“Nageenya uummataa mirkaneessuun gara misoomaatti deebi’uuf ittigaafatama waloo qabna” – Doktar Abiyyi Ahmad

Finfinnee: Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmadifi Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa bakka bu’oota hawaasa godinaalee Wallaggaa arfan waliin magaalaa Naqamteetti dhimmoota nageenyaafi misoomaarratti Roobii darbe mari’ataniiru.

 Ministirri Muummee Doktar Abiyyi marichaan booda yaada fuula hawaasummaa isaaniirratti kennaniin akka jedhanitti, “Nageenya ummataa mirkaneessuun gara misoomaatti deebi’uuf ittigaafatama waloo qabna.” Nageenyi bu’uura waan gaarii hundaa akka ta’e, nageenya malee misoomni kan hinyaadamne ta’uus eeraniiru.

Akkasaan jedhanitti, namooni baay’een kan akka Haayilee Fidaa, Leencoo Lataafi biroon walqixxummaafi bilisummaa ummata Oromoof qabsaa’aa turan Wallaggaa keessaa ba’an. Gama gootummaafi waraanaatiin yoo ta’es kan akka Abdiisaa Aagaa kaasuu dandeenya. Abdiisaan ummata Itoophiyaa guutuu gootummaasaatiin nama waamsiseedha. Ammas akka Itoophiyaatti Janaraala guutuu kan ta’eefi hojii qabatamaadhaan waan Itoophiyaarratti ta’e jijjiiruu kan danda’e gootni Geetaachoo Guddinaas Wallaggumaa ba’e jedhu.

Qaamoleen hawaasaa maricharratti hirmaatanis hanqinaalee dhimma nageenyaafi hojiilee misoomaarratti jiran akka gaaffiifi yaadaatti kaasaniiru. Wallaggaa afran keessatti hojiileen misoomaa, paarkiiwwaniifi bu’uuraaleen misoomaa babal’achuu dhabuufi hojdhabdummaan babal’achuu rakkoolee gurguddoo hirmaattonni marichaa kaasaniidha. Waraanni akka dhaabbatuufi nagaafi tasgabbiin akka uumamuufis gaafataniiru. Hojiileen sababa rakkoo nageenyaatiin dhaabataniifi duubatti harkifatanis hojiitti deebisuuf nageenya mirkaneessuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu akka qabus gaafataniiru.

Dhimma kanarratti kallattiin deebii kan kennan, Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shiimallis Abdiisaa gaaffilee hirmaattonni marichaa dhiyeessaniif deebii wayita kennan akka jedhanitti, pirojektoonni bu’uraalee misoomaa godinaalee Oromiyaatti akka hojjetamaniif kennaman sababa rakkoo nageenyaatiin sakaalameera. Pirojektoota bu’uraalee misoomaa akka hojjetamaniif kennaman milkeessuuf nageenya tasgabbeessuurratti xiyyeeffatame ni hojjetama. Rakkooleen bu’uraalee misoomaa kan furaman yoo nageenyiifi tasgabbiin jiraateedha. Rakkoo nageenyaa kana furuuf ammoo ummanni mootummaa waliin ta’ee hojjechuu akka qabu gaafataniiru.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi akka jedhanitti, rakkoo keessoo keenyaa bulfannee jennaan kan biraan nama yaaddessa jedhee hin yaadu. Warri yaada mootummaan mormanii qabsaa’anis daandiifi hojii bu’uraalee misoomaa dhaabsisuu akka hinqabne dubbataniiru. Daandii dabalatee bu’uuraaleen misoomaa hojjetaman ummata waan tajaajilaniif warri dhugaa Oromootiif qabsoofna jedhanis hojiilee misoomaa dhaabsusuu akka hinqabne yaadachiisaniiru. Hojii bu’uraalee misoomaa hundi keenya eegnee ittifufsiisuu qabna jedhaniiru.

Waltajjcharratti Afyaa’ii Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caafoo, qondaaltonni nageenyaafi qaamolee biroos kan argaman ta’uu miidiyaaleen gara garaa gabaasaniiru.

Rippoortara Gaazexichaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 14 Bara 2015

Recommended For You

2 Comments to “ “Nageenya uummataa mirkaneessuun gara misoomaatti deebi’uuf ittigaafatama waloo qabna” – Doktar Abiyyi Ahmad

  1. Pingback: grote blote tieten

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *