“Rifoormiin yayyabamuun dinagdeen biyyattii egeree abdachiisaa akka qabaatu taasiseera” – Obbo Zamadenah Nigaatuu

Finfinnee: Riiformiin biyyaalessaa yayyabamuun dinagdeen Itoophiyaa bu’uura jabaafi egeree abdachiisaa akka qabaatu taasiseera, jechuun hayyuun dinagdee Obbo Zamadenah Nigaatuu ibsan.

Obbo Zamadenah yaada addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, jijjiirama biyyattiitti mul’ateen walqabatee rifoormiin dinagdee taasifamu bu’aa abdachiisaa galmeessaa jira. Biyyattiitti Jijjiirramaan duras ta’u guddinni dinagdee dabalaa turuun waan hinhaalamne ta’us guddina dinagdee idaadhaan hudhame ture.

Guddinni dinagdee galmaa’e sun rakkoo qabaachuun akkuma jirutti ta’ee sochii dinagdee taasifamaa ture keessatti dhaabbileen misooma mootummaa qofti akka barbaadanitti bakka hundatti motora dinagdee turuu kan yaadachiisan hayyuun kun, seektaroonni dhuunfaaa garuu mooggaatti dhiibamuun taphaan ala akka ta’aniif hojjetamaa turuu ibsaniiru.

Amma garuu rifoormii haaraan walqabatee biyyattii keessatti seektaronni dhuunfaa baankii dabalate damee hundarratti hirmaannaa misoomaa taasisuun guddina biyyaa keessatti qooda fudhachaa jiraachuu eeranii, mootummaanis idaa dabalataa ofitti fuudhuu dhiisee hojii inni idaa biyyattii haqsiisufi xinneessuf hojjetaa jiru daran kan jajjabeeffamu ta’uus himaniiru.

Rifoormiin eegalame kun sektaroota shan kanneen akka qonnaa, maanufaakcharingii, turizimii, teknoloojii (ICT)fi albuudarratti kan xiyyeeffate akka ta’e kaasanii, sektaroota kunneeniirratti yoo ciminaan hojjetame Itoophiyaan tarree biyyoota galii giddugaleessaa qaban cinaa hiriiruunshee fagoo akka hintaane hubachiisaniiru.

Sektara qonnaa akka fakkeenyatti kan eeran Obbo Zamadenah sektarri qonnaa hanga ammaatti itti hinbu’amnerratti yoo hojjetame seektaruma kana qofa guddina dinagdee biyyattii waggaatti dhibbantaa shanii hanga torbaatti dabaluun ni danda’ama.

Hojiin sektaroota dhuunfaa jajjabeessuf taasifamaa jiru hojii baay’ee jajjabeeffamuu qabu ta’uu himanii, keessattu rifoormii kanaan dhaabbileen biyya alaa damee telekominikeeshiniifi baankiitiin akka hirmaatan gochuun jijjiirama abdachiisaafi jalqabbii gaarii ta’uu dubbataniiru. Rakkoo dinagdee biyya kanaa kan ta’e hanqina sharafa alaa furuufis dhufaatin dhaabbilee biyya alaa kun shoora mataasaa akka qabus ibsaniiru.

Egereen dinagdee Itoophiyaa ifa ta’uu himanii, biyyattiin sababoota kanneen akka rakkoo nageenyaafi dhibee koronaarraa kan ka’e guddina galmeessuun isheef malu galmessuu baattus biyya qabeenya uumamaan badhaatuu, biyya dargaggoota humna misoomaa hedduu qabdu waan taateefi kanaan booda walitti bu’insi diinagdeshee gufachiises furmaata waan argateef biyyottan gammoojjii Sahaaraatii gaditti argaman hunda caalaa Itoophiyaan guddinaaf carraalee hedduu qabdi.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 23 Bara 2015

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *