“Rifoormiin humna addaa Oromiyaafi haalli nageenya naannichaa kallattii kaa’ameen hojiitti hiikama” – Komishinara jeneraalaa Araarsaa Mardaasaa

Finfinnee: Rifoormiin Poolisii Humna Addaa Oromiyaafi haalli nageenya naannichaa kallattii mootummaan lafa kaa’een kan hojiitti hiikamu ta’uu Biiroon Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaa ibse.

Hogganaan biirichaa Komishinarri Jeneraalaa Araarsaa Mardaasaa ibsa addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, rifoormiin humna addaa Oromiyaa yeroo gabaabaa keessatti xumurama. Sodaa nageenyaa naannichaa hundeerraa furuuf mootummaan federaalaa Finxaaleyyiifi ABO Shanee toora qabsiisuuf sochii eegalee jira.

Ololli Finxaaleyyiin “Oromiyaatti rifoormiin poolisii humna addaa hintaasifamu” jechuun burjaajjii uumaa jiran dhugaarraa kan fagaate ta’uu eeranii, dhugaan lafa jiru garuu rifoormii kana ilaalchisee miseensota humna addaa naannichaa dabalatee hoggantootaa garagaraaf hubannoon taasifamuufi yeroo dhihoo keessatti hojiirra kan oolu ta’uu hubachiisaniiru.

Haleellaa tibbana Horro Guduruu Wallaggaafi godina Wallootti Finxaaleyyiin lammiilee nagaarratti raawwatan ilaalchisee yaada kennaniin, boora’uu nageenya naannoo Oromiyaaf gufuu guddaan inni tokko finxaaleyyii ta’uu eeranii, Oromiyaa keessatti tibbana qofas osoo hintaane irra deddeebiin rakkoo uumaa turuufi haleellaan raawwatan bifa qindaa’een osoo hintaane bifa shororkaan waan ta’eef tarkaanfii madaalu fudhachuun rakkoo ta’uu himu.

Finxaaleyyiin kunneen ummata Oromoofi Amaaraa walitti buusuuf ololaanis ta’e tarkaanfii qabataman fudhataa jiran akka salphaatti kan ilaalamu miti kan jedhan Komishinar Araarsaan, kaayyoosaanii galmaan ga’uuf addattuu tibbana ummata aguuggatanii as ba’aa jiraachuun hubatamee dura aguuggicha irraa baasuun, itti aansuun ammoo tarkaanfii barsiisaan akka irratti fudhatamu himaniiru. Yeroodhumaaf maleen Finxaaleyyii dabalatee yakki qaama kamiinu dalagamu itti gaafatama seeraafi seenaa jalaa akka hin miliqnes jala sararaniiru.

Akka ibsa komishinarichaatti finxaaleyyiin kunneen daandii nagaatti akka deebi’aniif waamicha mootummaan federaalaa taasiseef fudhatanii yoo deebi’uudhaa baatan abidda qabsiisan kanaan kan gubatu isaanuma ta’uu namuu hubachuu qaba. Haaluma walfakkaatuun nageenya biyyattii mirkaneessuuf waamichi mootummaan ABO Shaneef dhiyeesse kutannoo mootummaan nageenya naannichaaf qabu kan mul’isu ta’uufi ABO Shaneenis kutannoofi ejjennoo walfakkaatu akka calaqqisiisu gaafataniiru.

Haa ta’u malee, ABO Shaneen waamicha araaraarra tarkaanfatee qabsoo hidhannootti kan cichu yoo ta’e, raayyaan ittisa biyyaa, milishaa, poolisiifi ummatni naannichaa ABO Shaneerratti tarkaanfii keessa deebii hinqabne akka fudhataniif kallattiin taa’uu yaadachiisaniiru.

Walumaagalatti, ijaarsi humna addaa rakkoo qabatamaa naannooleen walqabatee bu’uura seeraa malee ijaaramuun rakkoo uumuusaaf qaamoleen amma mormii kaasanuu gaafachaa turuu kan yaadachiisan hogganaan kun; rifoormiin yaadames humna addaa diiguu osoo hintaane istaandardii heerri mootummaa eeyyamuun irra deebiin fooyyessuu akka ta’es himaniiru.

Hanga poolisiifi milishaan akkasumas raayyaa ittisa biyyaa jirutti rifoormiin humna addaan walqabatee sodaan nageenyaa naannoo kamittu uumamu hin jirus jedhaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 7 Bara 2015

Recommended For You

One Comment to “ “Rifoormiin humna addaa Oromiyaafi haalli nageenya naannichaa kallattii kaa’ameen hojiitti hiikama” – Komishinara jeneraalaa Araarsaa Mardaasaa

  1. Pingback: sahabatqq

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *