Ijaarsi biyyaa gochaafi ilaalcha finxaaleyyiitiin akka hingufanneef of eeggannoo cimaa gochuun barbaachisaadha

Finfinnee: “Finxaalessummaan ilaalchaafi gocha fiixeetti ba’ee sirna federaalizimii sabdaneessaa moggaatti dhiibuun ilaalcha kootu caalaa leellisuudha” jedhu Yunivarsitii Ambootti, Hayyuu Saayinsii Siyaasaa Obbo Solomoon Tafarraa.

Obbo Solomoon ibsa dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin, finxaalessummaan ilaalchiifi gocha sabdaneessummaafi walqixummaatti amanuu dhabuudha. Finxaalessummaan amantaa, yaada, siyaasaafi dhimmoota biroon kootu caala jechuun kaan cunqursuufi carraa dhowwachuun yaadaafi ilaalcha ofii dirqiin namarratti fe’uuf wixxifachuudha. Finxaaleyyiin haala qabatamaa har’a jiru ilaalcha keessa galchuu osoo hintaane loogiifi abbaa irrummaa kaleessaa hojiitti hiikuuf qaama abbaluudha.

Finxaalessummaan ijaarsa sirna federaalizimii sabdaneessaa isa dhugaa milkeessuu keessatti gufuu guddaa waan ta’eef xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu akka qabu eeranii, mariin biyyaalessaa adeemsifamuuf jedhus fiinxaalesummaa tokkummaafi walqixxummaa umattoota biyyattiif balaa ta’e kana gara yaada giddugaleessaatti fiduuf kan gargaaru ta’uu himaniiru.

Itoophiyaan duudhaa sabdaneessummaa irraa ijaaramtee fakkaachuu qabdi kan jedhan hayyuun kun, biyya sirna federaaliziimiin bultu keessatti yaadniifi ilaachi finxaalessummaa fudhatama hinqabu. Sirni federaalizimii ofiin of bulchuufi akka biyyaatti waliin walbulchuu of keessaa qaba. Kanaafuu dhaabbilee hunda keessatti eenyummaan Sabootaa, Sablammootaafi Ummattoota biyyattii calaqqisuun Itoophiyaa fakkaachuu qaba jedhu.

Walqixuummaan fiinxaaleyyiif sodaa waan ta’eef wayita sirreessuuf ittideemamu sirna cunqursaa ittifakkaata kan jedhan Obbo Solomoon, ijaarsi biyyattii gochaafi ilaalcha fixxaaleyyiitiin akka hingufanneefi hindiigamne taasisuuf of eeggannoo cimaa taasisuun barbaachisaadha. Miidhaa biyyi diigamuun qaqqabu biyyoota akka Somaaliyaa, Sooriyaafi Yuguzilaaviyaarraa barachuun barbaachisaadha jedhu.

Fiinxaalessummaa gara giddugaleessaatti fiduuf mariin biyyaalessaa adeemsifamuuf jedhu furmaata ta’uu biyyoota akka Kaanaadaafi Afriikaa Kibbarraa muuxannoo milkaa’ina marii biyyaalessaa fudhachuun murteessaa ta’uus eeraniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Ebla 7 Bara 2015

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *