Pirojektiin qarqara hara Dambal qarshii miliyoona 100n hojjetamaa jiru barana xumurama

Baatuu: Pirojektiin baay’ina turiztii Magaalaa Baatuu dabaluufi qarshii miliyoonaan 100n hojjetamaa jiru baranuma akka xumuramu kantiibaan Magaalaa Baatuu beeksisan.

Kantiibichi Obbo Gazaahany Dajanee ibsa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiif kennaniin akka jedhanitti, pirojektichi baay’ina daaw’attoota Magaalaa Baatuu kan dabaluudha. Pirojekticha ji’oota shan keessatti xumuruuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira.

Piroketichi turistoota alaa dhufaniifi guyyaa tokkotti ummata baay’ee keessummeessuu kan danda’uudha kan jedhan kantiibichi, kiiloo meetira 1.8 kan dheeratu yoo ta’u, paarkii magaalaa ammayyaa hektaaraan hektaara 30 bal’atu qarqara harichaatti kan uwwisuudha jedhan.

Pirojekticha hojiitti galchuuf qophiin waggaa tokkoo taasifamuus eeranii, boqonnaa tokkoffaansaa hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Boqonnaa jalqabaa pirojektichaatiin hojiin sheediiwwan hojjechuufi meeshaalee barbaachisoo buusuu adeemsifamaa jira kan jedhan Obbo Gazaahanyi dargaggoota kuma ta’aniifis carraa hojii akka uumu ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, pirojektichi bara bajataa kanatti xumuruuf kan karoorfame hara Danbal faalamarraa ittisuuf yoo ta’u, lammaffaan ammoo yaa’iinsa turistootaa magaalattii dabaluufi. Pirojektichi carraa hojiitiin walqabatee dargaggeessaaf qurxummiifi sheedota meeshaalee adda addaa itti gurguranis ni qaba.

Pirojektiin qarqara hara Dambal ayyaanota addababa’ii kajabamaniifi taateewwan amantiifi motummaa keessummeessuu kan danda’u ta’uu eeranii, biskileetiidhaan miiloo meetira 1.8 imaluun akka danda’amu taasifamee hojjetama jedhan. Jiraattonni Magaalaa Baatuu baay’een biskileetiidhaan waan socho’aniif pirojektichi magaalattiif murteessaadha jedhan. Kana malees haala jiraattonni qarqara harichaatti sochii miilaa taasisuufi daa’immann taphachuu dandeessisuun kan hojjetamuudha jedhan.

Riippoortara Gaazexichaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 11 Bara 2015

Recommended For You