Oromiyaatti hidhi bishaan kuusu 255 hojjetamuufi

Finfinnee: Godinaalee hongeen itti mul’atutti bishaan roobaa kuusuuf waggaa afur keessatti hidhawwan 255 ijaaruuf hojjetamaa akka jiru Biiroon Misooma Jal’isiifi Horsiise Bulaa Oromiyaa beeksise.

Hogganaa Ittaanaan biiricha Injinar Alamuu Raggaasaa ibsa addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka dubbatanitti, godina Booranaa dabalatee naannoolee gammoojjummaafi horsiise bulummaan beekaman tokko tokko keessatti hanqina bishaaniifi dheerachuu hongeerraan kan ka’e beeladotni miliyoonan lakkaa’aman dhumaa jiru.

Rakkoolee kanneen bu’uurarraa furuuf Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa Pirojeektii Finnaa jedhamu bocuun bishaan roobaa kuusuuf hojjechaa jiraachuu himanii, bara 2014 irraa eegalee pirojeektota hidha bishaan kuusan ijaaruun jiruufi jireenya hawaasa horsiise bulaa jijjiirurratti akka argamu himu. Bara 2014 irraa eegalee hanga ammattis pirojeektii Finnaatiin hidhawwan bishaan kuusan 73 qarshii biliyoona 30n hojjetamanii xumuurramaa jiraachuu ibsu.

Pirojektoota kanneenin bishaan meetir kuubii miliyoona 700 kuusuun lafa heektara kuma 50 ol jal’isiidhaan misoomsuun abbootii warraa kuma 100 fayyadamoo taasisuuf xiyyeeffannaa addaatiin hojjechaa jiraachuu himu. Pirojektoonni kunneen hanqina bishaanii furuun inisheetivoota qonnaa kan biyyattiin baafatte galmaan gahuuf daraan kan gargaaran ta’uus ni himu. Pirojektoota bara darbe eegalamanii bara kana xummuuramaa jiran keessaa 14 godina Booranaatti kan argaman ta’uufi ariitiidhaan hojjetamaa jiraachuus ni ibsu.

Pirojeektota Godina Booranaatti hojjetamaa jiran keessaa Pirojeektiin Finnaa Worbaatee, Aanaa Gomolee ganda Abunutti argamu isa tokko yoo ta’u, Korporeeshinii Injinaringii Oromiyaatti, Qindeessaan Finnaa Kilaastara Yaaballoo Injinar Mitikkuu Tashoomaa gamasaaniin, ijaarsi pirojeektii kanaa dhibbantaa 95 irra ga’uufi konkiriitii qofti hafuu ibsu.

Rooba tibbana roobenis hanga ammaatti bishaan meetir kuubii miliyoona 1.5 hidhicha keessatti kuusuun danda’amuufi yeroo xumuramu hidhichi bishaan meetir kuubii miliyoona 3.4 kuusuu akka danda’u dubbatu.

Jiraataan gandichaa Horsiisee Bulaan Bokkuu Liiban “Amma mootummaan nu yaadatee jira. Utuu kanaan dura hojiin akkanaa nuuf hojjetameera ta’ee loowwan keenya nu harkaa hindhuman ture” jedhu. Hojiin bishaan kuusuu toora qe’eesaaniitti hojjetamaa jiru daran abdii kan itti hore ta’uus ni himu.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Ebla 7 Bara 2015

Recommended For You

One Comment to “ Oromiyaatti hidhi bishaan kuusu 255 hojjetamuufi”

  1. Pingback: my link

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *