Torbee injifannoo atileetota keenyaa

Finfinnee: Dorgommiiwwan atileetiksi torban kana biyyoota adda addaatti adeemsifamanitti atileetonni keenya injifannoo olaanaa gonfataniiru.

Dorgommii maaraatonii Ostiriyaa, Magaalaa Veenaatti adeemsifameen Dhiiran atileeti Caalaa Raggaasaa sa’aatii 2:06.35n tokkoffaa ba’un mo’ateera.

Fiigicha meetira kuma shaniin Keeniyaatti dubartota gidduutti adeemsifameen Maartaa Alamaayyoo tokkoffaa, Lamlam Nibrat sadaffaa, dhiiraan ammoo Abdiisaa Fayyisaa tokkoffaa bahuun mo’ataniiru.

Dorgommii Liigii Daayimandii kiiloo meetira shaniin Chaayinaatti adeemsifameen atileeti Lammeechaa Girmaa tokkoffaa bahuun mo’ateera.

Fiigicha maaraatonii dubartoota jidduutti Landanitti adeemsifameen Tigisti Asaffaa sa’aatii 2:16.23 lammaffaa ba’uun meedaaliyaa meetii argatteetti.

Gootichi olompikii, shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaafi dorgommii qaxxaamura biyyaa Addunyaa Qananiisaa Baqqalaa fiigicha maaraatoonii yeroo 44ffaaf Ingiliz, Magaalaa Landanitti adeemsifamerratti sa’aatii 2:04.15n xumuree lammaffaa ba’uun ni yaadatama.

Seenaa fiigicha maaraatoonii keessatti atileetiin tokko umriisaa 41n sa’aatii kana galmeessisee lammaffaa yoo bahu Qananiisaan kan jalqabaati.

Fiigicha maaraatonii Landan kanarratti atileetonni addunyaarratti beekamtii qaban kan hirmaatan yoo ta’u, Qananiisaan dargaggoota of duuba hiriirsee mo’achunsaa ciminasaa daran kan agarsiisuudha jedhamuun Waldaa Federeeshinii Atileetiksii Addunyaatiin dinqisiifameera.

Qananiisaan dargaggummaa isaarraa kaasee Itoophiyaa bakka bu’uudhaan dorgommiiwwan biyyooleessaa adda addaarratti hirmaachuudhaan meedaaliyaa heddu argateera.

Keessumattuu olompikii Ateens kan ALA bara 2004 Girikitti adeemsifametti fiigicha meetira kuma kudhaniin meedaaliyaa warqii, kuma shaniin ammoo nahaasa argateera. ALA bara 2008 Olompikii Beejiing, Chaayinaatti adeemsifametti fiigicha meetira kuma kudhaniifi kuma shaniin meedaaliyaa warqii lama argateera. Injifannoon isaa kun ammoo Miruts Yifxaritti aanees olompikii tokkotti meedaaliyaawwan warqii lama argachusaatti Itoophiyaas ta’u Afrikaarraa atileeta duraas isa taasiseera. ALA bara 2012 olompikii Landanitti adeemsifametti quxusuusaa Taarikuu Baqqalaatti aanee 4ffaa ba’un cimina olompikiirratti qabus agarsiisera.

Mootii Dorgommii qaxxaamura biyyoolessaa jedhamuudhaan kan moggaafame Qananiisaan dorgommii kiiloo meetira 12fi kiiloo meetira afuritti walumaa galatti meedaaliyaa warqii 16 mormatti keewwachuudhaan addunyaarraa atileeta duraati.

Akkasumas shaampiyoonaa atileetiksii Addunyaatti dhiiraan meedaaliyaa warqii shaniifi meetii tokko walumaa galatti fiigicha meetira kuma 10niin kuma shaniin meedaaliyaawwan jaha argachuudhaan kan duraa isa taasisa.

Taphawwan Afrikaa Guutuufi shaampiyoonaa atileetiksii Afrikaarratti hirmaachuudhaan fiigicha meetira kuma shaniifi kuma 10 mo’achuudhaan seenaa olaanaa galmeessiseera.

Qananiisaa Baqqalaa fulasaa gara maaraatonnitti gara galfachuudhaan dorgommiiwwan Maaraatoonii biyyoolessaa kanneen magaalota guguddoo biyyoota adda addaarratti hirmaachuudhaan mo’annaatti dabalee riikordii addunyaa fooyyessuudhaan atileetii beekamaa addunyaa ta’uun galmaa’era.

Fakkenyaaf maaraatoonii Niwuyorkii, Fukukaa, Bostan, Shangaay, Paaris, Barliin akkasumas maaraatoonii Landanitti yeroo baay’ee hirmaachuusaa malee iddoowwan irratti hirmaate kanneenitti qabxii galmeessuun beekama.

Gootichi kun ammas biyya haadhasaa Itoophiyaa bakka bu’uuf miiniimaa Olompikii Paaris kan barana Faransaayitti adeemsifamuf dorgommii maaraatooni Landanitti taasifatetti umrii 41tti lammaffaa ba’uun ciminasaa agarsiiseera. Kanaafuu Olompikii Paarisiif atileetota Itoophiyaa bakka bu’uuf kaadhimaman keessaa tokko ta’uun galmaa’eera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 19 Bara 2016

Recommended For You