Gabaa Ayyaana Faasikaa baranaarratti daballiin gatii omishaalee mul’achuun ibsame

Finfinnee: Ayyaana du’aa ka’uu/Faasikaa baranaarratti gatiin beeyladootaafi omishaalee tokko tokko daballii agarsiisuu dhiyeessitootaafi bitattoonni magaalaa Finfinnee yaadasaanii Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennan ibsan.

Giddugala gurgurtaa beeyladaa Gullalleetti daldalaa beeyladaa kan ta’an Obbo Darajjee Mokonnin akka himanitti, haalli bittaafi gurgurtaa gatii sangaa foonii kan bara darbeen yommuu walbira qabamuu qarshii kuma 10-15 dabaleera. Gabaa baranaarratti sangaa foonii sadarkaa tokkoffaa qashii kuma 80 -100, giddugaleessi kuma 60- kuma 80 yommuu ta’u gadaanaan qarshii kuma 40-60ti.

Dhiyeessiin sangaa foonii akka sodaatame utuu hintaane gaarii ta’us bitataan duubatti harkifachuu himanii, akkuma ayyaanni dhiyaachaa deemuun lakkoofsi bitattootaa ni dabala amantaa jedhu akka qabanis himaniiru.

Haaluma walfakkaatuun Obbo Fireewu Dammaqaa ayyaaaa ittiin ooluuf sangaa foonii bitachuu gabaa ba’anis gatii barbaadaniin argachuu akka hindandeenya ibsanii, gatiin sangaa foonii kan bara darbeen yoo walbira qabamu dhibbantaa 30n akka dabale dubbatu. Sangaa foonii sadarakaa tokkoffaa qarshii kuma 90 yommuu ta’u inni gadaanaan qarshii kuma 40 ta’uus ibsaniiru. Sababi dabballi gatii dhiyeessii waliin walqabachuu daladaltootarraa dhaga’eera kan jedhaniiru.

Yeroo dheeraaf daldaala hoolaarratti bobba’anii kan turan Obbo Alamuu Kabbadaa gamasaaniin akka jedhanitti, dabaluun gatii hoolaa ayyaanaaf osoo hintaane yeroo kaanis sanuma. Ta’us ayyaanota dachaa Faasikaafi Ramadaanaan walqabatee gatiin dabaleera.

Gatiin hoolaa kan bara darbeen yommuu walbira qabamu daballii agarsiisu eeranii, hanga oduun kun qindaa’etti shamattootni duubatti harkifatanis akkuma guyyaan ayyaanaa dhiyaachaa deemuun dhiyeessii waliin dabaluu akka danda’u himaniiru.

Bakka gurgurtaa chirchaaroofi jumlaa muduraafi kuduraa Goojjam Barandaatti keessattuu gatiin shunkurtii kiiloo tokko qarshii 50 ta’uu osoo bitaa jiranii kan nutti himan ammoo Aadde Yataamaanyi Huseen. Gatiin shunkurtii kan bara darbeera qarshii 15niin akka dabale ibsaniiru.

Omishaalee hedduurratti gatiin dabaluufi omishawwan kanneen akka qosxaa, paappayyaa irratti daballiin gatii akka hinjirre himanii, mootummaan yeroo murteessaa kana keessatti gatii omishaalee ayyaanaaf oolaniirratti sirreeffama akka taasisu gaafataniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Ebla 7 Bara 2015

Recommended For You

One Comment to “ Gabaa Ayyaana Faasikaa baranaarratti daballiin gatii omishaalee mul’achuun ibsame”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *