Kenni tajaajilaa magaalaa Asallaa fooyya’aa jira

  • Manneen hojii 14 irratti tarkaanfiin sirreessuu fudhatameera

• Lafti hektaarri torba baankii lafaatti deebi’eera

Asallaa: Tarkaanfii sirreessuu manneen hojii 14 irratti fudhatameen kenni tajaajilaa fooyya’aa jiraachuu Bulchiinsi Magaalaa Asallaa beeksise.

Kantiibaan magaalichaa Obbo Gazaal Hashuu ibsa tibbana Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, magaalichatti hojii kenna tajaajilaa fooyyeessuuf manneen hojii mootummaa komiin bal’inaan irratti ka’u 14 irratti tarkaanfiiwwan sirreessuu fudhateera. Hojjettoota kenna tajaajilaa gufachiisan 50 olirratti tarkaanfiin hojiirraa geggeessuu, seeratti dhiyeessu, sadarkaarraa gadbuusuufi akeekkachiisa barreefamaa fudhatamaniiru.

Akka ibsasaaniitti, bakkeewwan magariisaafi qarqara lageenii dabalatee ijaarsa seeraan alaa magaalichatti geggeeffame to’achuuf caasaan sadarkaan jiru hordoffiifi to’annoo gaggesseen manneen seeraan alaa 400 ol ta’anirratti tarkaanfiin sirreessuu fudhatameera. Lafa hektaara torba gara baankii lafaatti deebisuun danda’ameera. Dhimma kanaan walqabatee namoonni 45 adabbii hidhaafi mallaqaan adabammaniiru. Garafuulduraatti dabalataan qisaasama dinagdee akka hinqaqqabsiisfneef hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa jira.

Tarkaanfii fudhatame hordofee kallattiiwwaniifi sagantaaleen hojmaata kenna tajaajilaa fooyyeessan ka’amuu eeranii, Wiixata, Roobiifi Jimaata manneen hojii hunda keessatti guyyoota tajaajiilli dhaabbataan abbaa dhimmaaf itti kennamu taasisuun hojiin hubannoo uumuu hojjetameera.

Kenna tajaajilaa ammayyeessuuf abbaan dhimmaa bakka jiru taa’ee odeeffannoo ga’aa akka argatuuf ragaa manneen hojii mootummaa magaalichaa googilii waliin akka walqabatu taasifamaa jiraachuu kan himan Obbo Gazaal, akkasumas manneen hojii keessatti kaameeraa dhoksaa (security camera) galchuun hoggansi yeroo barbaadettii seektaraalee komii hammaataan irra jiru adda baasuun hordoffiin jijjirama amalaa hojjetaarratti uumuuf bal’inaan hojjetamaa jiraachuu ibsu.

Dabalataanis, sagantaa dhaddacha kantiibaa hundeessuun Guyyaa Kamisaarraa sekterootaafi abbootii dhimmaa walitti fiduun kenna tajaajilaa ariifachiisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsanii, tarkaanfiifi hojii hubannoo uumuu hamma yoonaatti hojjetameenis kenni tajaajilaa kan bara darbeerra fooyya’aa ta’uufi kanas daran cimsuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbatu.

Fooyya’iinsi galmaa’e jechuun komiin hinjiru jechuu miti kan jedhan Obbo Gazaal, rakkoon magaalichaa dhawaata dhawaataan furamaa jiraachuu ibsaniiru. Keessumaa, rakkoo hanqina bishaan dhugaatii magaalaa Asallaa yeroo ammaa jiru furuuf mootummaan naannoo Oromiyaa pirojektii guddaa qarshii biliyoona 1.4 eeyyamus sababa qaala’iinsa meeshaalee ijaarsaatiin boodatti harkifachuu himu.

Akka ibsa kantiibichaatti, qaala’iinsa jireenyaa sababa alergii qamadiin daldaltoota seeraan alaa to’achuuf rakkoo adeemsa to’annoo keessatti uumameen qonnaan bulaarraa omishni akka barbaachisummaasaatti dhiyaachuu dhabuun jirattoota magaalaarratti dhiibbaa uumeera. Ta’us waldaalee yuniyeeniifi waajjira qonnaa waliin haasa’uun dhorkii bu’e ka’uun fooyya’aa waan jiruuf dhimma gatiin walqabaturratti hojjechuun ittifufa.

Gama biraatiin, gama carraa hojii uumuufi magariisuumma magaalaa mirkaneessuutiin hojiilee gurguddoon hojjetamuu kaasanii, lammilee kuma 19f carraa hojii dhaabbataa uumuu karoorfamee lammilee kuma 15f carraan uumamuu dubbatu. Magariisummaa magaala mirkaneessuuf tarsiimoo ashaaraa magariisaa galmaan ga’uu keessatti bara darbe biqiltuu miliyoona 1.5 dhaabamuun dhibbantaan 98 qabachuufi bara kanaaf biqiltuu gara miliyoona lamaatti dhiyaatan qophaa’aa akka jiran himaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Ebla 7 Bara 2015

Recommended For You

3 Comments to “Kenni tajaajilaa magaalaa Asallaa fooyya’aa jira”

  1. Pingback: ks quik
  2. Pingback: พอด

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *