Oromiyaatti sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuu muduraa miliyoona 350 dhaabuuf karoorfame

Finfinnee: Naannoo Oromiyaatti sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiin biqiltuu muduraa miliyoona 350 dhaabuuf kan karoorfame ta’uu Biiroon Qonna Oromiyaa beeksise.

Biirichatti daarektarri Misooma Muduraa Obbo Tagany Irranaa tibba darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, Oromiyaan omisha mudaraaf mijooftuu waan taateef saayinsiifi teknolojii fayyadamuun omishtummaa muduraalee dabaluuf hojjetamaa jira. Kana malees, hojii babal’isuu misooma kuduraa baddaa, badda dareefi gammoojjiitti hektaara kuma 106 hojjetameera.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa keessatti faayidaansaanii olaanoo waan ta’eef sanganticha keessatti biqiltoota muduraatif xiyyeeffannoo addaa laachuun hojjetamaa jira kan jedhan Obbo Tagany; biqiltuu muduraa miliyoona 500 karoorsuufi hanga ammaattis biqiltuu miliyoona 450 dhaabuu ibsaniiru.

Omishaafi omishtummaa muduraaleetif haalotni mijaa’oo hedduun mootummaadhaan uumamaniiru. Dhaabbileen miti mootummaa garaagaraas sagantaalee garaagaraa kanneen akka ‘AGP, ATI, IFAD, CALM’ jedhamaniifi kanneen biroo bocuun deeggarsa taasisuurratti argamu. Hojii inisheetivii mootummaanfi dhaabbilee dhunfaatiin hojjetamaniin hanga ammaatti lakkoofsi buufata biqilaa muduraa gara 267tti akka guddatu taasifameera.

Omishaafi omishtummaan muduraa baraa gara baraatti daran dabalaa jira jedhanii; jalqabamuu Sagantaa Ashaaraa Magariisaa dura omishni muduraaleen biyyattii keessatti hin beekkamne omishamuu kan jalqabaman ta’uu himanii, ji’oottan saglan darban keessatti muduraaleen akaakuu adda addaa kuntaala miliyoona 87 ol omishuun danda’ameera jedhaniiru.

Akka isaan jedhanitti, sanyii muduraalee haala qilleensaa waliin adeeman kan dhukkuba dandamatan, kan omishtummaansaanii guddaa ta’e, gabaa biyya keessaattis ta’ee gabaa alaatti kan barbaadaman qo’annoo qonnaa fayyadamuun (‘tissue culture’) akka omishaman kallattii kaa’uun hojjetamaa jira. Mala Qo’annoo qonnaa kana fayyadamuun kan kanaan dura mala aadaatiin wayita omishamu muuziin waggaa lama keessatti ija godhachuun kan beekkamu sanyii muuzii ji’a sagal keessatti gahu babal’isuun biirichi jiruufi jireenya qonnaan bulaa jijjiiruurratti argama.

Omishaafi omishtummaan muduraalee dabalaa jiraatus omisha omishu kanarraa qixa sirriin qonnaan bulaa fayyadamaa taasisuuf hudhaaleen walitti hidhamiinsa gabaa, hanqinootni mankuusaa, rakkoon lojistikiifi hanqinni dhiyeessii sanyii muduraaleerratti jiru furuun xiyyeeffannoo gara fuulduraa ta’uu Obbo Tagany ibsaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 19 Bara 2016

Recommended For You