Dirree dimokraasii bal’isuu biratti lammii dimokratawaa horachuu barbaachisa jedhame

Finfinnee: Dirree Dimokraasii bal’isuu qofa osoo hintaane lammii dimokratawaa horachuun barbaachisaa akka ta’e Gaggeessaan Hojii Kongirasii Viizyinii Dimokiraasii Itoophiyaa ibsan.

Gaggeessaan hojii kongirasichaa Obbo Taaddalaa Darsa yaada dheengadda addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin, jijjiirama akka biyyaatti waggaa shan dura dhufeen dirree dimokraasii bal’isuuf hojiilee hedduun hojjetamanii jiru; hojjetamaas jiru.

Jijjiiramni dhufe kun seerota hudhaa dimokraasii ta’an kanneen dimokraasii babal’isuuf gargaaraniin bakka buusuu himanii, kanarraa kan ka’e jijjiirrama dura dhaabbileen sivillii dhorkaman jijjiirama booda eeyyama argachuufi bara jijjiirramaa dura dhaabbilee siivilii dimokraasiifi mirga namoomaarratti hojjetaniif biyya alaatii fandii dhibbantaa 10 ol fudhachuun dhorkaa turuu akka fakkeenyatti kaasuun amma garuu dhorkichi guutummaatti ka’uunsaa babal’ina dhaabbilee siiviliif gumaachuu ibsaniiru.

Bilisummaa miidiyaa faana walqabatees bara jijjiirramaa kana keessa miidiyaan ganama waan dubbateef galgala cufamu hinjiru jedhan.

Jijjiiramni akka biyyaatti dhufe kun biyyattii keessatti bu’uura seeraa dimokiraasii guddisuuf gargaaran fidus, har’as namootni seeran ala hidhamaafi ugguramanii qarshii gaafatamaa jiraachuu himanii, kana furuuf immoo fedhiin ministirri muummeen dimokraasii guddisuuf qaban, dhaabbilee mootummaa sadarkaalee hundaatti gara raawwitti jijjiiramuu akka qabu gaafatu.

Biyyattiitti dimokraasii guddisuuf gochiifi fedhiin ministira muummee qofti ga’aa waan hintaaneef lammiileen biyyattii hundi qixa irraa eegamuun, lammiileen mirga qofa gaafachuu osoo hintaane dirqama irraa eeggamus ba’uu akka qaban hubachiisu.

Dabalataanis, kongirasiinsaanii dhimmoota diimokiraasiin walqabatan irratti miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf, barsiisotaafi barattoota yunivarsiitiif, miseensota poolisiif, hojjettootaafi gaggeessitoota baankiifi inshuraansii akkasumas kutaalee hawaasaa garagaraaf leenjii yeroo gabaabaafi dheeraa kennaa akka jirus yaadachiisaniiru.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad tibbana rawwii hojii ji’oota ja’an darbaniifi gaaffii miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf wayita ibsa kennan akka jedhanitti, Itoophiyaatti dimokiraasii ijaaruuf tattaaffii guddaan taasifamaa jira. Yoo dimokraasii karaa qajeelaadhaan hin yaadne daandiin mootummaa abbaa irrummaa ta’a. Kanaaf, Itoophiyaaf jecha dimokraasii hanqinumasaa waliinuu ittifufsiisuun barbaachisaadha.

Taammiruu Raggaasatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 23 Bara 2015

Recommended For You

2 Comments to “ Dirree dimokraasii bal’isuu biratti lammii dimokratawaa horachuu barbaachisa jedhame”

  1. Pingback: Study in Africa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *