Qaamolee nageenyaa ijaaruun gaheefi dirqama mootummaa ta’uu ibsame

Finfinnee: Nageenya amansiisaa uumuuf qaamolee nageenyaa ijaaruun, caasessuufi fooyyessuun dhimma mormii kaasuu osoo hintaane gaheefi ittigaafatama mootummaa ta’uu barsiisaafi qorataan saayiinsii hawaasaa Doktar Mulugeetaa Dabbabaa ibsan.

Doktar Mulugeetaan yaada addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, rakkoon nageenyaa yoo jiraate akka biyyaatti malee akka naannoo qofatti kan ilaalamu miti. Rakkoo nageenya akka naannoo tokkotti ilaalamuufi naannoo tokko qofaan qolatamu biyyattii keessa hinjiru. Asuma dhiyootti yoo ilaalameyyuu lolli Kaaba Itoophiyaatti mudate fakkeenya gaarii ta’a. Kanaaf, nageenyaafi birmadummaa biyyaa eeguuf qaamolee nageenyaa haala barbaadameen ijaaruufi caasessuun gaheefi dirqama mootummaati.

Mormii mudate kana karaa nagaan furuuf mootummaan sochii eegaluufi sochii sana keessatti qooda qabaachuu eeranii, mormiin hanqina hubannoorraa kan maddu yoo ta’e hubannoo uumuun waan furamuuf umuriin mormii kanaa daran gabaabaa ta’uun alatti bu’aan siyaasaa yaadames kan fiixaan hinbaane ta’uu ibsaniiru. Biyyi kan waloo waan taateef rifoormiin dhimmi addatti naannoo kamuu yaaddessuu yookiin sodaachisuuf hinjiru jedhaniiru.

Nageenya biyyaa, naannolees ta’e lammii hundaa eeguun dirqama mootummaa ta’uu ibsanii, kana galmaan ga’uuf ammoo qaamota nageenyaa sadarkaan jiran haala qabatamaa biyyattiin caasessuu, ammayyeessuufi ijaaruun barbaachisaa akka ta’es hubachiisaniiru.

Ta’us tibbana naannoo Amaaraatti namootni siyaasaafi rogeeyyiin miidiyaa tokko tokko bu’aa siyaasaa hinmalle argachuuf riiformichi ummata naannicha addatti waan miidhu fakkeessuun burjaajii uumaa jiraachuu kan dubbatan Hayyuun kun, mormii mudate kunis mormii kaayyoo hinqabne ta’uun alatti fedhii hawaasa naannichaa waan hintaaneef mormii laga ce’u akka hintaanes himaniiru.

Mormii qaamoleen muraasni uuman kun lubbuufi qabeenyarratti miidhaa qaqqabsiisuunsaa waan hinoolle kan jedhan Doktar Mulugeetaan, naannoo irra jireessaan lolli Kaabaa hube kana keessatti mancaatiin qabeenyaafi badiin lubbuu dabalataa gaaga’ama inni akka naannoottis ta’e akka biyyaatti fidu itti yaaduun barbaachisaa akka ta’es jala sararaniiru.

“Hangan hubadhetti jijjiirama as murtoo biyya fayyadu malee murtoon biyya miidhu darbee hinbeeku. Biyya kanatti riifoormiin dinagdee, siyaasaafi hawaasummaa taasifamee osoo jiru riifoormiin humna addaa naannolee sababni itti mormii uume ifa miti”.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 7 Bara 2015

Recommended For You

2 Comments to “ Qaamolee nageenyaa ijaaruun gaheefi dirqama mootummaa ta’uu ibsame”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *