Ummatni duudhaa harka qalleeyyiif maaddii qooduu gabbisuu qaba jedhame

– Ayyaannii Id Al Faxir 1444ffaa kaleessa sirna ho’aan kabajameera

Finfinnee: Duudhaa namoota harka qalleeyyiif maaddii qooduu ayyaana sooma hiikaa (Iid alfaxirii ) irrattis ta’e sanaan boodas cimee ittifufuu akka qabu Manni Maree Waliigala Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaafi Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee beeksisan. Ministirri Muummee Itoophiyaafi Pirezidaantiin Oromiyaas haaluma walfakkaatuun ergaa baga geessanii dabarsanii, duudhaan walkabajuu, waljaallachuufi waldeggaruu baatii Ramadaanaa cimee itti fufuu akka qabu gaafataniiru.

Manneem Marichaa hordoftaa amantichaa hundumaan ergaa kabaja ayyaana Iid-Alfaxirii waggaa 1444ffa baga geessaniis dabarsaniiru

Pirezidaantiin Mana Maree Waliigala Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheek Hajii Ibraahim Tufaa ibsa miidiyaaleef kennaniin, hawaasni musliimaa namoota sababa walitti bu’iinsaa, qaala’iinsaa jireenyaafi kanneen biroon rakkoo hamaaf saaxilaman ayyaana kanarrattis ta’e sanaan booda waan qabuun akka deggaru hubachiisaniiru.

Haaluma walfakkaatuun Pirezidaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Finfinnee Sheek Sulxaan Amaan Ebbaa Dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiif akka ibsanitti, ayyaanni Iid-Alfaxirii ayyaana hawaasni muslimaa baatii soomaa namoota harka qalleeyyiif maaddii qoodaa turuun xumura soomaa ayyaanaeffatuudha. Hordoftoonni amantichaa duudhaa namoota harka qalleeyyiif maaddii qoodan ayyaana Iid-Alfaxirii qofarratti osoo hintaane sanaan boodas cimsanii ittifufuu qabu jedhaniiru.

Guyyaan Iidii guyyaa hordoftoonni amantichaa gammachuusaanii itti ibsatan waan ta’eef kan qabu haaraa bitatee kan hinqabne waan qabu miiccatee gara dirree ayyaanaatti ba’uun kan ayyaanneffatamudhas jedhaniiru.

Hordoftoonni ammantichaa ollaa, harka qalleeyyii akkasumas namoota daandiirra jiraatan nyaachisuufi uwwisuun qajeelfamoota amantichaa raawwachuu akka qaban himanii, manni marichaas namoota sababa namtolcheefi uumamaan walqabatee rakkoof saaxilaman dhaqqabuuf gumaacha taasisuu yaadachiisaniiru.

Haaluma kanaan lammiilee yeroo soomaa keessa qe’eesaaniirraa buqqa’ani, beeyiladoonnisaanii jalaa dhuman ilaalcha keessa galchuun imaamota masjiidoota waliin ta’uun gargaarsa qarshii miliyoona 19 sassaabuun hawaasa Booranaa qaqqabsiisuun akka danda’ames pirezidaantichi ibsaniiru.

Waraanaan Kaaba biyyattiin walqabatee lammiilee qe’essaaniirraa buqqa’uun naannawaa Dabra Birhaaniifi Walloo jiraniif deggarsa qarshii miliyoona 2.5 dhaqqabsiisuuf qophiin xumuramuu eeranii, ayyaana Iid-Alfaxirii booda naannoo Tigiraayiifis gargaarsa akaakuufi qarshii miliyoona jahatti shallagamu gumachuuf qophiirra jiraachuu dubbataniiru.

Akka ibsa Sheek Sulxaanitti, imaamotni mazjiidoota gaggeessan bakka jiran hundatti waltumsuun lammiilee rakkina keessa jiran akka gargaaran keessumaa Zakkaatalfaxiirii (kennaa guyyaa ayyaana Iidaa) walitti qabuun warra rakkatan akka qaqqabsiisaniif manni marichaa kallattii kaa’eera. Rakkoo biyya mudate keessaa ba’uufis misooma, nageenyaafi tokkummaan cimuu akka qabus hubachiisaniiru.

Waan qaban isa rakkateef qooduun dirqama amantii ta’us, michummaafi jireenya hawaasummaa akka cimsus Sheek Sulxaan himaniiru.

Pirezidaantichi, guyyaan Iidaa guyyaa gammachuu waan ta’eef hordoftoonni amantichaa naamusa amantichaa eeguun ayyaaneffaachuu akka qaban hubachiisanii, lammilee rakkoo garagaraan daandii magaalichaarraa jiraniif maaddii qooduun qajeelfamoota amantichaa akka raawwatanii beeksisaniiru.

Hordofaa amantichaa kan ta’an Obbo Zamadkuun Nuuruu gamasaaniin, Iidiin guyyaa gammachuu ta’uu ibsanii, ta’us guyyaa kana keessatti wanti raawwatamu qabu raawwachuu akka qabuufi hordoftootni amantichaa guyyaa Iidaatti Zakkaatalfixiriin dhiyeessuun harka qalleeyyii akka deggaran gaafataniiru.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (PhD) ergaa baga geessanii dabarsaniin “Ayyaanni Iid Alfaxiir yeroo kabajnu waa’ee nageenyaa, jaalalaa, tokkummaan dhaabbachuufi obbolummaa yaaduun ta’uu qaba. Abbootiin amantii Islaamaa waa’ee walitti dhufanii bakka tokkotti salaata gochuu yeroo barsiisan, qofa qofaatti sagaduurra walitti dhufanii bakka tokkotti sagaduun miira obbolummaa cimsuun diinatti ykn seexanatti karaa cufa jedhu. Kanarraa ka’uun hordoftoonni amantii Islaamaa yeroo sagadan hanga danda’ame bakka tokkotti waliin sagaduu filatu” jedhu.

Tokkummaan waliin dhaabbachuun kan fayyadu kadhannaarratti qofa osoo hintaane rakkoolee akka biyyaatti numudatan injifannoon ce’uuf waliin dhaabbachuun akka barbaachisu himu. Keessumaa yeroo kana nuti Itoophiyaanonni yoomiyyuu caalaa tokkummaasaanii cimsanii yeroo itti waliin dhaabbachuun barbaachisu akka ta’e kaasu. Biyyi keenya gadadoo keessaa gara badhaadhinaatti ce’uuf qabsoo cimaa taasisaa jiraachuufi qabsoo taasifamaa jiru injifachuuf tokkummaan waliin dhaabbachuun akka barbaachisus ni eeru. Gara olka’iinsaatti ba’uudhaaf duubatti walharkisuu utuu hintaane waldeggaruu, wal mormuudhaan utuu hintaane haala tasgabbaa’een waliin mari’achuudhaan ta’uu akka qabus kaasu.

Nageenyi ummanni biyyattii waliigalanii, waldanda’anii tokkummaan akka jiraatan waan taasisuuf harka keenya nageenyaaf haa diriisinu, onnee keenyas nageenyaaf haa bannu jechuun ergaa dabarsaniiru.

Pirezidaantiin Oromiyaa Shimallis Abdiisaa gamasaaniin, Ayyaanni Iid Al Faxir Ayyaana guddaa hordoftoonni amantii Musliimaa ajaja Rabbi biraa kennameef galmaan ga’uufi hiikaa sooma baatii tokkoo sababeeffachuun kabajan, ayyaana eebbifamaa ta’uu ibsu.

Aadaan wal gargaarsaa baatii Ramadaanaa keessatti mul’ateefi sirni maaddii waliif qooduu sadarkaa garaa garaatti gaggeeffamaa tures aadaa uummanni keenya jaalala, waliif qooduu, wal kabajuu, hiyyeessa deeggaruuf qabu caalaatti kan dagaagsu hojii eebbifamaa ta’ufi qajeeltoon sirni Zakaatul Faxirii ammoo walooma keenyaaf muuxannoo guddaa ta’uusaatiin cimee itti fufuu qaba jedhu.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Ebla 14 Bara 2015

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *