Shaggaritti rakkoolee bulchiinsa gaarii 612f furmaatni kenname

Shaggar: Magaalaa Shaggaritti rakkoo bulchiinsa gaarii kenna tajaajilaan walqabatan 1094 adda ba’an keessaa 612n furmaata argachuu Waajjirri Pablik Sarvisii Magaalaa Shaggar ibse

Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Cammaraa Shibbiruu ibsa tibbana Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, waajjirichi rakkoo kenna tajaajilaa fooyyessuuf rakkoolee kenna tajaajilaatiin walqabatan 612f furmaata kenneera. Humna raawwachiisummaa cimsuu, dandeettii humna namaa hojiirra oolchuufi humna namaa ga’oomsuun sektarootaaf raabsuun kallattii xiyyeeffannoo sadan waajjirichaati.

Waajjirichi humna namaa sadarkaa magaalaatti %31, kutaa magaalaatti %27, aanaaleetti %11n hojiiwwaan rakkoo kenna tajaajilaa fooyyessan hojjechaa jira. Maddeen rakkoo kenna tajaajilaa ta’an qorannoon adda baasuun hojii bal’aan hojjetameera.

Hojii hojjetameenis qorannoon rakkoolee kenna tajaajila adda baasuu kutaa magaalaa saddeetiifi aanaalee 15tti gaggeeffameera. Xiyyeeffannaan hoggansaafi hojjettootaa sadarkaan jiru laafuu, istaandardii kenna tajaajilaan raawwachuu dhabuu, tajaajilamaan aadaa kaleessaa keessaa ba’uu dhabuun maddeen rakkoo kenna tajaajilaa ta’an akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Rakkooleen kunneen sektaroota magaalichaa 16 keessatti mul’achuu himanii; rakkoolee kanneen maqsuufis sirni ittigaafatamummaa akka jiraatuuf sektarootni 16n waliin waliigalteen mallatteeffamuu himaniiru. Humni raawwachiisa (‘task force’) kenna tajaajilaa sadarkaa sadarkaan hundaa’ee hojii bal’aan hojjetamuus ibsaniiru.

Rakkoolee mul’atan hundeerraa furuuf hojiin sirna dijitaalaayizeeshinii xiyyeeffannaan hojjetamaa jira jedhanii; hanga ammaatti giddugala tajaajila dijiitaalawaa (‘e-service’) hojjetameen kenna tajaajilaa 95 sektaroota 13 keessatti kennuun akka danda’amu adda ba’eera jedhan.

Tajaajjilli giddugalichatti kennamu toora intarneetiin waan ta’eef abbaan dhimmaa bakka jiru taa’ee tajaajila barbaade argachuu akka danda’u himanii; yoo argachuu baates toora bilbilaa 9980 irratti bilbiluun furmaata akka argatu ta’eera. Haaluma walfakkaatuun, to’annoon hojjetootaa dijitaalawaa taasisuuf maashinii to’annoo hojjetaa 169 kutaa magaalaa keessatti hojii eegaleera.

Hoggonsaa waajjiratti argamee guyyaa inni abbaan dhimmaa keessummeessuu haaluma walfakkaatuun hordoffiin geggeeffamaa jira. Hanga ammaatti hordoffii taasifameen waajjirri saamsame akka jirus ibsaniiru.

Rakkoon kenna tajaajilaa hanqina ga’umsaa ragaa sobaan kan walqabatu ta’uu himanii; ragaa sobaa maqsuu ragaan barnootaa hojjettootaa magaalichaa dhaabbilee barnoota olaanaa waliin ta’uun qulqullaa’aa jiraachuu hubachiisaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Ebla 19 Bara 2016

Recommended For You