“Shaneen waan ummata biratti fudhatama dhabeefi socho’uufillee rakkateef harka kennataa jira” – Raayyaa ittisa biyyaa

Maqaa qabsootiin ummata dawoo godhachuun yakka saamichaafi ajjeechaa raawwataa kan ture gareen shorokeessaa Shanee gocha shorokeessummaasaatiin ummata biratti fudhatama dhabuu bira darbee socho’uufillee waan rakkateef harka kennataa jiraachuu raayyaan ittisa biyyaa beeksise.

Godinaalee Wallagga Lixaa, Wallagga Bahaafi Shawaa Lixaatti tarkaanfii raayyaan ittisa biyyaa garee shorokeessaa Shaneerratti fudhateen hedduun isaanii harka kennachuu ajajoonni kutaa waraanaa godinaalee kanneenii himaniiru.

Ajajaan kutaa waraanaa Wallagga Lixaatti argamuu Koloneel Geetaahun Rattaa shaneen harka kennachuun alatti filannoo biraa hinqabu jedhan.

Oppireeshinii qindaa’aa Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Baakkoo Tibbeetti tibbana taasifameen garee shororkeessaa Shanee karaa gurmaa’een socho’aa turerratti tarkaanfiin fudhatamuu ajajaan kutaa waraanichaa Koloneel Taakkalaa Garramoo himaniiru.

Kanaanis hedduusaaniirratti tarkaanfiin fudhatameera kanneen hafan immoo hidhannoo waliin booji’amaniiru jedhan.

Haaluma walfakkaatuun Godina Wallagga Bahaa, aanaalee Sibuu Sireefi Waayyuu Xuqaatti tarkaanfii Shaneerratti fudhatameen miidhaa olaanaan irra gahuu ajajaan kutaa waraanaa Koloneel Abbaayinah Asmaamaawu dubbataniiru.

Tarkaanfii qindaa’aa raayyaan ittisa biyyaa fudhataa jiruun Shaneen gocha shorokeessummaasaatiin ummata biratti fudhatama dhabuu bira darbee socho’uuf rakkataa akka jiru ajajoonni kutaa waraanaa himuusaanii Taayyaa Ittisa Biyyaaraa odeeffanne.

BARIISAA SANBATAA Ebla 19 Bara 2016

Recommended For You