Qabiinsa ragaa lafaa ammayyeessuu: Malaammaltummaa ittisuuf

Finfinnee: Biiroon Lafaa Oromiyaa kenna tajaajilaatiin walqabatee barana riifoormii haaraan gaggeessaa jiraachuu ibse.

Hoggantuu Ittaantuun biirichaa Aadde Zaaraa Kadir gaafdeebii tibbana Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin, dameelee malaammaltummaaf saaxilamoo ta’an keessaa sektarri lafaa tokko ta’uu kaasanii, kanaafis caasaaleen sadarkaa sadarkaarra jiran bifa haaraadhaan akka gurmeeffaman taasifamuufi kana keessattis namoonni akaakuu barnootaa lafaan walqabatee baratan gara seektara lafaatti akka dhufan, warri kanaan alaammoo gara seektara isaan ilaallatutti akka deeman ta’uu ibsu.

Naamusaan walqabatee ammoo kanneen hanqina qaban seektara lafaa keessaa ba’uu qabu kallattii jedhuun irratti xiyyeeffatamee hojjetamuu himanii, ta’us rakkoo kana furuun kan danda’amu sirna qabiinsa ragaa lafaa ammayyeessanii qabuun yoo danda’ame ta’uu ibsu. Kenna tajaajilawwan kennaman hunda teknolojiidhaan deeggaruun yoo kenname rakkinichi ni hiikkata jechuun xiyyeeffannaadhaan hojjetamaa jiraachuus dubbatu.

“Keessattuu kenna tajaajilaa naannawa magaalaatti jirurratti dabaree qabsiisuutiin walqabatee, inni kanaan dura akkanumaan dabaree malee keessummaa’aa tureefi haala walitti dhufeenyaatiin raawwatamaa ture teknolojiin akka hiikamuuf yaalleerra. Fakkeenyaaf ‘security camera’n bakkeewwan garagaraa akka dhaabatu, namni sa’aatii guutuu akka tajaajila kennuuf atteendaansii ashaaraa taasisuufi kkf wantoota akka jalqabbiitti eegalamaniidha. Ta’us godinaalee hunda waliin ga’uurratti ammayyuu ni hafa” jedhu.

Inni biraan saamicha lafaafi rakkoolee lafaan walqabatan sirreessuun kan danda’amu yoo kaadaastara hojiirra oolchuun danda’ame ta’uu kan himan hoggantuu ittaantuun kun, kana jechuun lafti hammamii eenyuun, akkamitti, eessatti qabame isa jedhu cittuun lafaa hundi adda baafamee, safarameefi galmeeffamee yoo beekame qisaasamaafi hanna lafaan walqabatu hambisuun kan danda’amu ta’uu himu.

Akka Aadde Zaaraan jedhanitti, lafti tokko abbaa hinqabu yoo ta’e gara mootummaatti darba; inni abbaa qabummoo ragaa qabatee dhufeetu galmeeffata. Daandii dabalatee cittuun lafaa irra darbamu kan hinjirre yoo ta’u, hundi safaramee kaartaan qopheeffamee mana qopheessaaf kennama. Akka waliigalaatti kanneen irratti xiyyeeffatamee yoo hojjetame rakkoon lafaa ni hiikama jedhamee hojjetamaa jira. Gama kanaan hojiin baadiyyaatti hojjetame jajjabeessaa yoo ta’u, magaalaattis jalqabbiin jiru gaariidha. Ta’us lafa jiru duguuganii kaadaastaratti galchuurratti waanti hafu jira.

Guutuu gaafdeebii Aadde Zaaraa waliin taasifame fuula Keessummaa Bariisaarraa argattu

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 11 Bara 2015

Recommended For You