“Mootummaan qaala’iinsa jireenyaafi hanqina sharafa alaa furuuf tarkaanfii qabatamaa fudhataa jira” – Doktar Namarraa Gabayyoo

Finfinnee: Qaala’iinsa jireenyaafi hanqina sharafa alaa furuuf mootummaan tarkaanfii qabatamaa fudhachaa jiraachuu Ministir De’eetaan Ministeera Karooraafi Misoomaa Doktar Namarraa Gabayyoo hubachiisan.

Doktar Namarraan ibsa addatti Roobii darbe Dhaabbata pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, mootummaan hanqina sharafa alaa furuuf omishaalee haaraa kanneen akka qamadii alatti ergee sharafa alaa maddisiisuu danda’uunsaa milkaa’ina guddaafi jalqabbii gaarii hundatti abdii horudha.

Qamadii biyya alaa bituun hafee dhaabbileen gargaarsaa idiladdunyaayyuu Itoophiyaarraa qamadii doolaaraan bitanii gargaarsa kennaa jiru. Omishaafi omishtummaa dabaluun hojii xiyyeeffannoo ta’ee sochiin omishaalee haaraa gabaa addunyaaf erguu kunis cimee ittifufa.

Hidhaa Laga Abbayyaa dabalatee pirojektonni guguddoon kanneen akka Koyishaa, Wancii, Gorgoraafi kanneen biroo ijaarsisaanii xumuramee wayita tajaajila kennuu eegalan hangi sharafa alaa maddisiisuusaanii olaanaadha kan jedhan Doktar Namarraan; kana dhugoomsuufis dandeettiin pirojektota jalqabaman xumursiisuu Itooophiyaa haala gaariirra waan jiruuf akkuma barbaachisummaasaaniitti duraa duubaan xumuruuf hojjetamaa akka jiranis ibsaniiru.

Pirojektonni kunneen haaluma humna biyyaatiin dandeettiin omishaafi omishtummaa dabaluusaanii, hangi sharafa alaa maddisiisuufi carraa hojii uumuusaanii ilaalcha keessa galuun irraa jalaan kan xumuraman ta’u.

Hojiin dhaabbilee misoomaa mootummaa tokko tokko gara seektara dhuunfaatti jijjiiruu faayidaan guddina dinagdee inni qabu akkuma jirutti ta’ee sharafa alaa maddisiisuufis yaadamee tarkaanfii fudhatame ta’uu ibsaniiru.

Qaala’iinsa jireenyaa ilaalchisee akkuma Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Mana Maree Bakka Bu’ootaatti ibsan qaala’iinsi jireenyaa sababa rakkoo biyya keessaafi alarraa maddu ta’uu kan eeran Dooktar Namarraan; biyya keessatti rakkoon hanqina omishaalee, sirna daldalaa ammayyaa hordofuu dhabuufi waraana biyyattii gara kaabaatti mudate qaala’iinsa amma jiruuf sababoota guguddoo ta’uu dubbataniiru.

Omishaaleen jiran qixa sirriin gabaa biyya keessaatiif akka hindhiyaanne dhiyeessitootaafi shamattoota gidduu funcaan daldalaa dheeraan jiraachuufi omishaalee dhoksuun rakkoo hundeerraa furamuu qabu ta’uus eeranii, sababa waraana Raashiyaafi Yuukireen akkasumas koviid-19n walqabatee qaala’iinsi gatii gabaa addunyaarratti mudate biyyoota omishaalee heddu alaa galchaniifi hirkattuu gabaa alaa ta’an kanneen akka Itoophiyaarratti dhiibbaan fide olaanaa ta’uu hubachiisaniiru. Haa ta’u malee, rakkoo kana furuuf riiformiin hojiitti hiikamaa jiru bu’aa jajjabeessaa galmeessisuu himaniiru.

Daldalli bilisaa Afrikaa qaala’iinsa jireenyaafi rakkoo hanqina sharafa alaa furuu keessatti akka furmaata tokkootti kan ilaalamu ta’uu kan ibsan Doktar Namarraan; gaba kana keessatti fayyadamaa ta’uufis xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 30 Bara 2015

Recommended For You

One Comment to “ “Mootummaan qaala’iinsa jireenyaafi hanqina sharafa alaa furuuf tarkaanfii qabatamaa fudhataa jira” – Doktar Namarraa Gabayyoo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *