Godina Arsiitti aramaan ‘Deessii’ omishaafi omishtummaa hubaa jiraachuun ibsame

Finfinnee: Godina Arsii aanaa Amiinyaatti gosti aramaa ‘Deessii’ jedhamu omishaafi omishtummaa akka malee hubaa jira. Aramaa kana tokkoosaa wayita midhaan keessaa buqqisan dhibba ta’ee akka margu dubbatu qonnaan bultoonni. Aramaan kun akka aramaa boocee bakka jiru hundatti marguun saffisaan waan babal’atuuf humna namaan to’achuun tasumaa hin danda’amu.

Aanaa Amiinyaatti gandeen akka Elellee Abroonyiifi Jiddaa Kaarraa kanneen gammoojjii ta’an omishaafi omishtummaan beekamu. Keessattuu omishni agadaa shonkooraa, kuduraafi muduraa qarqara Laga Elellee jiran haalaan qalbii nama booji’u. Lagni omishaan faayamee magariisa uffate kun magariisummaasaa qabate gara Laga Waabee Shabaleetti akka fulla’u jiraattotarraa odeeffanneerra. Gandeen kunneen omisha boqqolloo, mishingaa, boloqqee, xaafiifaanis baay’ee beekamoo ta’uun alatti qabeenya beeyiladaanis kan badhaafamaniidha.

Sheek Huseen Nuuraa jiraataa aanaa Amiinyaa yommuu ta’an aanichi omishaafi omishtummaan daran beekamaa ta’uu dubbatu. Ta’us yeroo dhiyoo as dhiibbaa aramaa Deessii uumaa jiruun omishtummaan akka malee xiqqaachaa dhufuu himanii; aramaan kun osoo midhaan lafa keessaa hin ba’in gubee balleessuun mataa gubbaa yaabbata. Wayita tokkoonsaa buqqisan dhibba ta’ee akka margus ibsaniiru.

Aramaan kun qilleensaafi kottee beeyiladaatiin akka babal’atu ogeessi qonnaa isaanitti himuu yaadachiisanii; aramuun ala fala biroo akka hin qabne ogeessi qonnaa isaanitti himus aramuun ittuu baay’isuurraa kan hafe furmaata akka hin taane eeraniiru. Ammaan tanas aramaan kun godina Arsii qofa osoo hin taane Harargee keessa illee bal’inaan jiraachuu dubbataniiru.

Aramaa kanatti mootummaan fala kennuu baannaan omishaafi omishtummaa balleessuu qofa osoo hintaane qe’eesaaniirraa isaan buqqisuu akka danda’u sodaa qabaachuu ibsaniiru.

Jiraataan aanichaa biroo Muddiin Sheek Ibiraayim gamasaaniin akka jedhanitti, aramaan Deessii midhaan akka boqolloo, mishingaafi jaldaasafaa battalatti gubee balleessa. Rakkoo hamaa aramaan kun dhaqqabsiisaa jiru iyyachuun ala aramicha qaama dhimmi ilaallatu hundaaf erganis hanga ammaatti deebiin gama mootummaan kenname hin jiru.

Hogganaa Ittaanaan Biiroo Qonnaa Oromiyaafi Ittigaafatamaan Damee Eegumsa Biqiltuu Obbo Dajanee Hirphaa gamasaaniin, rakkoo qonnaan bultoonni kunneen kaasan dhugaa ta’uu himanii; torban ittaanu foormiin ogeessota naannoofi federaalaa hirmaachise akka adeemsifamuufi bu’aa qorannoo fooramichaarratti hundaa’uun tarkaanfiin akka fudhatamu ibsaniiru.

Aramaan biyyaaf keessummaa ta’e sanyiifi meeshaalee qonnaa alaa galan waliin biyya seenuun hubaatii dhaqqabsiisaa jiraachuu eeranii; aramaa Deessiirra kanneen omisha qamadii huban mul’achuus dubbataniiru. Falli biirichi kennuuf yaade akkuma jirutti ta’ee qonnaan bultoonni mala aadaa hojiitti hiikuu akka qabaniifi meeshaaleefi galtee qonnaa alaa galanirratti to’annaafi hordoffiin akka taasifamu dhaamaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 14 Bara 2016

 

Recommended For You