Pirojektonni Haroo Wanciifi Holqa Soofumar guddina turiizimii naannichaaf galtee guddaadha

Finfinnee: Pirojektonni Haroo Wanciifi Holqa Soofumar guddina turiizimii naannichaatiif galtee guddaa ta’uu Komishinii Turiizimii Oromiyaa ibse.

Komishinarri Ittaanaan komishinichaa Obbo Naggaa Wadaajoo ibsa addatti tibbana Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, ijaarsi pirojektota kanneenii maallaqa guddaafi sadarkaa teknolojii olaanaan waan raawwatamuuf ce’umsaafi muuxannoo teknolojii guddaatu irraa waraabama.

Waan hundaan guutuu waan ta’aniif hawwatni turiizimiisaaniis biyya keessaafi alatti daran olaanaadha. Carraan hojii bal’aafi maqaa gaarii uumamuu, sharafa alaa argamsiisuufi jireenya ummata naannawaasaanii jijjiiruu keessatti shoora guddaa taphatu.

Pirojektonni sadarkaa biyyattii Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin xiyyeeffannaan kennameefii hojjetamaa jiran hundi wayita xumuramanii hojiitti galan ce’umsa teknolojiinis ta’e guddina dinagdee biyyattiif qooda olaanaa qabaatu.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa damee turiizimiif xiyyeeffannaa kenneen dhaabbata tuuriziimii babal’ina hoteelotaafi dhimmoota tajaajila turiizimiin walqabatanirratti hojjetu hundeessuu himanii, hojiiwwaan pirojektota akka Haroo Wanciifi Holqa Soofumar dabaluun cinatti sochiin bakkeewwan hawwata tuuriizimii adda baasuufi hojiirra oolchuu taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.

Kana malees, hanqina humna namaa damee tuuriizimiin akka biyyattis ta’e akka naannichaatti jiru furuuf mootummaan naannichaa baankii Jarmanirraa deggarsa argateen wiirtuu leenjii tuuriizimii ammayya’aa magaalaa Bishooftuutti hundeessuuf qophiin taasifamaa jira jedhanii, wiirtuun kun ogeessota ogummaa turiizimii qaban baay’inaafi qulqullinaan horachuu keessatti shoora guddaa akka qabus ibsaniiru.

Dameen turiizimii dameewwan dinagdee biroo waliin hidhata guddaan waan qabuuf qindoominaan hojjechuu akka gaafatus eeranii, biyyootni guddina damee turiizimiin sadarkaa olaanaarra jiraniifi galii guddaa argachaa jiran damicharratti qindoominaan waan hojjetaniif akka ta’es yaadachiisaniiru.

Akka ibsa Obbo Naggaatti, hawaasni naannichaa aadaa bakkewwaan hawwata tuuriizimii kunuunsuufi daawwachuu gabbifachuu qaba. Industirii aara maleessi filatamaan kun tattaaffii mootummaa qofaan waan milkaa’uu hindandeenyeef hunduu tumsuu qaba.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 7 Bara 2015

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *