“Oromoon teenna nu baraarratteetti” -Jiraattota Booranaa

Yaabelloo: Hawaansi Booranaa Dhaabbata Pireesiif addatti yaada kenneen, balaan hongee isaan mudateen walqabatee deggersi ummatni Oromoo taasiseefiif galateeffataniiru.

“Oromoon nu baraarrateera,” kan jedhe hawaasichi “Jaalalli ummatni keenya wayita rakkina gocha qabatamaan nutti mul’ise daran nu gammachiiseera,” jechuun ibsaniiru.

Jiraataa Godina Booranaa, Aanaa Miyoo, Ganda Bahaa kan ta’an Obbo Didaa Huqqaa, lubbuu hawaasa Booranaa baraaruuf Oromoon kaabaa hanga kibbaatti, bahaa hanga dhiyaatti kallattiilee hundaan deeggarsi obbolummaa kan duudhaa Oromoo ganamaa ta’uu dubbataniiru.

Obbo Didaan akka dubbatanitti, osoo hongeen kun hinmudatiin dura ofiisaanitiif loowwan 70 ol kan qabaniifi galii waggaatti kuma dhibba shanii ol looniifi bu’aa loonii irraa argachaa turan. Amma garuu, loowwansaanii hundi hongeen dhumaniiru.

Booranni kaleessa jedhan Obbo Didaan, ummata elmatee raafatu, horsiisee furdisee qalata ture. Amma garuu hongeen hiyyoomsee eeggatummaa deeggarsaaf saaxileera. Yeroo ammaa kana roobni roobus har’uma roobee waa hinbiqilchu waan ta’ef ammas Booranni manniifi kiisiinsaa duwwaa waan ta’eef ummatni Oromoo deeggarsa lubbuu baraaruu taasisaafii jiru akka ittifufu gaafataniiru.

Deeggarsa ummatni biyyattii, addattuu Oromoon isaaniif taasisetti guddaa gammaduun; ummatichi deeggarsa akka argatuuf hojiin qindeessummaa mootummaadhaan taasifameefiif kan galateeffatan ammoo jiraataa Aanaa Areeroo, Ganda Funaan Obbo Girmaa Boqquuti. Haaluma walfakkaatun jiraataa

Aanaa Areeroo, Ganda Funaanitti barreessaa kan ta’an Obbo Godaanaa Jaldeessaa gamasaaniitiin akka dubbatanitti, lubbuu ummata Booranaafi loowwansaanii baraaruuf hojiin namummaa Oromoo biyya keessafi biyya alaatiin taasifame Oromummaatti waan nama boonsuudha.

Ummatni Booranaaf roobni roobus ummatichi waggoota sadiif hinqotanne, lowwansaas waan harkaa dhumaniif deeggarsi taasifamaa jiru akka ittifufu gaafataniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 30 Bara 2015

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *