Waldichi gatii gabaa ayyaanaa tasgabbeessuuf omishaalee galchaa jira

Finfinnee: Waldaan Dargaggoota Caffee Hojii Gamtaa Waliigalaa gatii gabaa ayyaana Faasikaa tasgabbeessuuf omishaalee qonnaa gara garaa gatii madaalawaan fayyadamtootaafi dhiyeessaa jiraachuu ibse.

Ayyaanichaaf omishaalee akka xaafii, shunkurtii, killee akkasumas re’oota, hoolotaafi sangoota bal’inaan galchaa jiraachuu pirezidaantiin waldichaa ibse.

Pirezidaantiin waldichaa Obbo Sanyii Iddashuu ibsa kaleessa miidiyaaf kennaniin akka jedhanitti, waldichi gatii gabaa Ayyaana Faasikaa tasgabbeessuuf xaafii, buuphaa, dhadhaa, ayibii, qoccoo, hindaaqqoo, re’oota, hoolotaafi sangoota baay’inaan omishtootarraa bitee dhiyeessaa jira.

Waldichi deggarsa barbaachisu battalumatti mootummaa biraa argachaa waan jiruuf ummata amanamummaafi kutannoon tajaajiluuf utuu duubatti hinjedhin halkanii guyyaa hojjechaa jira. Waldichi yuniyenota kutaalee Magaalaa Finfinnee waliin waliigaltee taasisuudhaan shira diinni gatii gabaa qaalessuun mootummaarratti dhiibbaa uumuuf xaxaa jiru qabatamaan fashaleessaa jira. Wadichi xaafii galchaa jiru kutaalee magaalaa Finfinnee 11fi aanaalee 121 keessatti raabsuun gatii gabaa tasgabbeessaa jiraachuu himeera.

Waldichi qonnaan bultoonni faddaaltotaan akka hinsaamamneefi mootummaan shira diinni xaxuun akka hingaaga’amneefi ummanni qaala’ina gatiitiin akka hinmiidhamneef gatii gabaa tasgabbeessuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.

Waldichi gatii gabaa ayyaanaa torban lama booda kabajamu tasgabbeessuuf shunkurtii konkolaataa isuzu 30 , xaafii kuntaala kuma ja’a, buuphaa kuma 50, lukkuu kuma 10, re’oota torba, hoolota kuma tokkoofi sangoota 200 galchuun gatii madaalawaan miseensotaafi fayyadamtootaaf dhiyeessuuf hojjechaa jiraachuu pirezdaantiin waldichaa himeera.

Hojjettoonni dhaabbilee miidiyaafi mootummaa qaamoleen nageenyaa hundi liqii kaffaltii ji’a sadiitiin omishaalee waldichi dhiyeessu argachuu kan danda’an ta’uu kan himu Sanyiin, kanaafuu dhaabbileen mootummaa waldicha waliin waliigaltee taasisuudhaan hojjettoonnisaanii omishaalee waldichi dhiyeessu liqii kaffaltii ji’a sadiitiin akka argatan akka taasisaniif gaafateera.

Waldichi yuniyenoota kutaalee magaalaa Finfinnee wajjin ta’uun gatii gabaa tasgabbeessuurratti hojjechaa jiraachuu himu Sanyiin, waldichi dhiyeenya kana erga yuniyenoota kutaa magaalaa Finfinnee waliin waliigaltee taasisee har’a yeroo lammaffaaf omishaalee dhiyeessaa jiru yuniyenootaaf kan raabse ta’uu himeera.

Kutaa Magaalaa Nifaas Silki Laaftootti, Walittiqabaa Ittaanaa Boordii Yuuniyenii Nigaat Banifaas Silki Obbo Ashannaafii Geetaachoon akka jedhanitti, waldicha biraa kaleessa xaafii kuntaala 100 fudhataniiru. Kanaan duras xaafii kuntaala 50 fudhatanii kutaalee magaalichaaf raabsuu himaniiru.

Waldichi omishaalee dhiyeessu yuniyenoota kutaa magaalaa Finfinnee hundaaf dhiyeessaa jiraachuun kan ibsame yoo ta’u, yuniyenoonnis kaleessa xaafii kuntaala kuma tokkoo ol waldicha biraa fudhataniiru.

Yuuniyeniin Nigaat Banifaas Silki gatii gabaa Ayyaana Faasikaa tasgabbeessuuf wantoota ayyaanichaaf barbaachisan xaafiidhaan ala ayibii, buuphaa, lukkuu, re’oota, hoolotaa, sangootaafi daakuu furnoo gatii madaala’aadhaan fayyadamtootaaf dhiyeessuuf hojjechaa jiraachuu kan himan Obbo Ashannaafiin, omishaalee kunneenis aanaalee kutaa magaalichaa 13f gatii madaala’aan dhiyeessaa kan jiru ta’uus himaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 23 Bara 2015

Recommended For You

One Comment to “ Waldichi gatii gabaa ayyaanaa tasgabbeessuuf omishaalee galchaa jira”

  1. Pingback: grote blote tieten

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *