Intarpiraayizichi sanyii midhaan filatamaa kuntaala kuma 650 omishe

Finfinnee: Intarpiraayiziin Sanyii filatamaa Oromiyaa bara kana sanyii filatamaa midhaan akaakuuwwan garagaraa kuntaala kuma 650 omishuu beeksise.

Gaggeessaa Hojii Olaanaa Ittaanaan Intarpiraayizichaa Obbo Caalaa Abbabaa Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, Intarpiraayizichi omishaafi omishtummaa qonnaa dabaluuf akka naannoottis ta’e biyyaatti gahee leencaa taphachaa jira.

Intarpiraayizichi dameewwan sadii, mashinoota sanyii qulqulleessan guguddoo shan, giddugala qonnaa 14fi lafa sanyii irratti omishu hektaara 32 qaba.

Barana lafa hektaara kuma 29 irratti garee sanyii miidhanii 20 kan tokko tokkoonsaanii of jalaa akaakuuwwan sanyii filatamaa garagaraa 90 ta’an karaa qonna kontiraataan, kallattiidhaan omishuufi abbaa qabeenyaa hirmaachisuutiin qopheesseera.

Sanyiiwwan qophaa’an kunneen keessaa sanyiin kuntaalli Kuma 350 sanyii maashinaan soramee qulqullaa’e Abbaa Taayitaa Galteewwan Qonna Oromiyaatiin dandeettiin biqiluusaa mirkanaa’ee yoommuu ta’u, intarpiraayizichi yeroo ammaa sanyicha karaa bakka buutotasaa godinaalee hundatti raabsuuf qophii xumuruu Obbo Caalaan ibsaniiru.

Sanyiiwwan kunneen dhibee dandamachuun, dandettii biqiluusaanitiiniifi omishatummaasaatiin sanyii midhaanii kaanirraa garaagarummaa guddaa qabaachuu dubbataniiru.

Jijjiirrama haala qilleensaarra kan ka’e tibba sanyiin faca’utti rooba gahaa dhabuufi yoommuu omishni sassaabbamutti immoo heddummachuunsaa hudhalee bara kana intarpiraayizicha mudate ta’uus ibsaniiru.

Kontirobaandiin sanyiis hudhaalee intarpiraayizichaa keessaa isa tokkoodha Kan jedhan Obbo Caalaan; naannichi haala qilleensaa mijataa sanyii omishuuf gargaaruu waan qabduuf sanyiiwwan omishaman kunneen naannicha keessatti gatii madaalawan Kan rabsaman yoommuu ta’u, kontirobaandistootni sanyiiwwan kunneenirratti gatii dabaluun iddoodhaa gara iddootti geejjibsiisanii yoommuu gurguran nimul’ata jedhaniiru.

Intarpiraayizichi, bal’ina lafa irratti omishuutinifi akaakuuwwan midhaan omishuutiin biyyoota Afrikaa Bahaa keessatti dhaabbilee sanyii omishan keessaa sadarkaa jalqabaarratti argama Kan jedhan Obbo Caalaan; bal’ina lafa irratti omishuu gara hektaara kuma 100 tti ol guddisuuf hojiileen adda addaa hojjetamaa jiru jedhaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 14 Bara 2016

 

Recommended For You