Akkuma “Biiftuu jirtuu suksuku” jedhamu Qeerrummaan waqtii muuxannoo qabnu hojiifi galiitti jijjiirruudha”

“Dargaggeessaa hammam geessaa? suman jaallee biyya keessaa” jedhamee weellifameefiira. Dhugaadha isaan utubaa biyyaa, wabii gaafa xiiqii, gaachana gaafa qabsoo, xomboora qaanqee bilisummaa ijji biyyaa irra jiruudha.

Jijjiirama akka biyyatti har’a hunduu hawaasdinagdeen akkasumas siyaasaan dhandhamaa jiru kanaaf xomboora ta’ee boba’ee, lafeesaa itti cabsee, dhiigasaa itti dhangalaasee, biiftuun bilisummaa dhootee baatee dimokraasiin akka lafa qabatu, hanni, seermaleessummaan, gola sabaafi sablammii goolaa ture hundeedhaa akka buqqa’u gochuu keessatti gahee leencaa taphataniiru.

Jijjiirama dhufe kana keessatti qeerroofi qarreen keenya erga gahee leencaa taphatanii fayyadamummaansaanii gama maraan akka mirkanaa’uuf harka mootummaa qofa eeguun furmaata waan hintaaneef yoon maal hojjedhe milkaa’uu danda’a isa jedhu yaaduun murteessaadha jedha Dargaggoo Dursaa Hamiid (Dj Duus) turtii Dirree Dhawaatti Gaazexaa Bariisaa waliin taasiseen.

Dargaggoo Dursaa Hamiid jiraataa magaalaa Dirree Dhawaa, ganda Taayiwaan yoo ta’u, hojii eeggachuurra hojii uummachuun murteessaa ta’uu kaasa.

Dargaggoonni keenya hawaasa keessatti guddatan keessaa muuxannoofi dandeettii addaa gahumsisaanii itti mul’atu qabu. Haata’u garuu gadi baasanii hojiitti hiikuurratti hanqinatu jira.

Muuxannoo tokko tokkoon keenya manaa hanga mana barumsaatti horataa turre umrii dargaggummaatti gadi bahee osoo mul’atee takkaan fayyadamummaa keenya qabatamaan akka mirkanaa’u taasisa. Lammatammoo eeggattummaan akka badu kan taasisu waan ta’eef dadhabne mudhukne osoo hinjedhiin dandeettii keenya hojiitti hiikuun murteessa ta’uu Dargaggoo Dursaa (Dj Duus) nikaasa.

Ganamuma fedhiifi mul’anni aartii keessasaa buluu kan kaasu Dj Duus, fuulasaa gara aartii Oromootti naannessuun aartii Oromoo Dirree Dhawaa beeksisuurra darbee madda galii dinagdeensaa itti jijjiiramu taasisuu danda’eera jedha.

Ayyaanonni gara garaa wayita jiran dhaabbilee adda addaa beeksisuu, yeroo jilli akka aruuzaafaa jiraatanis hojii Dj muuziqaa hojjechuun galii argachaa jira.

Kan barataniin qofa hojii argachuuf yaaluun umrii, xinsammuufi ga’umsa namaa fixa. Kun akka hinmudanneef yeroo dargaggummaatti kufanii ka’anii, ba’anii bu’anii muuxannoo keessa ofii jiru hojiitti jijjiiruun madda galii godhachuun barbaachisaadha.

Akkuma biiftuu jirtuu suksuku jedhamu umriin dargaggummaa yeroo itti muuxannoo qabnu hojiitti hiiknee dinagdeen itti guddannu; ofirra dabarree dhaloota nuduuba jiruuf waa olkeenyuudha.

Humnis beekumsis nidhuma. Kanaan walqabatee yoo yeroo dargaggummaa keenyaatti dinagdeedhaan of hin ijaarre galgalli keenyas ta’e kan dhaloota nuduuba jiruu balaa keessa waan seenuuf gamanumaa kana beeknee osoo biiftuun hinlixiin egereef galaa galaafachuu qabna.

Dargaggoonni hedduu baratanii eebbifamanii hojii barbaachaaf yeroo dhama’an argina, hojii barbaachi umrii namaa fixuu danda’a. Kun eenyumaafuu ifa. Haata’u garuu taa’anii hojii eeguurra dhama’anii ykn carraaqqatanii of jijjiiruun daran itti ulfaata.

Kanaafis sababa guddaa kan ta’e aadaa hojii qabnuudha kan jedhu Dargaggoo Dj Duus, miira tuffannaa hojii keessaa baanaan dinagdeen of ijaaruun salphaa ta’uu hima.

Dargaggummaan mataansaa qormaata guddaadha; nyaachuu, uffachuu, waan haaraa qabachuu, mana jireenyaa ijaarrachuu, maatii horachuufi kkf kan nama gaafatuudha. Kun akka milkaa’uufimmoo miira tuffannaa hojii keessaa baanee muuxannoofi dandeettii addaa kanamalees mul’ata nukeessa jirutti fayyadamnee of jijjiiruun dirqama keenya.

Fuunee mana ijaaruuf, ilmoo godhachuuf, dinagdeedhaan of ijaaruu qabna. Kanaaf akkuma biiftuu jirtuu suksuku jedhamu osoo rakkoo keessa hinseeniin carraaqqannee egeree jiruufi jireenya keenyaa miidhagasuun barbaachsaadha.

Aartiin keenya mataansaa muuziqaa Oromoo addunyaatti beeksisuurra darbee madda galii guddaa dinagdee keenya jijjiiruu danda’u ta’uu hubachuun barbaachisaadha.

Anis kanuma bu’uura godhee hojii aartii Oromoo beeksisuu, aruuzaawwan gara garaarrattis Dj ta’ee miidhagsuun tiiktookiin addunyaatti agarsiisuun galiikoo guddisaan jira jedha.

Ani hojjedhee itti milkaa’eera. Ammas irraa dhandhamaan jira. Dargaggoonni gara biroo hojidhabdummaan rakkataa jiranis mul’ata keessoosaanii jiru hojiitti hiikuuf carraaquu qabu jechuun gorsa.

Kan carraaqe bu’aa dhamaateesaa dhandhamuun hinoolu. Kanaafuu, yeroo humna qabnutti hojjennee egereef olkeewwachuun furmaata.

“Aartiin anaaf erga madda galii ta’ee oolee bubbuleera. kanamalees muuziqaa Oromoo addunyaatti baasee akkan beeksisu galiis akkan irraa argadhu nataasiseera. Kanaaf muuxannoo qabnu nuffii malee hojiitti yoo hiikne milkaa’uun akka danda’amu dargaggoonni beekuu qabu.

Kanaa achi ilaalchi kanuman baradhe qofaanan hojii barbaaddadha jedhu dandeettii keenya ganamaa nukeessa jiru waan miidhuu danda’uuf yeroo qabnutti fayyadamuun yeroo fiiguu qabnutti fiignee hojjechuun dirqama keenya ta’uu beekuu qabna.

Hamma humnakootti dargaggoota fedhii qaban simadhee hojii Dj’tiin muuxannoo akka horatan gochaan jira. Kanneen milkaa’anis jiru, dargaggoonni mul’ataafi muuxannoo keessasaanii jiru hojiitti hiikuuf waan hojjetamee maallaqa argamsiisu kamuu hojjechuun barbaachisaadha.

Keessumaa aartiin osoo kana caalaa xiyyeeffannoo argatee irratti hojjetamee galii guddaa qaba. Yuutuubii mataa kiyya banadheera. Sanarratti hojiilee mimmiidhagoo hojjedhee dinagdeekoo fooyyessaan jira. Ofirra darbees maatii kiyya gargaaruu danda’eera.

“Sochiin dargaggoonni dhuunfaan jireenyasaanii jijjiiruuf taasisan akkuma jirutti ta’ee osoo mootummaan deeggaramemmoo daran cima” jedha Dj Duus.

Akka magaalaa Dirree Dhawaatti hojiin bakka oolmaa dargaggootaa babal’isuu hojjetamaa jiru kan nama jajjabeessu ta’uus eeree, madda galiis ta’aa jiraachuu dubbata.

Dirreen magaalaa bareedduu naamoonni fagoo taa’anii ishee hawwan ta’uun walqabatee deeggarsa karaa bulchiinsa magaalaa taasifamaa jiru cinatti hojiilee sasalphaa uummachuun dinagdee keenya jijjiiruun ni danda’ama jedha.

Kantiibaan magaalattii bakka oolmaa ispoortii dargaggootaaf qopheessuun dargaggoonnimmoo gurmaa’anii maallaqa walitti buusuun dirree kubbaa qopheeffachuun takkaan bakka bashannanaa lammatammoo madda galii akka irraa argatan ta’aa jiru.

Kantiibaan magaalaa lafa dirree kubbaa ta’u dargaggoota gurmaa’aniif kenneerra. Isaanimmoo dirricha miidhagsuun warra kubbaa taphachuuf dhufanirraa sa’aatii tokkoon maallaqa hanga kuma tokkoo argataa jiru.

Jalqabbiin kun dargaggoota kan onnachiisu yoo ta’u, kanaa ol fayyadamoo ta’uuf humna qabaniifi daangaa umrii yeroo gabaabduu kana keessatti qaxalummaan hojjennee hawaasdinagdeen cimuun barbaachisaadha.

Yoo kun hintaane maatiifi biyyarratti ba’aa taana, kanaaf umrii dargaggummaatti kufnee kaanee, baanee buunee muuxannoo qabnu hojiitti hiikuun barbaachisaadha jedha Dj Duus .

Akkuma dirreen magaalaa miidhagduu taate hojidhabdummaan walqabatee dargaggoonni eeggattummaaf saaxilamaa jiran hedduu yoo ta’an araada hinmalleef saaxilamuunis jiraachuu kaasa.

Dargaggoonni araada hinmalleef saaxilamuu jechuun humni omishaa hubamuu jechuu waan ta’eef hojiin hubannoo uumuu kennamuu akka qabu eera. Har’a dargaggoonni osoo dandeettiifi muuxannoo addaa qabanii abdii kutannaan araada hinmalle keessa seenaan hedduu waan ta’aniif yaaddoo guddaadha.

Dargaggoonni kunniin yeroo fiiganii hojjetanii of jijjiiruu qabanitti sakaallaa araadaan qabaamuunsaanii takkaan hojjetanii akka hinjijjiiramne lammatammoo dinagdeen akka kufan, darbees biyyaaf abdii ta’uurraa gara yaaddoo ta’uutti seenuu akka danda’an taasifamu.

Kanaaf sochiin bakka oolmaa ispoortii babal’isuu eegalame cimuu qaba. Hojiin hubannoo uumuu dargaggootaaf karaa mootummaa kennamaa jirus miidiyaaleedhaan dabaalamuun dargaggeessi yaaddoo ta’uurraa wabii biyyaa ta’uutti akka ce’uuf hojjetamuu qaba.

Dargaggoota dinagdeen ilaalchaafi xinsammuun cimsuun hojii mootummaa qofa waan hintaaneef abbootiin qabeenyaas misoomawwan dargaggoota cimsuu danda’an magaalattiitti babal’isuun dargaggeessa biyyaafi maatiitti ba’aa ta’u osoo hintaane egeree dhalootaaf wabii ta’u horachuuf tumsuun barbaachisaadha.

Dargaggootaa, akkuma biiftuu jirtuu suksuku jedhamu yeroo humna qabnu kanatti isa baranne qofaan hojii barbaacha yeroo keenya gubuurra muuxannoo qabnutti fayyadamuun dinagdee ofiis kan maatii ofiis jijjiiruun waan danda’amuuf dammaquun barbaachisaadha.

Walumaagalatti dargaggummaan yeroo omishawaa hojjennee itti of jijjiiru waan ta’eef sochii mootummaan dargaggoota humneessuuf taasisu cinatti harka ilaaluu keessaa ba’uuf harka keenya sochoosuun bu’aa buusuun dirqama keenya.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 19 Bara 2016

Recommended For You