawwiisaanii yeroo yeroon gamaaggamu hundaa’uufi kun mootummaan damee industiriif xiyyeeffannaa kennee hojjechaa jiraachuu kan agarsiisu ta’uus eeraniiru.

Abbootiin industirii saganticharratti hirmaatan gaafiifi yaada dhiyeessaniin tajaajilli eletirikii addaan ciccituun, hanqinni bu’uuraalee misoomaafi faayinaansii akkasumas keemikaalonni alaa bitamanii galaniifi omishaaleen industirii alatti ergaman daandiirra turuufi rakkoon nageenyaa rakkoolee guguddoo isaan mudata ta’uu himaniiru.

Akkasumas sadarkaa aanaafi godinaatti rakkoon bulchiinsa gaarii ammayyuu bal’inaan waan mul’atuuf mootummaan rakkoolee kunneen akka furuufiif gaafataniiru.

Obbo Ahmad Idris deebii kennaniin rakkoolee damee industirii manifaakchariingii mudatan sektaroota mootummaa dhimmichi ilaallatu waliin furuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru. Abbootiin industirii sirriitti hojjechaa jiran kan jajjabeessan ta’uufi kanneen humnaa gad omishan humna guutuun akka omishaniif to’annoofi hordoffii cimaa akka taasisan eeraniiru.

Abbootiin qabeenyaa industirii hojjetootasaanii sirriitti qabachuu, leenjisuufi faayidaasaanii eegsisuu akka qabanis yaadachiisanii, hojjetaan amala addaa qabu karaa dhimma hojjetaafi hawaasummaatiin akka sirratu himaniiru.

Abbootiin qabeenyaa industirii gibira mootummaa sirriitti kaffaluu, omishaafi omishtummaa guddisuu, galii sharafa alaa omisha industiriirraa argamu guddisuu, omishaalee biyya alaatii galan kan biyya keessaatiin bakka buusuufi carraa hojii bal’aa uumuurratti xiyyeeffatanii hojjechuu akka qabanis yaadachiisaniiru.

Ministir De’eetaan Ministera Industirii Obbo Taarraqany Bulultaas gamasaaniin sagantichaan Oromiyaatti bu’aalee guguddoon galmaa’aa jiraachuu himanii, hoggansaafi kenniinsa tajaajilaarrattis fooyya’iinsi jiraachuufi qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin hanqinaalee mul’atan guutuurratti xiyyeeffatanii hojjechaa jiraachuus himaniiru.

Tajaajiloonni elektirikiifi gumrukiis akka fooyya’u ni taasifna jedhanii, rakkoo dhiyeessa faayinaansii furuufis hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 19 Bara 2016

Recommended For You