Gamtichi waamicha araaraa taasifame akka deggaru ibse

Finfinnee: Gamtaan Waldaalee Kiristaanaa Warra Wangeelaa Itoophiyaa waamicha araaraa mootummaan qaama hidhatee Naannoo Oromiyaa keessa socho’aa jiruuf taasisee kan deeggaru ta’uu ibse.

Pirezidaantiin gamticha Paastar Tsaadiquu Abdoo ibsa addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka dubbatanitti, gamtaan isaanii rakkooleen siyaasaa naannoo Oromiyaa keessattis ta’e biyyattii keessatti jiran mariidhan akka furamaniif gorsaanis ta’e kadhannaadhaan gamtichi waan isarraa eeggamu gumaachaa akka ture ibsaniiru.

Gamtaansaanii ittiin milkaa’uu dhabuus waraanni kaaba biyyaattiitti mudate akka hinuummamne dursee yaalii taasisaa turuu eeranii, humna fayyadamuun ittuu rakkina hammeessa furmaata akka hinfidu jedhu. Biyyattii keessatti wal dhabdee jiru furuuf marii irra humna filachuurran kan ka’e biyyattiin gatii guddaa baasaa jiraachuus ni himu.

Marii malee, humni rakkoo biyyaa miti rakkoo abbaa warraafi haadha warraayyuu furuu hindanda’u kan jedhan Paastar Tsaadiquun, yoomiyyuu taanaan murni kamiyyuu, humna waraanaa filannoo godhachuu hinqabu.

Waamichi araaraa kun yommuu taasifamu gammachuu guddaan akka isaanitti dhaga’ame ibsanii, waamicha kana milkeessuf qaamotni lachuu shakkii keessasaanitii baasu qabu jedhaniiru.

“Hawaasichi duudhaa gabbataa rakkoo mariidhaan furuuf gargaaru kan jaarraa hedduu lakkoofsise qaba waan ta’ef waamichi araaraa kun ni milkaa’a abdii jedhun qaba Ummatni Oromoos ta’e sabaafi sablammootni biyyattii araarri kun akka milkaa’u ni barbaadu. Haa ta’u malee, qaamotni daldala siyaasasaanii ho’ifachuuf jecha waamichi kuni akka hinmilkoofne barbaadan lakkoofsaan muraasa ta’an ni jiru” jedhu.

Rakkoon Oromiyaa keessatti mudatu karaa kallattiis ta’e alkallattiin nageenya biyyattiirratti dhiibbaa guddaa taasisuu danda’a waan ta’eef araarri kun yoo milkaa’e, guutuu biyyattiif carraa guddaa akka ta’e Paastar Abdoon ni dubbatu. Milkaa’ina araara kanaafis hawaasni hundi gahee irraa eeggamu bahuu akka qabu gaafataniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 7 Bara 2015

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *