Finfinneetti har’a sirni ‘Ifxaar’ daandiirraa yeroo sadaffaaf adeemsifama

Finfinnee: Sooma Ramadaanaa 1444ffaa sababeeffachuun mataduree, “Ifxaara keenya lammiilee keenyaaf” jedhuun sagantaan Ifxaarii daandiirraa marsaa sadaffaan har’a Bitootessa 30 bara 2015 ni adeemsifama.

Hawaasni Musliimaa Finfinneetti argamu nyaatawwan Ifxaaraa manasaatti qopheeffatu gara sagantichaatti geessuun qaama Ifxaarichaa akka ta’u qopheessitoonni sagantichaa ibsa dhimmicharratti waamicha taasisuunsaanii ni yaadatama.

Ustaaz Abubakar Ahmas ibsicharratti akka jedanitti, akeekni Ifxaara daandiirraa lammiilee humna hinqabne faxxaarsisuufii wajjummaa keenya cimsuudha jedhan.

Sirna Ifxaar daandiirraa kana Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Finfinnee Dhaabbata Tola Oolaa Najaashii wajjin ta’uun kan qopheessan ta’uunis ibsameera.

Oduudhuma walqabateen, Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee jalqaba torban kanaarratti soomana Ramadaanaafi sooma guddicha kiristaana Ortodoksii sababeeffachuun bakka abbootiin amantiifi hordoftoonni amantiialee lamaanii argamanitti kadhannaa waloo taasisuun sagantaa walfaana dhiyaana qooddachuu mooraa bulchiinsichaatti geggeesseera.

Saganticha ilaalchisuun kantiibaan magaalattii Aadde Adaanachi Abeebee “Nuti Itoophiyaanonni wantoota adda nutaasisanirra tokko nutaasisutu caala. Dhiigaan kan walitti makamne bifaan kan waldhaalle duudhaalee waloominaa cimaa ummattoota qabnuudha” jedhan.

Ciminni manneen amantii dhaloota naamusaan qarameefi aadaa hojii cimaa qabu uumuurra darbee ijaarsa biyyaatiif shoora olaanaa qaba. Nageenyi keenya akka mo’uuf haa kunuunsinu. Waan gaarii taasisuu itti yaa fufnu. Irra deebiin ji’a soomanaa gaarii akka isiniif ta’un hawwa jedhan.

Ministirri Muummeenis sooma Ramadaanaa sababeeffachuun lammiilee soomaa jiran kanneen humna hinqabneef afeerraa Irbaataa Ifxaar Masaraa Mootummaatti qopheessuunsaanii ni kan yaadatamu yoo ta’u, ergaa, “Ummanni Itoophiyaa hundi naannawaa keenyatti maaddii haa qoodnu; warra itti hir’ateen haa geenyu” jedhus dabarsaniiru.

Riippoortara gaazexichaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 30 Bara 2015

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *