“Dhaloota dhufu badhaadhina malee madaa dhaalchisuu hinqabnu”

Haala yeroo nagaafi tasgabbii biyyaarratti mari’achuun ibsa Mana Maree Nageenyaa Biyyaalessaarraa kenname

Kabajamtoota ummata biyya keenyaa; Itoophiyaan seenaa adeemsashee bara dheeraa keessatti, garaa garummaa siyaasaa waliigaltee dhabuufi walitti bu’iinsa karaa nagaan dubbachuufi mariifi marabbaan akkasumas waldhabdeerratti dubbachuun dubbii fixuurratti muuxannoo hinqabdu.

Akka carraa ta’ee siyaasni keenya, siyaasa ida’amnisaa zeeroo ta’eedha. Biyya keenyatti kan aadeffame humnaan aangoo qabachuun hanga aangoo gadhiisuttimmoo hunda walitti haree to’achuufi aadaa siyaasaa waan fedhe raawwatuudha.

Hoggansi jijjiiramaa gara aangootti kan dhufe humnaan miti, kunis aadaa siyaasaa haaraadha.

Aadaa siyaasaa akkasii kan cimsu immoo filannoo dimokraatawaan sagalee ummataa argatee hojjetee agarsiiseera.

Kana cinaattis hoggansi paartiilee siyaasaa gara garaa hoggansa mootummaarratti ramadamuun Itoophiyaan biyyaafi mana waloo ta’uushee raggaaseera.

Ce’umsi siyaasaa nagaan, qofaansaa manii miti; maniiwwan hedaman bira gahuuf akka meeshaatti tajaajila malee, rakkoon Itoophiyaa deemsa ammaa sirreessuu qofaan kan furamu miti. Cabiinsa seenaa keessaa dhaalle, wal’aanuun dirqama ta’a.

Cabiinsa kana faluufis furmaatiwwan sadii kaa’amaniiru. Rakkoo siyaasaa ture marii biyyaalessaatiin furuu, rakkoo si’anaammoo haqa ce’umsaafi haaromsaan sirreessuu, haala qabatamaa Itoophiyaan mootummaan tokko filannoon injifatee aangoo yoo qabatellee wantoonni qofaasaa murteessuu hinmalle dhimmoonni biyyaalessaafi mariin rakkooleen furmaata barbaadan jiru.

Sagaleen kun erga dhagahamuu eegale jaarraa walakkaan darbeera. Dhimma kana ilaalchisuunis erga mootummaan jijjjiiramaa dhufee eegalee hanga yeroo dhihootti nama isa dhagahu hinarganne ture.

Mootummaan jijjiiramaa yaada kana fudhachuu qofa utuu hintaane yaadicha hojiilee lafa qabsiisan dhaabbilee bilisaa hundeesseera. Dhaabbata kana keessatti komishinaroonni muudaman kanneen muuxannoofi gahumsa olaanaa qabaniifi walaba ta’aniidha.

Komishinaroonni kunneen akka marii biyyaalessaa raawwachiisaniif aangoon seeraan kennameeraaf. Bu’uuruma kanaan adeemsa qooda fudhattoota mariisisuu maal ta’uu akka qaburratti adeemsaafi hojimaata qopheessaniiru.

Yeroo ammaa komishinichi akkaatuma karoorfateen naannolee 10fi bulchiinsota magaalaa lamatti hirmaattoota adeemsa marii kanarratti adda baasuu xumureera. Tokko tokkoo naannoleettis hojiin cimaafi dadhabsiisaan raawwatameera.

Hawaasas caasaa bulchiinsaa gadiirraa eegalee hirmaachiseera. Kanaanis lammiileen adeemsa marichaarratti hirmaatan adda baafamaniiru. Aanaalee 679 keessaa hirmaattonni 12,294 fo’amaniiru. Adeemsi kun abbaa dhimmichaa kan ta’e hawaasa kan giddugaleeffateedha.

Ajandaaleefi yaadonni furmaataa olii gara gadii qofa osoo hintaane hawaasa keessaas maddanii mariidhaan gabbatanii gara giddugaleessaatti akka dhufaniifi.

Torbee muraasa booda komishinichi waltajjii marii sadarkaa naannootti qopheessuu ni eegala jedhamee eegama.

Akkasumas naannolee hirmaattota adda baasuun keessatti hinraawwatamne naannolee lama keessatti hojiin hirmaattota adda baasuu dhiyeenyatti ni raawwatama. Mariin biyyaalessaa hawwiin eegamu yeroo dhiyoo keessatti akka gaggeefamu eegama.

Carraa dhalootatti al tokko argamtu kana osoo hinqisaasessiin qajeelchaa, deeggaraa rakkoolee buleeyyii Itoophiyaaf furmaata akka ta’aniif hundi keenya gahee keenya bahachuu qabna. Carraawwan keenya sababoota gara garaatiin qisaasessaa, maraammartoo rakkoo keenya keessa turuu keessaa bahuu qabna.

Lammaffaa haqa yeroo ce’umsaati. Itoophiyaa keessatti sababoota gara garaatiin miidhaan, cunqursaafi sarbamni mirga namoomaa raawwatamaniiru. Dhimmoonni akkasii seenaa biyyoota biroo keessattis raawwatamaniiru.

Adeemsa keenya hanga har’aatiinis inni humnaan mo’ee aangoo qabate warra kaan yakkamaafi balleessaa taasisee balaaleffata, ni adaba. Adeemsi akkasii haaloo walba’uu malee haqaa hinmirkaneessu.

Maraammartoo akkasii keessaa bahuuf haqi yeroo ce’umsaa tooftaa filatamaadha. Imaammanni haqi yeroo ce’umsaa ittiin hogganamus ragga’eera.

Qophiin imaammatichaas qooda fudhattoota dhimmi ilaallatu kan hirmaachiseefi muuxannoo idiladdunyaa kan bu’uureffateedha.

Adeemsa wixinee qophaa’e kana keessatti qofa naannoleetti waltajjiilee 60, akka biyyaalessaatti ammoo waltajjiilee 20 qophaa’uun galteen fudhatameera.

Kaayyoon imaammatichaa sirna bulchiinsaafi hojiirra oolmaa haqaa ce’umsaa diriirsuun nagaa, araara, olaantummaa seeraa, haqaafi dimokraasii ittifufiinsa qabu mirkaneessuudha.

Kaayyoo kana milkeessuuf akka barbaachisummaasaatti qorannoo yakkaafi himannaa, dhugaa barbaaduu, araara, beenyaa haqa yeroo ce’umsaa kanaan hojiirra oolu.

Akkuma beekamu biyya keessatti mootummaan ala humni hidhate akka jiraatu heerri hineeyyamu. Mirgi mootummaa inni tokko qofagaleessi humna fayyadamuudha.

Haata’u malee biyya keenyatti cabiinsa siyaasaa dhaalleen humnoonni hidhatan uumamaniru. Nageenya waaressuuf qaamoleen hidhatan kunneen hidhannoo hiikkatanii adeemsa haaromsaa keessatti makamuu qabu.

Gaaffii siyaasaa qabanis adeemsa marii biyyaalessaa keessatti hirmaachuun hiikkachuu danda’u. Kanaaf kan ta’u komishiniin Haaromsaa hundaa’eera.

Obboloonni keenya keessattuu dargaggoonni sababoota gara garaatiin dhiibamuun carraan yaada finxaaleyyiin butamuun gara dirree waraanaatti harkifaman jiru.

Kana mootummaan kallattii tokkoon qofa hinilaalu. Sochiinsaanii seeraan ala waan ta’eef humnaan qofa hiikamu qaba isa jedhus sirrii akka hintaane ni hubata.

Kanaaf qaama balleessaasaa amanee deebi’ee hawaasatti makamee nagaan jiraachuu barbaadu simachuuf mootummaan eeyyamamaadha. Kanas naannolee gara garaatti mul’iseera.

Naannolee, Beenishaangul Gumuz, Amaaraafi Oromiyaatti hidhattoonni kuma 10 ta’an harka kennataniiru. Leenjii haaromsaa fudhachuunis hawaasatti makamaniiru.

Hojiin kunis komishinii haaromsaa waliin ta’uun naannolee waliin qindoomuun cimee ittifufa. Jaarsoliin biyyaafi abbootiin amantaas hojii kanaaf akka tumsan carraa kanaan waamicha dhiheessina.

Kana cimsaa hojilee nagaa ummataa mirkaneessuu eegalaman cimsinee ittifufna. Ilaalchonni siyaasaa finxaalomaniifi murnoota yakkaafi saamichaaf gurmaa’an iddoowwan tokko tokkotti mul’ataa jiru.

Kana to’achuuf mootummaan hojii bal’aa raawwataa jira. Qaama hojii kanaa keessaa tokko kan ta’e dhaabbilee seera kabachiisan fooyyessuu, qindoominasaaniifi hawaasa waliin qaban cimsaa deemuudha.

Baadiyaatti hawaasni gurmaa’ee nagaasaa akka eeggatuuf ni hojjetama. Gama kanaan naannolee tokko tokkotti jalqabbii gaariitu jira. Biyyoota babal’aa akka Itoophiyaaf qaama nageenyaa danuufi hanga dakaatti gurmaa’etu barbaachisa.

Dabalataanis poolisii naannolee irradeebiin gurmeessuufi cimsuun ergama dirqama heeraa akka bahan taasifamaa jira.

Qindoominni kunis milishaarraa eegalee hanga Poolisii Federaalaatti akka cimuuf hojjetamaa jira.

Isa kanarra darbe immoo raayyaan ittisa biyyaa ergamasaa bahaa jira. waan haala kanaan hojjetamaa jiruufi shirri naannoo Amaaraatti yaaliin mootummaa sagalee ummataan aangoorra jiru humnaan diiganii qabachuuf taasifamaa ture akka hinmilkoofne ta’eera. Kanaanis naannichaafi heera baraaruun danda’ameera.

Naannoo Oromiyaattis sochiin kanaan walfakkaatu aanaaleefi gandoota tokko tokko keessa ture fashalaa’eera. Nageenyi Naannoo Beenishaangul Gumuzis haalaan fooyya’eera.

Sochiifi kaayyoo qaamolee shororkeessummaa Finfinnee dabalatee magaalota guguddoo biyyattiitti uumuuf socho’aa turaniis fashaleessuun danda’ameera.

Hojiileen gama kanaan hojjetaman murteessoo ta’anis gahaa miti. Gareewwan maqaa paartii siyaasaa daheeffachuun saamichaafi yakkarratti bobba’an to’achuun nurraa eegama.

Kanaafis qaama nageenyaa cimsuuf hojiin eegalame cimee ittifufa. Hojichaafis tumsi ummataa murteessaadha. Humna saamichaafi miidhaa raawwataa jiru sossobuun dhaabachuu qaba.

Gareen misoomaawwan bu’uuraa maallaqa hinjirreen raawwatame diiguufi balleessu gama kamiinuu namaaf hinta’u. Kanaafuu ummanni qaama olaantummaa seera kabachiisu tumsuu qaba.

Bulchiinsiifi qaamni siyaasaa sadarkaan jirus hojiinsaa olaanaan kana ta’uu hubatee eeggattummaa malee socho’uu qaba.

Gama tokkoon nagaa eegaa gama kaaniin immoo hawaasa qe’eesaarraa buqqa’e deebisee dhaabuu qaba; nagaafi tasgabbiin yeroo ummanni tasgabbaa’uu kan uumamu waan ta’eef.

Lammiilee sababoota gara garaatiin buqqa’an qe’eetti deebisuun hojjetamuu qaba. Kanaas mootummaan irratti hojjetaa tureera. Ammas ittuma jira. Akka fakkeenyaattis lammiilee daangaa naannolee Oromiyaa, Somaaleefi Geedi’oorraa buqqa’anii turan sadarkaa guutummaatti jedhamutti qe’eetti deebisuun danda’ameera.

Walittibu’iinsa Itoophiyaatti uumamee tureen akkasumas naannolee Oromiyaafi Amaaraatti rakkoo nageenyaa mudateen lammiileen buqqa’an jiru; kanneen qe’eetti deebisuufis hojjetamaa jira.

Hoggansi Naannolee Oromiyaafi Amaaraa namoonni buqqa’anii turan hedduun qe’eesaaniitti akka deebi’an taasisaniiru. Kanaanis hawaasa gidduu jaalalaafi waldeeggarsa malee rakkoon akka hinjirre hubatameera.

Itoophiyaa kaabaatti lammiilee Raayyaafi Allaamaaxaarraa buqqa’an ofumasaaniin hedduunsaanii gara qe’eesaaniitti deebi’aniiru. Adeemsa kanas warreen ajandaa siyaasaa godhachuuf carraaqan mul’ataniiru.

Yoo buqqaatonni deebi’an kadhaafi mormiinsaanii nu jalaa fashalaa’a jedhanii waan sodaataniifi. Humnoonni kunneen akka lammiileen gara qe’eesaaniitti hindeebineef olola sobaatiin doorsisu.

Yeroo tokko tokko immoo humnumaan namoota qe’eetti deebi’aa jiran dhaabuufaa kajeelu. Mootummaan ittigaafatamummaa qabuun lammiileen qe’eesaaniitti akka deebi’an gochuun ittifufa. Hojiin naannolee waliin eegalames cimee ittifufa.

Nagaafi tasgabbii booressuun waan hinmalle dubbachuun misooma gufachiisuun odeeffannoo hintaane tamsaasuudha.

Akkuma beekamu guddinni teknolojii miidiyaa balaa fidee dhufeera, kanaafis biyyoonni hedduun nageenyaafi birmadummaa biyyasaaniif jecha waantota danda’an hunda gochaa jiru.

Yeroo ammaa haalota sirnaan hubachuun akkamiin keessa dabarra isa jedhu of eeggannoon hojjechuun yoo jiraachuu baate balaansaa hamaadha.

Kanarratti hojjetanii bu’aa buusuuf tokkummaan keessoo cimuun daran murteessaadha. Kanarratti hunduu of eeggannoon tarkaanfachuu qabna. Diinonni keenya lafarratti mo’anne qilleensarraan dhufuun nu burjaajessuu hinqaban. Kanaafis eeyyamuu hinqabnu.

Kunis nagaa waaraafi. Nagaa waaraan jiraannaan badhaadhina waaraatu mirkanaa’a. Akka mootummaatti nagaa waaraaf hojjetamaa jira.

Nagaa waaraan waraanni jiraachuu dhabuu qofaan hindhufu. Nagaan kan sirnaafi heera bu’uureffateefi hinraafamne ta’uu qaba. Sirni nagaa karaa nagaan fiduu jiraachuu qaba.

Dhimmoota bu’uuraarratti waliigaluu haaloofi godaannisa darberra tarkaanfachuun fuula duratti imaluu danda’uudha. Kanaafis aadaan siyaasaa haaraan dhufuun dirqama. Kana hojiirra oolchuufis Komishinii marii biyyaalessaa, haqi ce’umsaa meeshaalee ijoodha.

Kanneen sirnaan lafa qabsiisuufis tumsa hundaa barbaachisa. Paartiin biyya bulchaa jiru kanaaf cichaa jira. Tokko tokkommoo barsiifata duubatti hafaatiin qawweedhaan mootummaa buufnee aangoo qabanna jedhanii carraaqaa jiru. Kun deemsa imala dimokraasii eegalame hinmilkeessu. Aadaa jaarraa 18ffaa qabatanii jaarraa 22ffaa keessa deemuun abaarsa malee jijjiirama hinfidu.

Waraanni hunda keenya kisaaraatti galcha. Nagaan garuu hunda keenyaaf bu’aa fida. Nuti abbootii keenyarraa waa’ee waraanaa dhaga’aa guddannee nu gaha. Dhalootuma keenya keessayyuu waraanonni hamoon lamaa hanga sadii darbaniiru.

Dhaloota dhufu garuu badhaadhina malee madaa dhaalchisuu hinqabnu. Itoophiyaatti siyaasa ammayyaatti galamuuf sochiin erga eegalamee jaarraa walakkaan darbeera.

Maraammartoon durii kan isaan hinhidhiifne ammallee jiru. Kan darberraa barree haala addunyaafi biyyaa beeknee kan nu fakkaatu uumnee gara fuula duratti tarkaanfachuu qabna.

Ajandaan dhaloota kanaa waggoota 50 nagaa waaraafi badhaadhina hundagaleessa.

BARIISAA SANBATAA Ebla 19 Bara 2016

Recommended For You